Hojiilee Giddugala Qorannoo Qonnaa Baakkoofi hanqinoota isa mudatan

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa teknolojiiwwan qonnaa adda addaa baasuu, madaqsuufi babal’isuudhaan akkasumas sanyiiwwan midhaanotaafi beelladootaa omisha fooyya’aa kennan qorannoodhaan baasee qonnaan bulaa biraan gahuudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf tattaaffii cimaa taasisaa jira. Giddugalli Qorannoo Qonnaa Baakkoo giddugalawwan inistiitiyuutichi qabu 17 keessaa isa tokko yoo ta’u, bara 1957 hundaa’e.

Geggeessaan hojii giddugalichaa, Obbo Geetaachoo Birruu gaafdeebii dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, giddugalichi yeroo ammaa gareelee qorattootaa 17n hojiilee omishaafi omishtummaa qonnaa guddisan qorannoodhaan baasee qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jira. Giddugalichi omishaafi omishtummaa boqqolloo, bisingaa, qamadii, xaafii, daagujjaa, baaqelaa, atara, saliixii, atara gabbataa qorannoodhaan baasee baay’isuun qonnaan bulaa biraan gahaa jira. Barana ammoo sanyiiwwan filatamoo torba qorannoodhaan baaseera.

Giddugalichi omishaafi omishtummaa beelladoota irraa argaman guddisuu, horsiisa kanniisaa, gabbina biyyeefi kunuunsaasa qabeenya uumamaarrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira kan jedhan hojigeggeessichi, hojiin keenya daangaa bulchiinsaa utuu hintaane haala teessuma lafaafi qilleensaarratti xiyyeeffata. Giddugalichi godinaalee Wallaggaa Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shawaa Lixaafi Buunoo Beddellee keessatti buufataalee qorannoo xixiqqoo saddeet banatee hojjechaa jiraachuu himu.

Giddugalichi barana akaakuu saliixii lama kan omishaafi omishtummaa gaarii kennuufi dhibee dandamachuu danda’an qorannoodhaan baaseera kan jedhan Obbo Geetaachoon, akaakuuwwan saliixii lamaan mixiiqqeessuudhaan argaman kunneen akka biyyaatti iyyuu isaan jalqabaati.

Akkasumas akaakuun qamadii biyyee asiidawaa dandamatus qorannoodhaan baheera. Biyyeen Oromiyaafi Itoophiyaa gara lixaa ammaa asiidawaadha. Kanaafuu akaakuun qamadii qorannoodhaan bahe kun omishaafi omishtummaa qamadii guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu dubbatu.

Sanyiiwwan filatamoo qorannoodhaan baasuun fedhii qonnaan bultootaa adda baafanna kan jedhan geggeessichi hojii, fedhii qonnaan bulaarratti hundaa’uun sanyii omishtummaa fooyya’aa kennu, dhibeefi gogiinsa dandamatu adda baafnee qonnaan bulaaf dhiyeessaa jiraachuu eeran.

Sanyiiwwan qorannoodhaan bahan lafa qonnaan bulaa irratti akka baay’atan taasisuudhaan qonnaan bulaan omishtummaa isaanii amananii erga fudhatanii booda baay’ifnee qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jirra. Akkasumas qaamolee sanyicha baay’isanii qonnaan bulaaf dhiyeessaniifis kennaa jiraachuu himu.

Qonnaan bulaan lafa hektaara tokkorraa saliixii kuntaala sadii hanga shaniitti argachaa ture jedhanii, qonnaan bulaan akaakuu saliixii qorannoon bahe kanatti fayyadamuudhaan lafa heektaara tokkorraa hanga kuntaala sagaliitti argachuu danda’a. Saliixii kuntaalli tokko yeroo ammaa hanga qarshii kuma shaniitti gurguramaa jiraachuu eeru.

Sanyii filatamaa tokko qorannoodhaan baasuun yoo xiqqaate waggaa afur fudhata. Sanyiin qorannoodhaan bahe utuu qonnaan bulaa bira hinga’in haala qilleensa naannawaa waliin kan walsimu ta’uufi dhiisuun isaas ni qoratama. Garaagarummaan omishtummaa sanyii duraan faca’aa tureefi sanyii qorannoon bahe gidduu jirus ni ilaalama. Sanyiin qorannoon bahe utuu qonnaan bulaaf hindhiyaatin dura garee qorannoowwan adda addaa geggeessaniin erga mirkanaa’ee booda qonnaan bulaaf akka dhiyaatu taasifama.

Giddugalichi sanyii boqqolloo, bisingaa, daagujjaafi atara gabbataa lafa heektaara 74 irratti oomishuudhaan callaa kuntaala kuma tokko ta’u walitti qabaa jraachuu kan himan hojgeggeessichi, omishaalee kunneen keessaa harki caalaan boqqolloodha. Oromiyaa Lixaa irra jireessaan kan omishamu boqqolloo waan ta’eef giddugaleessichi omishaafi omishtummaa boqqolloo guddisuuf hojii hojjetuun beekama jedhu.

Lafa heektaara tokkorraa boqqolloo kuntaala 80-100tti omishaa jirra kan jedhan geggeessichi hojii, qonnaan bultoonni sanyii boqqolloo kana nu biraa fudhatan ammoo lafa heektaara tokko irraa boqqolloo kuntaala 70-80tti argachaa jiru. Giddugalichi lafa qonnaan bulaa irratti omishuudhaan waantota barbaachisan hunda raawwachuudhaan lafa heektaara tokkorraa hanga kuntaala 91tti walitti qabuu danda’eera. Qonnaan bultoonni sanyii filatamaa qorannoodhaan bahanitti hinfayyadamne garuu lafa heektaara tokko irraa boqqolloo kuntaala 20 gad kan argatan ta’uu himu.

Omishaafi omishtummaa beelladootarraa argaman guddisuuf sanyii loon “Horroo” qonnaan bultoonni naannawichaa horsiisaniifi omisha fooyya’aa kennan sanyii loon faranjii (Hoolistin Firiigi’aaniifi Jeersii) waliin mixiiqeessuudhaan qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jirra kan jedhan Obbo Geetaachoon, bara 2011/12 goromsa loonii 18 qonnaan bulaaf kennineerra.

Akkasumas barana lafa qonnaan bulaa heektaara 15 irratti akaakuu margaa ‘Roodas’ jedhamu kan nyaata beelladootaatiif oolu omishuudhaan qonnaan bulaan lafasaa irratti nyaata beelladaa akka baay’isu taasisaa jira. Kun omishaafi omishtummaa beelladarraa argamu guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus ni eeru.

Loowwan sanyii fooyya’oo ta’an mixiiqeessuun argaman guyyaatti aannan liitirii 15-18tti kennu. Haala gaariin kan qabaman yoo ta’e ammoo hanga liitirii 24tti kennuu danda’u. Loon Horroo sanyii fooyya’oo ta’an yoo haala gaariin kan qabaman guyyaatti aannan liitirii shanii hanga ja’aatti kennuu danda’u. Loowwan mixiiqeessuun argaman salphaatti dhibeewwan adda addaatiif waan saaxilamaniif qulqullinniifi nyaatnisaanii sirriitti eegamuufi kunuunfamuu qaba jedhu.

Omisha foon hoolaa irraa argamu guddisuuf dhaabbilee deggertootaa waliin hojjechaa jirra kan jedhanii, barana hoolota kormaa sanyii fooyya’oo 15 qonnaan bultootaaf kennineera. Hoolotni sanyii fooyya’oo qonnaan bultootaaf kennaman kunneen hoolota dhaltuu naannawaa waliin walquunnamuun hoolotni sanyii fooyya’oo akka wal horan taasisuudhaan bu’aa foonii hoolaarraa argamu guddisuu keessatti gahee kan qaban ta’uu dubbatu.

Horrotti korbeessa hoolaa sanyii fooyya’aa filachuudhaan hoolaa dhaltuu wajjin walquunnamsiisuudhaan sanyii hoolaa fooyyessuuf hawaasa waliin hojjechaa jiraachuu himanii, naannawaa sanatti korbeeyyii filatamaniin ala isaan kaan dafanii akka tumaman taasisaa jirra. Kanarraa ka’uun hoolotni yeroo ammaa naannawaa Horrotti argaman daran guguddoodha jedhu.

Horsiisa kanniisaa, lukkuufi omisha beelladootaarrattis xiyyeeffannee hojjechaa jirra kan jedhan Obbo Geetaachoon, marga nyaata beelladootaa, gurmuu kanniisaa, gaagura kanniisaa fooyya’aa qonnaan bulaaf dhiyeessaa jirra. Rakkoon keenya inni guddaan teknolojiiwwan qonnaa bahan qonnaan bulaa biraan gahuudha.

Deggersa Sagantaan Guddina Qonnaa taasiseen bara darbeefi barana qonnaan bulaa bira ga’uudhaan lafa qonnaan bulaa heektaara 200 irra sanyii midhaanii akaakuuwwan gara garaa omishneerra jedhanii, hojiin kun omishaafi omishtummaan qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus ni dubbatu.

Bajatni mootummaan giddugalichaaf ramadu daran xiqqaafi ji’a sadii ol nu hinhojjechiisu hindanda’u kan jedhan Obbo Geetaachoon, bajata baranaa guutummaatti xumurree midhaan facaafne sassaabuufuu rakkachaa jirra. Bajatni nuuf qabame daran xiqqaa ta’uufi gatiin humna namaa bara darbe guyyaatti qarshii 35 ture barana 75tti guddachuun ammoo rakkoon kun akka hammaatu taasiseera jedhu.

Bajata mootummaan qabu keessaa %70 miindaafi hojiilee gara garaaf kan oolu yoo ta’u, hojii qorannootiif kan oolu %30 qofa. Giddugalichi hanqina meeshaalee laaboraatooriifi konkolaataa kan qabu ta’uufi mindaa hojjettootaafi kan qorannoo geggeessanii garaagarummaa guddaa qabaachuunis rakkoo biraa ta’uus ni dubbatu.

Hojjetaan bulchiinsaafi faayinaansii giddugalichaa waggaa 10 ol hojjete tokko mindaa qarshii kuma ja’a kan argatu yoo ta’u, qorataan tokko ammoo mindaa qarshii kuma 16 argachaa jira. Durgoon guyyaa qorataa tokkoo guyyaatti qarshii 600 hanga 800 yoo ta’u, kan hojjetaa ammoo qarshii 124 hanga 206ti. Kun hojmaata sirrachuu qabuudha jedhu.

Hojiin qorannoo qonnaa biyya keenyaa rakkoo caasaa guddaa qaba. Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa, Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Baakkoo, Yunivarsitiin Wallaggaa, Sagantaan Guddina Qonnaas dhufee bakka kanatti hojjechaa waan jiruuf eenyu akka qindeessu hinbeekamu. Hundumtuu akkuma barbaadetti hojjechaa jira. Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa hojiin qindeessummaa itti kennames hojii qorannoo geggeessaa jira. Kun hojiileen qorannoo hedduun akka qisaasa’an taasisaa jira; gabaasni gama kanaan dhiyaatus qindaa’aa miti jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012

Recommended For You

4 Comments to “Hojiilee Giddugala Qorannoo Qonnaa Baakkoofi hanqinoota isa mudatan”

  1. Pingback: hengheng888
  2. Pingback: betflix allstar

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *