Mujiib Qaasiim liigiicha gooliidhaan dursaa jira

Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa bara 2012 sagantaasaa eeggatee naamusa gaariifi haala miidhagaan gaggeeffamaa jira.

Daawwataan kubbaa miilaa tapha gaarii ilaaluuf dheebochaa tures dirreen kubbaa miilaa tasgabbiin gaggeeffamaa jiraachuusaatiin fuula ifaadhaan istaadiyeemii galee nagaan manasaatti deebi’aa jira.

Shaampiyoonichi magaaloota naannoolee Oromiyaa, Ummatoota Kibbaa, Amaaraa, Tigiraay, Magaalaa Dirree Dhawaafi Finfinnee gidduutti adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, daawwatoonnis ta’u deggartonni kilaboota naannoolee kanneen kanaan dura akka diinaatti walilaalaa turan ammaan tana wal hammachuudhaan naamusa ispoortii gaarii agarsiisaa jiru.

Keessumaa kilaboonni hangafoonni Finfinnee Qiddus Giyorgisiifi Bunni Itoophiyaa ganna darbe bakka tokkotti biqiltuu dhaabuun waldhabdee isaan jiddu ture dhiisanii obbolummaafi tokkummaasaanii agarsiisuu isaanitiin kilaboonni hafanis isaan hordofuun nageenya kana fixaan baasuuf shoora olaanaa taphataa jiru.

Bunni Itoophiyaafi Qiddus Giyorgis torban lama duras Kantiibaa Ittaanaa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaafi Komishinarri Komishinii Ispoortii Magaalaa Finfinnee Obbo Yoonaas Aragaay wajjiin biqiltuu dhaabame bishaan obaasuun kununsuusaanitiin deggartonni kilaboota biroos isaanirraa barumsa gaarii argachuu danda’aniiru.

Haaluma kanaan dirreen ispoortii dirree tokkummaa, obbolummaa, jaalalaafi bashannanaa ta’uusaa beekuun namusni ammaan tana mul’achaa jiru itti fufu qaba.

Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa  kan marsaa duraa torban torbaffaas Roobii darbe itti fufee yoo oolu, taphataan kilaba magaalaa Faasiil Mujiib Qaasiim gooliiwwan torba galchuun dursaa jira.

Magaalaa Jimmaatti dhalate guddachuun gandaa kaasee hanga kilaba Jimmaa Abbaa Jifaariitti taphachaa kan ture Mujiib Qaasiim ammaan tana kilaba magaalaa Faasiilif taphataa kan jiru yoo ta’u, kilabichis qabxii 12n sadarkaa sadaffaarratti argama.

Akkasumas, Fitsuum Alamuu kilaba Walwaaloorraa gooliiwwa ja’aan,  Amaanu’eel G/Mikaa’eel kilaba Maqaleerraa  gooliiwwan shaniin lammaffaafi sadaffaa ta’uun ittaanu.

Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifamanittis Walwaaloon Addiigiraat qabxii 14, Maqaleen qabxii 13n, Magaalaan Faasiil qabxii 12n akkuma walduraa duuba jiranitti sadarkaa tokkoffaadhaa hanga sadaffaa qabataniiru.

Magaalaan Baahirdaar qabxii 11n, Qiddus Giyorgisiifi Jimmaa Abbaa Jifaar galchaan walcaalanii walqixa qabxii 10n, Bunni Itoophiyaa, Bunni Sidaamaa, Hawaasaafi Shireen garaagarummaa galchaan walcaalanii qabxii sagaliin, Adaamaa, Walqixxeefi Sabaandartaanis galchaan walcaaluudhaan qabxii saddeetiin sadarkaa arfaffaadhaa hanga kudha lammaffaarratti argamu.

Magaalaan Dirree Dhawaa qabxii torbaan, Walaayittaa Diichaa qabxii ja’aan, barana gara liigii piriimeerii Itoophiyaatti kan makame Haadiyyaa Hosaa’inaan qabxii shaniin sadarkaa 13fa- 16fa irratti argamu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 02/2012

Recommended For You

2 Comments to “Mujiib Qaasiim liigiicha gooliidhaan dursaa jira”

  1. Pingback: fuck

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *