Dhukkubni vaayirasii koronaa (corona virus) jedhamu durumaan dursee kan argameefi namoota hedduu kan qabataa ture ta’uun akkuma beekamutti ta’ee, yeroo ammaa akka addunyaatti sadarkaa sodaachisaafi dhala namaa dhiphina guddaa keessa galchurra jira.
Dhukkubni akka ALA bara 2003, Chaayinaa keessatti ka’ee namoota baay’inaan gara 8,096 qabachuun lubbuu namoota namoota 774 galaafateera. Namoota lubbuunsaanii darbe kanneen keessaa ammoo hedduun isaanii maanguddoota waggaa 60 olii akka turan himama.
Dhukkubni kun deebi’ee sadarkaa addunyaatti kan haala nama sodaachisuun mul’ate Chaayinaa, magaalaa Wuhaan jedhamtutti yoo ta’u, yeroo ammaa kana keessa gara biyyoota 14tti babal’achuusaafi biyyoota baay’ee keessatti ammoo sadarkaa shakkiin namoonni qoratamaa jiran jiraachuu himameera.
Chaayinaa keessatti haga ammaatti namoota 200 kan ajjeeseefi hanga namoota kuma 10 kan qabate ta’uu midiyaalee garagaraatiin gabaafameera.
Haaluma kanaan magaalonni biyyattii hedduun guutummaatti ykn gartokkeedhaan cufamanii kan jiraniifi akkasumas biyyoonni biraallee eegannaa guddaa taasisuuf buufata xiyyaaraa saaniirratti qorannaa kan geggeessaa jiru.
Dhukkuba kana dhukkuboota biroorraa baay’ee sodaachisaa kan taasisu, haala ittiin daddarbuudha. Waluumaagalatti maalummaa dhukkubichaafi haala kamiin akka daddarbu akkasumas akkamiin akka ofirraa ittisuun danda’amu haala armaan gadiin haa ilallu.
Dhukkubni vaayirasii koroonaa (corona virus) jedhamu maali?
Vaayirasiin koronaa (coronavirus) kan jedhaman akaakuuwwan (family) vaayirasii kanneen baay’inaan hedduu ta’aniifi yeroo hedduu bineensota akka gaalaa (camels), loon (cattle), adurree (cats)fi sinbira halkanii keessa jiraatan yoo ta’u, darbee darbee bineensota kana irraa gara namaatti darbu.
Bineensota kana irraas gara namaatti kan daddarban karaa hedduu yoo ta’u, horiin manaas ta’e kan alaa erga dhukkuba kanaan qabamee booda: foon dheedhii yoo nyaatan, annaan horii sanii yoo dhuganiifi akkasumas tuttuqqaa kallattiin horii dhukkuba kanaan hubame waliin godhamuun illee gara namaatti darbuu danda’a. Vaayiresiin kun erga namatti darbee booda ammoo nama vaayiresii kanaan qabame irraa gara nama fayyaatti haala salphaadhaan daddarbuudhaan babal’achaa deema.
Akkamiin namarraa namatti daddarbaa? Mallattoo akkamii argisiisa?
Vaayirasiin kun akkuma vaayiresoota sirna hargansuu namaa hubanii kan birootti yoo namni dhukkuba kanaan qabame qufa’u (coughing) ykn haxxiffatu (sneezing) gara nama bira jiruutti darba. Kunis yoo bishaan xixiqqoon afaaniifi funyaan nama hubamee kana keessaa ba’ee faca’u, namni fayyaan ammoo qilleensa waliin gara sombaatti ol fudhatuudha.
Namni tokko dhukkuba kana kan sirriitti (ciminaan) gara nama biraatti dabarsu yeroo mallattoon dhukkubichaa cimaa ta’ee nama sanarratti mul’atuudha. Vaayirasiin kunis baya’inaan kan daddarbu, bakka namoonni walitti dhiyaatanii turan akka gabaa, walga’ii, mana barumsaa, geejjiba hawaasaafaa keessatti.
Vaayirasiin kun erga qaama namaa seenee booda guyyota lamaa hanga torbaa gidduutti mallattoo argisiisuu eegala. Kana jechuun vaayirasiin kun erga namatti darbee hanga guyyaa torbaattillee dhokatee utuu mallattoo hinargisiisiin qaama namaa keessa turuu danda’a jechuudha.
Walumaagalatti namoota vaayiresiin kun qaamasaanii seene keessaa hanga dhibbantaa 95 ta’an hanga guyyoota 10tti mallattoo argisiisuu eegalu. Vayiresiin kun akkuma qilleensa waliin gara sombaa seenee booda sombaafi qaamolee hargansuu biroo hubuudhaan akka namni sirriitti arganuu hindandeenye taasisa.
Haaluma kanaan dhibee argansuu kan “Dhibee Hargansuu Cimaa” yokaan “Severe Acute Respiratory Syndrome” namatti fiduudhaan lubbuu galaafata. Vaayiresiin kun erga sirna argansuu namaa hubee booda mallattoolee hedduu argisiisuu eegala.
Mallattoolee kanneen keessaa kan yeroo hedduu mul’atu kan akka: ho’iinsa qaamaa (fever), qufaa (cough), hol’achiisuu ykn room’isiisuu, qaama caccabsuu (dhukkubbii maashaa), laphee gubaafi dhukkubbii mataa fa’i.
Vaayirasiin Kun Namoota Qabate Keessaa Hagam Ajjeesaa?
Vaayiresiin kun erga gara namaatti darbee mallattoo argisiisee booda namoota qabate keessaa haga dhibbantaa kudhan lubbuu galaafata jedhame yaadama. Kana jechuun namoonni dhibbi tokko vaayiresii kanaan yoo qabaman, kanneen keessaa gara nama kudhanii kan lubbuun dabarsuudha.
Carraan lubbuun darbuu namoota vaayirasii kanaan qabamanii walqixa miti. Kana jechuunis yoo namoonni qabaman sun umriin kan baay’ee dullooman ta’e, dhukkuboota biroo akka dhukkuba sukkaaraa dhukkuba vaayiresii tiruu ‘B’fi kkf kan duraan qaban yoo ta’eefi mallattoowwan inni argisiisu cimaa ta’uudhaan kan sadarkaa hospitaala ciibsuu irraan kan geessisu ta’e carraan sababa dhukkuba kanaan lubbuun darbuu isaanii olka’aadha jechuudha.
Dhukkubni kun qoricha qabaa? Yaalamuu danda’amaa?
Akkuma dhukkuboota vaayirasiin dhufan kanneen biroo hedduu haga ammaa qorichi dhukkuba vaayirasiin koroonaa dhufu kana ni fooyyessa ykn ni fayyisa jedhamee yaadamu hinargamne. Haaluma kanaan mana yaalaatti gargaarsa dabalataa (supportive care) gochuu irraan kan hafe wal’aansi addaa godhamus hinjiru. Kun ammoo dhukkubsatanii dhukkuba kanarraa yaalamuu caalaatti dhukkubicha ittisuurratti xiyyeeffannoo guddaan godhamuu akka qabu agarsiisa.
Talaalliin (vaccine) dhukkuba kana namarraa ittisu haga ammaa kan jirreefi biyyoonni akka Chaayinaafaa yeroo ammaa taalalliisaa omishuuf qorannoo cimaa gochaa akka jiraniifi abdii akka qaban ibsaa jiru.
Akkamiin ofirraa ittisuu dandeenya?
Haala dhukkuba kanaa yoo ilaallu biyyoota akka biyya keenyaa ta’an yoo seene daran yaaddessaafi to’achuun kan hedduu ulfaatu ta’uu tilmaamuun ulfaataa miti. Sababnisaas dhukkubi kun kan daddarbu qilleensarraan waan ta’eef biyyi keenya teknolojiis ta’e baasii ittiin dhukkuba kana to’attu waan hinqabneefi.
Kanaaf dhukkuba kana akka biyya hinseenne ittisuun (prevention) filannoo isa jalqabaafi dhumaati. Daddarbuu dhukkuba kanaa akkamiin ittisuu dandeenya kan jedhuuf ammoo:
- Yeroo mara hanga dandeenye harka keenya saamunaafi bishaan qulqulluun yoo xiqqaate sekondii 20 siriitti dhiqachuu.
- Yoo saamunaa dhabne ammoo alkoolii harka keenya ittiin qulqulleeffachuuf qophaa’e kan mana qorichaa (faarmaasii) kamittuu argamuu danda’u bitachuudhaan harka keenya sirriitti waliin geenyee rigachuu.
- Akka carraa haalota armaan olii fayyadamuudhaan harka keenya kan hinqulqulleefatiin yoo ta’e harka keenya haga qulqulleeffannutti, harka keenyaan afaan keenyaafi funyaan keenya tuttuqquu dhiisuu.
- Nama dhukkuba kanaan qabame yknn naannawa dhukkubi kun argametti mallattoo dhukkuba kanaan shakkame yoo kunuunsinus ta’e dubbisnuufi kkf daran itti siquu (close contact) dhiisuu.
- Yoo dhukkuba kanaan qabamne ammoo ala baanee hawaasatti makamuu dhiisuudhaan mana taa’uu, maatii keessa jiraannuufi namoota mana keessa jiraniifillee eeggannoo cimaa taasisuu.
- Yoo dhukkubsanne, yoo qufaanu yoo argame firaangaluu (maskii0 ykn haguugduu afaanii godhachuu, dhabame ammoo afaaniifi funyaan keenya huccuudhaan haguugnee qufa’uufi haxxifachuu.
Gurmeessaa Hinkoosaa
Fayyaan Faaya
Horaa Bulaa
Gaazexaa Bariisaa Amajji 23/2012
11 Comments to “Dhukkuba vaayirasii koroonaa”