Qulliittoon iddoowwan oolmaa ispoortiif watwaataa jirti

Qulliittoo: Guddina ispoortii atileetiksii biyya keenyaaf iddoowwan oolmaa ispoortii barbaachisaadha. Kanuma bu’uureffachuudhaan mootummaan biyyattii wiirtuuwwan ispoortichaa naannolee adda addaatti akka ijaaraman qajeelcha kennaa tureera.

Haata’u malee akka barbaadametti naannoleefi magaalota heddutti rakkina iddoowwan oolmaa ispoortiirraa kan ka’e dargaggoonni baay’een iddoowwan hintaane ooluuf dirqamaniiru. Rakkinni iddoowwan oolmaa  kun itti  muldhatu keessaa tokko naannoo Ummatoota Kibbaa, Godina Halaabaa Qullittoo kaasuun ni danda’ama.

Godinichi aanaalee sadiifi gandoota baadiyaafi magaalaa 84 kan qabu ta’us, iddoowwan oolmaa ispoortii maqaan dhahamu hinqabu. Rakkina gama kanaan jiru furuf godinichi abbootii qabeenyaatiif waamicha godheera.

Waamicha kana daftee kan fudhatte atileeti Faantuu Migeessoo Mootummaafi ummata godinichaa wajjin ta’uun wiirtuu leenjii ispoortii atileetiksii ijaaruuf waadaa galteetti.

Atileet Faantuun waadaa kana kan galte torban darbe yeroo barri haaraan saba Halaabaa Magaalaa Qulliittootti kabajamu. Sirnicharrattis dorgommii  kiiloo meetira shanii qopheessiteetti.

Bara haaraa ayyaana “Seeraa Haalaabaa” jedhamu kun kan baranaa dabalate yeroo saglaffaaf yoo  kabajamu, jalabultiisaatti dorgommiin atileetiksii yeroo jalqabaatiif adeemsifameera.

Dorgommii kiiloo meetira shanii kan yeroo jalqabaatiif magaalaa Qulliittootti  sanbata darbe daandiirratti gaggeeffame kanarratti atileetota dabalatee namoonni kuma 25 magaalittiifi naannawashiirraa hirmaataniiru.

Namoota dorgommii kiiloo meetira shanii Dhaabbanni Ispoortii Atileetiksii Faan Itoophiyaa Godina Halaabaa walin qopheesse kanarratti hirmaatan keessaa Obbo Adam Kalil akka ibsanitti, dorgommichi dargaggoota dhiisii maanguddoota baay’ee kan gamachiseedha jedhu.

“Kanaan dura dorgommiin akkanaa magaalaa keenyatti gaggeeffame hinbeeku. Idoowwan oolmaa ispoortii waan hinjirreef dargaggoonni keenya bakka dhaqan waan hinqabneef amala gadheedhaaf saaxilamaniiru. Dargommiin akkanaa osoo jiraate yeroo haara galfanaasaanii achirratti waan dabarsaniif iddoo hintaane kanarraa ni fagaatu”  jedhan.

Atileet Faantun dorgommii kana asitti gaggeessuushii hamilee ummataas ta’u kan dargaggoota magaalaafi naannooshee waan kakaasuuf ciminaan itti fufuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Dargaggoo Awwal  Hassan gamasaatiin akka ibseetti “Ana dabalatee dargaggoonni magaalattii yeroo baay’ee kan dabarsan mana jimaatti ta’uu eeree, magaalattii keessaa dirree kubbaa miilaa takka qofa ta’uu ibseera.

“Kanaan dura kilabni Halaabaa bakka bu’ee liigii kubbaa miilaa keessatti hirmaatu wayta dirree kubbaa miilaa kanatti taphatu daaw’ataan baay’een ni argama ture.Yeroo dhihoodhaa as rakkina naamusaatiin daaw’ataanis fagaatee, walmorkiinis hafeera” jechuun ibsa.

Kanaafuu “Faan Itoophiyaan” dorgommii kana qopheessuusaa malee wiirtuun leenjii atileetiksii magaalattiitti akka ijaaramu waadaa galuusaatti galateeffachuudhaan dargaggoonni gama barbaachisu maraan akka deeggaran abdiin qaba jedheera.

Recommended For You

5 Comments to “Qulliittoon iddoowwan oolmaa ispoortiif watwaataa jirti”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *