Kutaa 2fa
Ibsa waa’ee sirna Muudaatti utuu hinseeniin dura maalummaa Abbaa Muudaa (Qaalluu) hubachiisuun barbaachisaadha. Barreeffamoota hedduu keessatti Qaalluu jechuun Abbaa Muudaa jechuudha.
Maqaan Abbaa Muudaa gahee hojii Qaalluu, muuduurraa fudhatame. Abbaan Muudaa abbaa sirna Muudaati. Kanaafuu Sirna Gadaa keessatti Qaalluu jechuun Abbaa Muudaa tahuunsaa hubatamuu qaba.
Haata’u malee, Qaalluun jaarraa 19fa booda Oromoo kaabaa keessatti gahee qaalluu fudhate Sirna Gadaa waliin muudaaf kan bakka bu’u miti. Sababnisaas ayyaanatu irratti dhalata, afaanota addaa dubbata. Sirna Gadaa keessatti qooda hinqabu. Qaalluun (abbaan Muudaa) ayyaantuudha malee jinnii hinkeessummeessu.
Ragaa qabatamaan yaada kana mirkaneessu Qaalluu Gujiifi Odiitu Booranaati. Qaalluun Odiituufi Karrayyuutti akkanuma sirna duriitti gahee abbaa Muudaa bahaa turan. Seenaa dhufaatii Qaalluurratti afoolli iddoowwan baay’eetti Waaqa waliin walqabsiisa.
Akka ibsichaatti Qaalluun ilma Waaqaati. Amantii Waaqeffannaa Oromoo keessatti Qaalluun duraa yeroo waaqayyo nama duraa (Horoo) uume dhalate jedhama.
Innis ergamaa Waaqarraa aadaa, safuufi seera qabatee ergameedha jedhamee amanama. Seera Caffee Oromoo keessatti Qaalluun ganama, Qaalluun Waaqarraa bu’e, Qaalluun hangafa, Qaalluun Abbaa Oromooti, Qaalluun Qulqulluudha, Qaalluun Abbaa Muudaati (madda eebbaati).
Ibsa armaan oliirraa akka qaalluun amantiifi Sirna Gadaa Oromoo keessatti iddoo olaanaa qabu ifaadha. Kanaaf Abbaan Muudaa Waaqaafi nama gidduutti nageenyaafi badhaadhinaaf hojjeta.
Asirratti wanti hubatamuu qabu Abbaan Muudaa toora amantii aadaa, safuufi Sirna Gadaa tiksuu malee dhimma siyaasaa keessatti qooda hinqabu. Haata’u malee, Abbootiin Gadaa aangootti dhufan kan eebbisee muudu Qaalluudha. Filannoo miseensa Gadaa kan mirkaneessu isaani.
Seenaa Oromoo keessatti sirni Muudaa akkuma bulchiinsa Sirna Gadaa Odaa jalatti raawwatama. Jecha biraatiin Maddi Walaabuu wiirtuu siyaasaafi amantii Oromoo ture. Sababnisaas bulchiinsi Sirna Gadaa tooraan akka raawwatamu gaheen Abbaa Muudaa olaanaadha. Kunis tokkummaa aadaafi siyaasa Oromoo konfedereeshinii duraafi boodaa agarsiisa.
Erga konfedereeshiniin bulchiinsa Gadaa gosoota Oromoo hedduu biratti hundeeffamee hirmaannaan gosoota Oromoo isaanii ittifufe. Innis waggaa saddeet-saddeetitti karaa bakka bu’ootasaanii raawwatama. Sababa hirmaannaa kanaaf hanga xumura jaarraa 19fatti aadaan Oromoofi bulchiinsi Sirni Gadaa haala walfakkaatuun gaggeessamaa ture.
Sababa seenaan siyaasaafi amantii Oromoo yeroo dheeraaf Madda Walaabuu waliin hidhata qabuuf aadaa keessatti Maddi Walaabuu akka lafa dhalootaatti fudhatamaa jira. Kunis bara 1450 booda yoo tahu iddoon sun seenaa hawaasa Oromoo keessatti qaburraa madde.
Yaada kana Alula Pankhurasti akkasitti ibsa “Any region possessing a certain cultural, linguistic or ethnic unity often corresponding also to an area of economic interdependence, tend to become at once a political unit and a pilgrimage catchment area” jedha.
Maddi Walaabuu iddoo itti bakka bu’oonni gosoota Oromoo walargan ture. Bakka bu’oonni Muudaa dhufanis jila jedhamu. Gosooti Oromoo Arsii, Maccaa, Tuulamaa, Ittuufi Humbanna, Booranaafi Gujii hooggantoota amantii haaqabaatan malee sirna Muudaa Madda Walaabuutti bulaa turan. Kanaaf hanga xumura jaarraa 19fatti gara Madda Walaabuutti jila ergaa turan.
Muudni ayyaana waggaasaddeet saddeetiin kabajamudha. Jechi Muudaa gocha abbootiin Gadaa mana qaalluutti (Muudaan) irraa madde. Sunis yeroo itti abbootiin Gadaa eebbaafi beekamtii Qaalluurraa argataniidha. Yeroonsaas waggaa saddeet keessatti yeroo Qaalluufi hooggantoonni Gadaa walarganiidha.
Donaaldi Levin barreeffamasaa keessatti muudi seenaa hortee Kuushiifi Seem keessatti aadaa tahuusaa ibsee kallattii aadaa, afaan yookaan amantiin gaggeessamuu akka danda’u ibse. Aluulaan immoo humna sirni Muudaa walittihidhamnisa hawaasaa fidu eeree eenyummaa Oromoo yeroo dheeraaf akka tiksaa ture ibse.
Oromoon tokkummaa hundee, aadaafi seenaa ofii yookaan Oromummaa karaa hirmaannaa sirna Muudaatiin akka ibsachaa ture himama. Kana malees jilli gara Abbaa Muudaatti taasifamu madda kaka’umsaafi badhaadhinaati jedhama. Kaayyoon hirmaannaa sirna Muudaa inni guddaan eebbaaf ta’us hirmaannaan gosoota Oromoo kallattiilee adda addaatiin Madda Walaabuutti taasifamu tokkummaa siyaasaa, aadaafi eenyummaa saba Oromoo mul’isa.
Ragaan barreeffama Abbaa Baahiree waa’ee Abbaa Muudaa yookaan sirna Muudaa jaarraa 16fafi isa dura ture hineeru. Garuu walittidhufeenyi Oromoo waliigalaa dhimma siyaasaafis tahe amantii karaa Muudaa raawwatamaa ture. Gumiin waliigalaas tahe sirni Muudaa waggaa saddeettitti raawwatamu walitti dhufeenya tokkummaa Oromoo (Pan-Oromoo) karaa siyaasaafi amantiiti.
Dhimma Muudaarratti barreeffamni Azzaaj Xinnoo jaarraa 17fa ragaa murteessaadha. Ibsa Muudaa Oromoon keessattuu Oromoon Maccaa gara Madda Walaabuutti taasisan Azzaaj Xinnoon barreesse Mohaammad Hasan akka armaan gadiitti ibseera.
.…Besides their belief in one Waqa, the Oromo believe in one single person whom they call Abba Muda. As Jews believe in Moses and Muslims in Mohammed, the Oromo believed in their Abba Muda. They all go to him from far and near to receive his blessings.[1]
Hiiknisaas Oromoon Waaqa tokkichatti isa amanan dabalataan Abbaa Muudaas amanu. Akkuma ummanni Jewish ykn Israa’el Muuseetti, Musliimni immoo Mohaammadiin waaman Oromoon Abbaa Muudaa waama. Isaan hundi dhihoofi fagoorraa eebbasaa fudhachuuf isa bira dhaqu.
Muudi gara Madda Walaabuutti taasifamaa ture dirqama akka tureefi kaayyoonsaa inni guddaan eebbaafi beekamtii Abbaa Muudaa argachuu akka ture qorattoonni qor-hawaasummaa ni ibsu.
Akka Kutison ibsetti “…the journey to Abba Muda is made to honor him and partly to receive his blessings and anointment, which qualify the pilgrims to ritual functions in their own home region ….”
Akka ibsakanaatti Abbaa Muudaatti jila taasisuun qofti madda ulfinaafi eebbaati. Bakki bu’oonni gosaa waggaa saddeet-saddeetiin Muudaa deemanis Jila yoo jedhaman qe’een Abbaa Muudaa sirni Muudaa itti gaggeessamu ardaa jilaa jedhama. Akka aadaatti kan fedhii qabu hundi jila deemuu hindanda’u. Ulaagaalee namni tokko guutuu qabu hedduutu jiru. Duraan dursee bakka bu’aa gosaa tahuuf ulaagaa barbaachisuun filatamuu qaba.
Ulaagaa ilaalchisee Oromoo Maccaa keessatti kan jila deemuuf filatamu Boorana qulqulluu warra heeraafi seera fudhatee bulu tahuu qaba. Jaarraa 17fa keessa bara Azzaaj Xinnoon waa’ee Muudaa barreesse hawaasa Oromoo keessatti Booranummaan dhalootaanis amantiidhaanis hangafummaa mul’isa. Kana jechuun konfedereeshinii bulchiinsa gadaa keessatti hooggantoonni amantiifi jila deemuuf ulaagaa kan guutan Boorana qulqulluudha.
Ulaagaan kan biroo bakka bu’aan Muudaa deemu kan buttaa raawwatee luba baheefi gaa’ela ijaarrate tahuu qaba. Kana malees nama aadaafi seera beekuufi erga Muudaa raawwatee deebi’ees gahumsa aadaafi seera qooduu kan qabu tahuu qaba. Jecha biraan ulaagaan jilaa beekumsaafi muuxannoo Sirna Gadaa yookaan hayyuu tahu dirqisiisa.
Obbo Alamaayyoo Haayilee
Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugalatti seenaati.
Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012
7 Comments to “Sirna Muudaafi Waalta’insa Oromoo”