Ilaalchi kee jireenya kee ni murteessa. Ilaalchi hundee milkaa’inaa yookaan kufaatii ati kanaan dura qabaachaa turtee yookaan gara fuula duraatti qabaattuuti. Ilaalchi ati qabdu itti gaafatamummaa guddaaf si qopheessuus ta’e bakka jirtuu gadi si buusuu ni danda’a.
Ilaalchi kee jireenya kee to’achuus ni danda’a. Ilaalchi akka ati wantoota jiranitti gammadduufi jajju yookaan tuffattuufi olola summa’aa irratti tamsaastu kan si taasisu hundee hamaa irratti dammaquun gogsuu maltudha. Wanti bayeessi yoo irratti hojjette ilaalcha kee to’achuufi mo’achuu ni dandeessa.
Wanti guddaan dagatamuu hin qabne sochiin kee firii ilaalcha keetiiti. Ilaalchi gaariin firii gaarii qaba. Ilaalchi hamaan ija hamaafi hadhawaa naqata. Ilaalchi hamaan namoota kan biraa qofa utuu hin ta’in abbaa miidha.
Namni aaree summii yoo dhuge nama kan biraa utuu hin ta’iin mataasaa miidha. Akkasumas namni namaaf ilaalcha hamaa qabu hundumarra of miidha.
Isa kana gama fayyaan, xiin-sammuun, miiraafi umurii dheeraa jiraachuun walqabate kanaan dura ilaalleerra. Namni ilaalcha hamaa qabu isaan kana hundumaa ni dhaba.
Kanaaf ilaalcha kee irratti hojjechuun barbaachisaadha. Isa kanaaf ammo wanti gochuu qabnu ilaalcha hamaa keessaa ba’uuf yaada hamaafi wantoota hamaa yaaduutti nama geessan keessaa ba’uun barbaachisaadha.
Irra deddeebi’anii yaada hamaa gara keenya dhufan yaaduun ilaalchi hamaan akka qaama keenya ta’u ni taasisa. Yeroo keessas amala keenya ta’uun akka hamaatti akka nuti hin ilaalle nu taasisa.
Wanti nuti dagachuu hin qabne yoo jiraate ilaalchi hamaan hamminaafi balaa qofa harkisa. Wanti gaariin inni fidee dhufu hin jiru. Namni ilaalcha hamaa qabu yeroo hundumaa waan hamaa sababa eeguuf waan hamaatu mudata. Isa kana jijjiiruun murteessaadha.
Ilaalchi akkasii kun utuu nu hinballeessiin balleessuun gaariidha. Ilaalcha hamaa keessaa ba’uuf sammuu keenyarratti hojjechuutu barbaachisa. Inni kun ammoo rakkisaa miti. Akkuma itti ilaalcha hamaa gabbifanetti yaada moofaa of keessaa baasuun isa haaraa shaakaluu gaafata.
Fakkeenyaaf namni dhugaatii yookaan araada keessaa ba’uu barbaadu amala gaarii shaakaluufi isaan bakka buusu gaafata. Akkasumas namni ilaalcha hamaa gabbifate tokko utuu rakkoof hin saaxilin dursee irratti hojjechuun barbaachisaadha. Ilaalchi hamaan akka gara keenya hin dhufne gochuun nutti cimuu danda’a ta’a. Haa ta’u iyyuu malee ilaalcha hamaa isa gaariin bakka buusuu ni dandeenya.
Isa kana namootni hin simanne ni jiraatu. Ilaalchi hamaan amala dhala namaa sababa ta’eef akka rakkoo hin qabnetti dubbatu. Namootni hedduun isa kanaan of amansiisanii of gowwomsaa jiraatu. Inni kun garuu dhara hamaadha. Saayinsawaas miti. Dhugaa irraas fagoodha.
Isa kanaanis of jajjabeessaa jiraachuun miidhaa mataa isaa danda’e qaba. Sababiin isaa namootni yaada kana qabaachuun ilaalcha alta’umsa qabaachuu ni danda’u.
Ilaalcha hamaas akka of irratti moosisaniif karaa bana. Kana irraa kan ka’e jireenyi namoota hedduu milkaa’inaafi gammachuu hin qabu. Ilaalchi maatii keessatti, bakka hojiitti, walitti dhufeenya namootaa wajjin qabnuufi taatee addaa addaa keessatti daran barbaachisaadha.
Ilaalchi hamaan wantoota gaarii jajamuu malan waraqaa gurraachaan maree akka waan homtu keessa hin jirree kan taasisudha. Inni kun hatattamaan hin jijjiiramu taanaan akka dhuunfaattis ta’e nurra qaari’uunis namoota naannoo keenyaa irratti miidhaa cimaa ni geessisa.
Fakkeenyaaf warri adiin ‘appilii tortore’ jedhu. Appiliin tokko yoo tortoru appilii naannoo isaa jiru tortorsuuf dandeettii cimaa qaba. Kanaaf appiliin tortore utuu warra kaan hin tortorsin keessaa balleessu. Ilaalchi hamaan akka appilii tortoreeti. Namoota kan biraatti ce’uu kan danda’u afuura hamaadha.
Wanti guddaan nama ajaa’ibsiisu garuu wanta hamaa akka dhuunfaattis ta’e akka hawaasaatti nama miidhu kana namootni hedduun utuu hin beekiin bifa jibbaan of irratti moossisusaati. Nama tokko yoo jibban wantoota namni sun godhu hundumaa ija hamaan ilaalu.
Gaarii inni hojjeteef gatii wal qixa hin kennan. Nama jibban keessa wantoota jiran hundumaa ni balaaleffatu. Inni kun abbuma miidha. Ilaalcha alta’umsa qabaatanii firii gaarii eeguun hin dandaa’amu. Dawaa itti barbaaduun garuu barbaachisaadha. Dawaan isaas ilaalcha hamaa of irraa qolachuun jireenya ofii irratti jijjiirama fiduudha.
Haa ta’u iyyuu malee attamitti isa kana jijjiiruu dandeenyaa? Isa kana ilaalchisee qorannoowwan garagaraa ilaalcha hamaa of irraa molqanii gatuun akka dandaa’amu ni dubbatu.
Biyya Ingiliziitti (Kings college) Kolleejjii Kiingis kan jedhamu manni barumsaa namoota dhiphina irraa ka’een dhukkubsatan (anxiety disorder) 102 bakka sadiitti qooduun akka isaan yaalii armaan gadii godhan taasise.
Gartuun jalqabaa torbanoota darban muraasa keessatti wantoota isaan yaaddessaa turan yookaan dhiphisaa turan sadii akka dhumni isaa gaarii ta’u fakkii isaa sammuu isaanii keessatti bifa suuraan akka ilaaluu danda’an taasisan.
Gartuu lammaffaa ammo waa’ee wanta isaan dhiphisuu akka waan garii haasa’an, dubbatan taasisan. Keessumatti yeroo dhiphachuu yookaan yaadda’uu eegalan akka wantootni isaan dhiphisan yookaan yaaddessan sun gaarii ta’an afaan qofaan akka dubbatan taasisan.
Gartuu sadaffaa ammo waan isaan yaaddessu hundumaa akka hamaatti utuu hin ta’in bifa ta’umsaan akka sammuu isaanii keessatti suuran taasifaman.
Dhuma irratti gartuun wantoota isaanii yaaddessaniif suura gaarii sammuu isaanii keessatti qaban dhukkuba dhiphinaa (Yaaddoo) keessaa ba’uun jireenya gammachuufi tasgabbii qabu jiraachuu eegalan.
Darbees qorannoon Yuunivarsiitii ‘UC Riverside’ jedhu keessatti bara 2005 namoota 275,000 irratti geggeefameen namootni gammachuu qaban namoota ilaalcha gaarii qaban akka ta’e mirkaneessa.
Inni guddaan garuu gammachuu qabaachuu isaanii qofa utuu hinta’in milkaa’oodha. Kanaaf milkaa’inni gammachuu fida utuu hin taane gammachuun milkaa’ina akka fidu mirkaneessa.
Namootni jireenya isaanii keessatti gammadaa jiraatan namoota biratti kan jaalataman, ofitti amanamummaa kan qaban, fuula duraaf abdiin kan jiraataniifi isa kana irraa akka firii gaarii argatan mirkaneessa.
Darbees Yuunvarsiitii Kentucky jedhamutti Dr. Segerstrom namni jedhaman qorannoo waggaa 30 ol qoratan keessatti namootni yeroo wanti isaan dhiphisu isaan mudatu xannachi adernaalin jedhamu haala keessa jiran dandamatanii injifatanii akka jiraatan kan taasisu dhangala’aa adreenaaliin jedhamu akka dhangalaasuufi inni kun ammoo akka namootni haala isaan mudate dandamatan kan taasisuudha.
Inni kun itti fufiinsaan yoo ta’e garuu humni ittisa dhukkubaa namoota jireenya akkasii keessa jiranii dadhabaa kan deemuufi dhukkubsatoo, namoota dhiphatoofi yaadda’oo akka ta’an mirkaneessa. Isa kanaaf ammoo furmaatni isaa yoo haala keenya jijjiiruu dadhabne illee akka itti yaadnu jijjiiruu akka qabnu qorannoon kun nimirkaneessa.
Walumaa galatti ilaalchi keenya dhiibbaa mataa isaa danda’e qaba. Milkaa’ina jireenya keenyaa, fayyaa keenyaafi egeree keenyaa ni murteessa. Yeroo fudhachuun yaaduun, bakka jijjiiruu qabnutti jijjiiruu, haala keessaa ba’u qabnu keessaa ba’uu, waan irraa fagaachuu qabnu irraa fagaachuu, namootas ta’e haalota tarii suura isaanii bifa hamaan sammuu keenya keessa keenyee ittiin dhiphannu gara gaariitti geeddaruun barbaachisaadha.
“Haala abjuu kee marse hundumaaf ilaalcha ta’umsaa qabaadhu. Wantootni si mudatan yoo heeyyamte qofa abjuu kee miidhu. Inni guddaan si miidhu; ilaalcha keeti; akka ati itti haala si mudate ilaaltudha!”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012
3 Comments to “Ilaalchi hamaan summiidha, abbaa dhuge miidha”