Dachee sabaaf sablammii, haadha amantaa kumaatamaa,deessuu aadaaf duudhaa garagaraa Itoophiyaan biyya hirmaannaa ilmaansheen ijaaramteedha malee kan saba tokkoo miti.
Kanaafuu kabajniif ayyaanonni gara garaa ibsituu sabaaf sablammiilee biyyattii yeroo garagaraatti gaggeeffamu.Kanaafisayyaanota kanneen akka Irreechaa, Fiichee Cambalaalaa, Masqalaa, Ayyaanni seeraa Saba Halaabaafi ayyaana Ashandaa akka fakkeenyaatti eeramu.
Ayyaanonni hundi aadaa, duudhaa, safuufi sirna ittiin kabajaman kan qaban yoo ta’u, siyaasa kamirraayyuu bilisa ta’uun eenyummaa sabichaa kan calaqqisiisaniidha.
Kun ta’us harcaatonni dheebuu siyaasaa qaban sirnoota kana dahoo godhachuun summii siyaasaa nageenya hawaasaa booressu facaasaa akka jiran ifatti mul’achaa jira.
Gaggeessitoonni siyaasaa kaayyoo dhaabbilee amantiifi siyaasaa waliin makuudhaan amantaa dahoo godhatanii ayyaanota adda addaa madda jequmsaa taasisuuf utuu yaalii garagaraa taasisanii mul’atu.
Akka heerri eerutti, amantaaf siyaasni gargar ta’anis shirri siyaasaa manneen amantaa keessatti xaxamu rakkoo nageenya sabaaf sablammiilee biyyattii gaaffii keessa galchaa jiru ta’ee mul’ataa jira.
Keessumattuu siyaasaaf amantaa walitti hidhuun masgiidota gubuu, manneen amantaa kiristaanaa gubuu, lammiilee hiraarsuun, keenyatu caala jechuun, amantaaleen biroo akka Itoophiyaa keessa hin jirreetti lakkaahuun heddummaachaa jira.Keessumaa maqaa tokkummaa Itoophiyaa durii deebisna jedhuun humnoonni amantii sabaaf sablammiilee hacuucuu barbaadan dhalachaafi walhoraa jiru.
Humnoonni kun raacitii sirna darbeen biyya keessaafi alatti of ijaaruun olaantummaa saba tokkoo, afaan tokkoo, amantaa tokkoo jedhu babal’isuun eenyummaa sabootaa ukkaamsuuf sosochii taasisaa jiran nageenya uummattootaa booresaa jira.
Hojiin shiraa kun akka isaaniif milkaa’uuf mataatti gonfoo kabajaa amantaa haguuggachuun bobaa jalatti siyaasa summaawaa biyya diiguun wal ijaaraa jiru.Siyaasnisaanii kun bobaaf diinqa isaanii keessaa bahee bakkeetti mul’achuu akka eegale ayyaana cuuphaa alana akka Itoophiyaatti kabajamerraa hubachuun nama hindhibu.
Alaabaa heerri biyyattii raggaassisee itti fayyadamaa jiru gatuun alaabaa sirna fiiwudaalizmiifi gabroomfataa durii kabaja ayyaana cuuphaarratti qabatanii bahuun kun biyyattiin hogganaa seera kabachiisu kan dhabde ishee fakkeesseera.
Biyya mootummaan jiru keessatti alaabaa sirna fiiwudaalizmii baatanii bahuun sabaaf sablammii tuffachuu, walqixxummaa amantaa diiguu yaaluufi olaantummaan seeraa kabajuu dhabuu agarsiisa.Alaabaan sirna fiiwudaalizmii kun ilmaan cunqurfamoo biratti akka diinaatti kan ilaalamuufi mootummaa aangoorra jiru kan faallessu ta’ee osoo argamuu miira maal nadhibdeen callisanii bira darbuun mootummaas ni taajjabsiisa.
Fedhiif hawwii siyaasaa kamiyyuu qabaatan maqaa amantaan siyaasni dhokataa tatamsa’aa jiru kun nageenya uummataaf yaaddoo, imala mootummaa aangoorra jiruuf hudhaa ta’aa har’aa borii bira darbamaa jira.
Ilmaan cunqurfamoo sirna fiiwudaalizimii balaaleffataniifi faallaa ta’an bu’aa warraaqsa aarsaa qaalii lubbuufi dhiigaan argame kana tikfachuuf jecha harcaatota sirna fiiwudaalizmii deebisuuf abjootan kana mormuuf sosochii taasisaniin lubbuun namoota nagaa hedduu darbaa jira.
Alaabaa fedhan baatanii deemuun dimokiraasii ta’us daangaa seeraa taa’ee jiru faallessuun amantiitti fakkeessanii alaabaa sirna Minilik manneen amantaa keessatti mirmirsuun balaa biyya diigu kan baatudha.
Manneen amantaa kamiyyuu kan sabootaaf sablammootni garagaraa keessatti waaqasaanii kadhataniif galateeffatan ta’uu utuu qabuu bakka siyaasni itti lallabamu ta’ee argamuunsaa namoonni amantii isaaniitti akka kufan gochaafi garjabummaa akka fakkeenya gaariitti fudhachuun lammii akka ajjeesan taasisaa jira.
Namni kamuu siyaasa barbaade hordofuu danda’us siyaasa mataasaa saba biraarratti ykn nama biraarratti fe’uuf yaaliin manneen amantaa keessatti gaggeeffamu dogoggora guddaa fooyya’uu maluudha.
Kanamalees manneen amantaa keessatti alaabaa mul’istuu siyaasaa ta’e calaqqisiisuun naamusa amantaa kan cabsuufi waaqa waaqessan sana waliinis kan adda nama baasudha.Ayyaana guddaa Cuuphaa akka biyyaatti sabaaf sablammoota biyyattii garagaraa biratti kabajamu kanarratti alaabaa sirna Minilik qabatanii dhaadachuun xiyyeeffannoon mootummaa dhibuu kan agarsiisudha.
Kanamalees mirga sabaaf sablammii amantaa walfakkaatu hordofu kan dhiibuufi diigamni guddaa amantaa keessatti akka dhalatuufi nageenyi akka boora’u waan godhuuf mootummaan dammaquun olaantummaa seeraa kabachiisuu qaba.
Magaalaa guddoo biyyattii teessoo mootummaa taate keessatti mootummaan hinjiru hanga jedhamutti alaabaa biyyaa dhiigaafi lafee qabsaa’otaan argame busheessuun; alaabaa sirna fiiwudaalizimii calaqqisiisu dhaabbileen mootummaa osoo hinhafin addabaabaayiiwwan irratti fannisuun kun Itoophiyaanota hedduu mufachiiseera.Kanaa wajjin walqabatee bakkeewwan garagaraatti walitti bu’iinsi uumamee gaaga’amni qaqqabes tokko lama miti.
Hanga harcaatonni sirna fiiwudaalizmii hundeedhaan hin buqqaanetti nageenyaafi aadaa waldanda’uu sabootaafi sablammoota Itoophiyaa mirkaneessuuf yaaduun hin dandahamu.
Faarfannaan manneen amantaa siyaasa, uffannaan amantaa siyaasa, mallattoofi asxaan amantaa siyaasa ta’etti namni ykn amantaan kamiyyuu sodaa Waaqaafi safuu beeka jedhanii yaaduun gaaffiidha.
Siyaasa barbaadan hordofuun mirga ta’us maqaa amantaan sabaaf sablammoota birootti fe’uuf yaaliin taasifamu seermaleessummaa gadhiisii ta’eefi hordoffii olaantummaa seeraa dhabe waan ta’eef callisni mootummaa ammas gaaffii uummata bal’aa ta’aa jira.
Wanni ajaa’ibsiisaa biroon alaabaan Minilik manneen amantaa Ortodoksiin alatti bakka masjiidonni Muuslimaa jiranittillee maxxansuuf yaaliin taasifame walqixxummaa amantaa kan diiguudha.
Dirreen amantaa garagaraa jiraatus asxaa amantaa biraa kan nama biroorratti fe’uuf yaaluun seermaleessummaa dafee sirrachuu qabudha.
Kunuu ayyaana cuuphaa ‘UNESCO’tti galmeessisuuf sosochii taasifamu keessatti alaabaa Minilikiin alaabaan kanadha, Itoophiyaan tokkodha jechaa saba biroorratti fe’uuf aggaammii warraaqsi harcaatotaan taasifamu kun hammam deeggarama laata?
Siyaasaaf amantaa fedhan hordofuun akkuma jirutti ta’ee miira ofii saba biroorratti fe’uuf yaaluun, maqaa amantaan lallabni siyaasaa gaggeeffamu dhaabachuu qaba. Isa kana dhugoomsuufimmoo mootummaan aangoorra jiru imaanaa hawaasni itti kenne bahachuutu irraa eegama.
Keessumattuu abbootiin amantaa kaabbaa amantaa, gonfoo amantaa, macaafa kakuu, gabatee kakuu baatan, siyaasa bobbaa jalatti baatanii deeman buusanii dhaabbata amantaa sanaaf akka jiraataniif karaa amantaa kadhatni karaa mootummaammoo adabni arjoomamuufii qaba.
Kuni hanga hin taanetti harka tokkoon fannoo baachaafi faannoo faarsaa harka biraatiin ammoo abaarsa baachuun rakkoo nageenyaa naamusni amantaa hindeeggarre waan ta’eef of qusachuun barbaachisaadha.
Kuni ta’uu baannaan biyya sabaaf sablammiin 83 ol keessa jiraatuufi amantaan gara garaa keessatti heddummaatu keessatti miira wal danda’uufi Itoophiyaa haaraa ijaaruuf yaaliin taasifamu abjuu ta’ee hafa.
“Qiddaaseen jalaa dhumnaan geerarsa (Qarartoo) itti dabale” akkuma jedhamu abbootiin amantaa kakuu amantichaa barsiisuuf dhaabatan arrabasaanii lallaba badiisaa irraa qusatanii nagaa buusuuf qalbii diddiirrachuu kan qaban yoo ta’u, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf taa’es daangaa seeraa eegsisuun dirqamsaati.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012
9 Comments to “Mataatti gonfoo amantaa bobaatti siyaasa summaawaa”