Jalqabbii gaarii jajjabeeffamuu qabu

Biyya keenyatti yaadni ‘himachuurra himatamuu wayya’ jedhu irra deddeebiin dhagahamaa ture. Yaadni abdii kutannaa of keessaa qabu kun bu’aa ba’ii hamaa tajaajila abbaa seerummaa keessatti mudataa turerraa kan madde ta’uun ni beekama.

Akka seeraatti tajaajilli abbaa seerummaa bakka haqni dabe itti sirreeffamu ta’ee otoo jiruu iddoo abbaan dhimmaa dheerina beellamaafi sababoota adda addaatiin gidiraa argaa itti tureedha jechuun ni danda’ama.

Bu’aa ba’ii kana keessatti galmeen baduun, keessummeessa gaarii dhabuun ifatamuun hanga yeroo dhiyootti komii naannawaa manneen murtii sadarkaalee adda addaarratti argamanirratti irra deddeebiin dhiyaachaa turaniidha.

Naannummaafi amaloonni badoon garagaraa calaqqisaa akka turanis waltajjiilee qorannoo sirna kenniinsa abbaa seerummaarratti xiyyeeffachuun qophaa’anirratti bal’inaan ka’aa turaniiru. Haalli kenniinsa tajaajilaa ammayyoomuu dhabuunis rakkooleedhuma damee kana keessatti bal’inaan calaqqisaa turaniidha.

Yeroo dhiyoo as garuu manneen murtii sadarkaa sadarkaan jiranitti hojmaatawwan mirga murtii haqaqabeessaafi si’aayaa argachuu lammiilee kabachiisan hojiirra oolchuuf  tattaaffiileen adda addaa taasifamaa jiru. Dhimmoonni kanaan dura sadarkaa manneen murtii olaanaa darbees gara waliigalaatti deemaa turan sadarkaa manneen murtii aanaaleetti akka ilaalamaniif aangoon gadi buufamuu fa’iin jijjiiramoonni lakkaa’aman galmaa’aniiru.

Kanaanis gama kenniinsa tajaajilaafi keessummeessaatiin jijjiiramoonni mul’achaa jiraachuu abbootiin dhimmaa ragaa bahaa jiru. Akka durii nama ifachuun, galmeen badeefi kkfn mudataa akka hinjirrellee ibsamaa jira.

Kuufama galmee hir’isuufis baay’inni abbootii seeraa dabalamuun, dhimmoonni duraan abbaa seeraa tokkoon ilaalamaa turan abbootii seeraa sadiin akka ilaalaman taasifamuun, itti fayyadamni teknolojii fooyya’aa dhufuufi kkfn qabxii ijoo akka gaarummaatti eeraman waan ta’eef adeemsi kun lafa qabatee manii barbaadamu bira akka gahamuuf ammas xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.

Si’aayinniifi qulqullinni murtii kennamuus sirnaan sakatta’amuu qaba. Walumaagalatti kallattii maamilaatiin yoo ilaalame kan duriirra amma jijjiramni waan jiruuf sirnaan hordofuu barbaachisa.

Manneen murtii federaalaa gama hundaan of ga’oomsaa waan jiraniifis naannoleen muuxannoo gaarii achi jiru fudhatanii hojiirra oolchuun irraa eegama. Manneen murtii federaalaatti yeroon galmee saaquuf fudhatu daran gabaabaa waan ta’eef dhimmoota gaarii akkanaa fudhatanii dafanii hojiirra oolchuu barbaachisaadha.

Naannawa hojii abbootii seeraa mijataa gochuunis dhimma xiyyeeffannaa guddaa fedhuudha. Jajjabeessituuwwan adda akka jiraatan gochuunis jalqabbiileen jiran akka cimanii ittifufan gochuun tajaajila haqaqabeessa, qulqulluufi si’aayaa abbaa dhimmaa biraan gahuuf murteessaa waan ta’ef itti yaadamu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012

Recommended For You

5 Comments to “Jalqabbii gaarii jajjabeeffamuu qabu”

  1. Pingback: ผ้า
  2. Pingback: dark168

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *