Ispoortii waloo boru ummata kuma 200 keessummeessa

Finfinnee: Ispoortiiwwan fayyummaaf adeemsifaman hundi suuta suuta shaakaluudhaan gabbifaman malee yeroo dhihoo keessatti bu’aa barbaaamu hinargamsisan. Haata’u malee ammaan tana ispoortiin waloo magaalaa qofatti osoo hindaangeffamin  iddoowwan marattuu gaggeeffamu qaba jedhama.

Mootummaa Itoophiyaas ispoortii kanaaf xiyyeeffannaa kennee bakka hawaasni baldhinaan argamu naannawaa horsiisee bulaa, qonnaan bulaa, warshaaleen hojjetoonni baay’inaan argamanitti, manneen barnootaafi waajiraalee mootummaatti akka gaggeeffamuuf sochiin taasifamaa jira.

Haaluma kanaan boru sadarkaa biyyaalessaatti Finfinnee, Addababayii Masqalaa, bakka kantiibaa ittaanaan Injinar Taakkalaa Uumaa dabalatee qondaaltonni mootummaa federaalaafi naannolee argamanitti kutaalee hawaasaa kuma 200 ol hirmaachisuun ispoortiin waloo ni adeemsifama.

Komishinarri Komishinii Ispoortii Federaalaa Obbo Eliyaas Shikur akka ibsanitti, ispoortii waloo yeroo jahaffaaf Finfinneetti gaggeeffamu kanaan ummata fayya qabeessa horachuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjetama.  

Ispoortii waloo kana bara dhufurraa kaasee dabareedhaan naannolee hundatti kan adeemsifamu ta’uus ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan abbaa dabaree beekuuf boru carraan akka bu’ufi naannoon carraa qopheesumaa argate akka qophaa’us obbo Eliyaas  muldhisaniiru.

Komishinarri Komishinii Bulchisa Magaalaa Finfinnee, Obbo Yoonaas Aragaay gamasaaniin akka ibsanitti, shochiin kun kanaan dura Addabaabaayii Masqalaatti ji’aa ji’aan jiraattota magaalattii qofa jidduutti gaggeeffamaa turus kan boruu kun hawaasa naannolees ni dabalata jedhaniiru.

Ispoortichi kanaan dura sadarkaa Afrikaatti Ugaandaa, Kaampaalaatti ummata kuma 120 hirmaachisaa turuu eeranii, kan Itoophiyaatti boru adeemsifamu Afrikaa bira darbee sadarkuma addunyaattuu ummata danuu hirmaachisuun kan jalqabaati jedhaniiru.

Ispoortii boru sa’aatii 12:00 hanga 2:00tti  tarkaanfii kiiloo meetira shaniin gaggeeffama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012

Recommended For You

2 Comments to “Ispoortii waloo boru ummata kuma 200 keessummeessa”

  1. Pingback: POLKÅDOT

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *