Fiiziyooteeraappiin dhibee maalfaarraa nama fura?

Obbo Solomon Tashoomaa jedhamu. Magaalaa finfinnee naannawaa Kiiloo Afuriitti dhalatan. Barumsa sadarkaa tokkoffaafi lamaffaa naannuma itti dhalatan kiiloo 4tti hordofan. Barumsa Yunivarsitii ammoo Ameerikaa,magaalaa Menisootaatti Injinaringii Meedikaalaa fi  Baayoomeedikaalaan  eebbifamaniiru.

Haaluma kanaan waggoota dheeraaf achuma Ameerikaatti ogummaasaaniitiin hojjetaniiru.Haatisaanii dhibee istirookii ykn itituu dhiigaan   boqochuusaaniin kan ka’e wanti baay’een sammuusaanii keessatti  nanaanna’aa turuu dubbatu.

Keessumattuu Itoophiyaatti dhibee Itita dhigaa,balaa konkolaataafi umrii dheeraa jiraachuu wajjin walqabatee dhibichi uumama. Rakkina kana furuuf jecha handhuura kiiloo 4 tti jiddugaleessa‘’Fiiziyootiraappii Damaakasee ‘’(Re-Habeen Home Health care )jedhamu hundeessuu danda’eera.

Haata’u malee jiddugaleessa kanatti tajaajila maalfaatu kennamaa jiraa? lubbuu namaas haala salphaadhaan tajaajila kan kennan bu’aaleen Teeknooloojii ammayyaa akka jiranis ni dubbatama.Gaazexaan Bariisaas dhimma kana ilaalchisuun  giddu gala haarawaa damaakasee kana ilaalchisuudhaan abbaa qabeenyaa giddu galichaa obbo Solomon Tashoomaa wajjin gaaffiif deebii taasiise akkaataa armaan gadiitti isiniif dhiyeesseera.

Bariisaa: Ameerikaatti barumsa keessan edda xumurtanii boddee hojii maalirratti bobbaatan?

Obbo Solomon: Gara Waggoota 15f damee fayyaarrattan dabarse.Hojiin kiyya meeshaalee fayyaa (Medical Divices) qorachurratti kan hundaa’edha. Ameerikaa keessatti ‘’South West Medical Equipments’’kan jedhamu Kubbaaniyyaa mataa kiyyaan qaba. Kubbaaniyyaan kun keessumattuu meeshaalee yaalaarratti qorannoo akkan taasisu carraa naaf keenneera.

Akkasumas Ameerikaatti kan argaman Hospitaalotaafi Kilinikoota meeshaalee yaalii barbaachisan  hunda ni dhiyeessina turre. Kanumarraa kan ka’een Chaayinaa dabalatee biyyoota heddu deemuuf carraa argadheera. Hojii kanaa wajjin walqabatee biyyi ani hidhaqiin hinjiru.

Bariisaa: Magaalaa Finfinneetti giddu galeessi fiiziyooteraappii isin bantan maal maal hojjeta?

Obbo Solomon: Biyya Keenya keessatti rakkoo yaaliifis ta’e hanqina ogummaa jiru nan beeka ture. Teeknolojiin yaalaa addunyaarratti sadarkaa jireenya ilmaan namaa kan fooyyeessan meeshaalee yaalaa gurguddaa baay’ee osoo hin ta’iin meeshaalee xixiqqoo yaalaa uumeera.

Biyyaa kanatti ammoo meeshaan yaalaa suniifi oggeessonni fayyaa haala qabatamaadhaan akka wal hin beekne yeroo baay’ee nan hubadha ture. Anis ‘’Maalif’’ gaaffii jedhuun of gaafachaa ture. Sababnisaa damee kanarratti yeroo baay’ee  turuu kiyyatti,’’Biyyaa kiyya wanti kun osoo jiraate’’jechuudhaanin  gaabba. Maaliif yoo jette meeshaaleen yaalii kun osoo as jiraatanii  jireenyi namaas ni foyya’a, yaaluufis baay’ee ni gargaara.

Akkan hubadheetti, biyya kanatti Injinaroonni BaayooMeedikaalaa meeshaalee yaalumsaa suphuu yoo ta’een alatti    meeshaalee yaalaa adda ta’e hin hojjetan.

 Addunyaa biraatti, Injinaronni Baayoomeedikaalaa meeshaalee yaalaa suphuun alatti qorannoo adda addaa taasisuun Meeshaalee yaalaa foyyeesuufi haarawaa uumuurratti cimoodha.

Asitti kan hojjeetamu garuu faallaadha. Haalli kun ammoo geeddaramuu qaba. Kaayyoon kiyyas Meeshaalee yaalaafi ogeessonni irra caalaa akka wal beekan  gochuudha.Giddu galeessa kanas kanan baneef kaayyoon inni tokko kanuma.

Haati tiyyaa dhibee itituu dhiigaan’’Stroke’’ jedhamuun  kan boqotte yoo taatu waggaa lammaffaa isheen boqotteetti abbaan kiyyas boqote. Yeroo sana Fiiziyooteraappiin kennamu ga’umsa akka hin qabne ilaaleera. Kan biraa ammoo yaala gahaa ta’ee fi tajaajila qulqullina qabu kennuun hinjiru ture.

Yeroo haati tiyya dhibamtu sa’aatii 24f kan ishee yaalan ogeessonni kunuunsa  manaa manaa kennan jiru turan. Haata’u malee ani Ameerikaa hangan gahetti dhibichi itti hammaachuu danda’eera.

Namni tokko dhibamee yoo ciise dhiigni hin nannaana’u,ni itita,dhigni yoo itite ammoo naannawaa itite sanatti madaan ni uumama. Madaan sun ammoo suuta suuta guddachaa dhufuudhaan lafee miidhuu danda’a. Wayita kana sadarkaa arfaffaarra gahe jedhama.

Yeroo sana haadha tiyya bira narsonni yaalaa kan achitti argaman ta’us muuxannoof beekumsa gahaa ta’e dhabuusaaniin oolchuu hin dandeenye.

Bariisaa: Narsonni gargaarsa akkamii gochuu qabu turan jettu?

 Obbo Solmon: Dhiigni akka hin ititneef madaan akka hin uumamneef oliif gadi gaggalagalachaa sosochii qaamaa akka taasistu gargaaruu ture.

Narsonni ogummaa akkasiitti fayyadamuun osoo gargaaraniiru ta’eetii madaanis hin uumamu dhibichis daran itti hin hammaatu ture kun ta’uu dhabuusaan rakkinichi cimuu danda’a.

Fakkeenyaaf Kan akka  Firaashii fakaatu dhukkubsataan oliif gadi itti sosochoosan jira ture inni hanga tokko dhibicha salphisa ture. Kuni ta’uu dhabuusaan dhukkubichi daran akka hammaatu isa gargaara.Kuni ta’us dhiyeessiin meeshaalee dhibee kanaaf barbaachisan osoo jiraataniitii bareedaa turan.

Meeshaaleen kunneen baay’ee mi’aahaa miti.Dhugaa dubbachuuf yoo barbaadame biyya keesattis hojjechuun ni danda’ama.

Dhibamtoota itita dhiigaa qaban dafanii akka du’an kanneen godhan keessaa madaa’uu qaamaa waan ta’eef salphaatti ittisuun kan dandahamu ture.

Bariisaa :Damaakaseen Fiiziyooteraappii keessan kun  dhibee kanaaf fayidaa  maal fidee dhuferee?

Obbo Solomon: Damaakaseen fiiziyootiraappii kun dameewwan lama qaba. In tokko ‘’Damakasee Fiiziyootiraappiifi Rehab centar jedhudha.‘’Inni lammaffaan ‘’Damakasee Home center’’dha. Tajaajila yaalaa manaa manaa jechuudha. Ogeessonni Fiiziyootiraappii  Giddu galeessa Keenya keessa jiran waggoota 17f muuxannoo  kan qabaniifi damee kanatti beekamtii olaanaa kuufachuudhaan leenjiiwwan adda addaatiin  mataasaanii kanneen cimsanidha.

Namni dhibee Itituu dhiigaan hubame tokkoof yaaliin taasifamu eessaa jalqaba?achiiho giddu galaan ammoo essarra ga’a?dhumnisaammoo maal ta’aa?kan jedhu sadarkaa tokko ,lama sadi hojjechuudhaan adeemama. Dhibamaan kun itita dhiigaan alatti dhibee biraallee yoo qabaate of eeggannoon yaalii argachuu mala.

Bariisaa:Giddu gala keessan kana keessa naanna’ee akkan daawwadheetti meeshaalee wal’aansaa baay’ee argeera.Mee isaan keessaa tokko tokko naaf ibsaa?

Obbo Solomon: Meeshaaleen baay’eedha. Itti fayyadamni  isaaniis hagasuma adda addaa.Fakkeenyaaf asitti namni lafeen dugdaa miidhame Jeessoodhaan hidhama ture. Giddu galeessa kanatti ammoo kan jeessoo bakka bu’uun itti fayadamnu kophee kan fakkaatu meeshaalee ammayyaatu jira. Namni tokko itita dhiigaan kan miidhame gara bitaatiin yoo ta’e qaamni mirgaa hin ajajamuuf, gara mirgaatinis yoo ta’e qaamni gara bitaan  hin ajajamu.

Haaluma kanaan harki miidhame   tarkaanfii shaakalaa wajjin hidhamee harki fayyaan sibiila qabatee gargaarsa malee kan shaakalchiisu jira.Meeshaaleen xixiqqoon  morma,  gatiittii, kan dugdaa, kan harkaa,akkasumas  lafeen cinaachaa qofti miidhama qaama keenyaa deeggaruudhaan hirkattummaa jalaa nubaasan jiru.Meeshaaleen kunis ta’an kanneen biroon marti kan alaa galanidha.

Giddu galeessi Keenya yeroo tokkotti namoota shan,guyyaatti ammoo namoota 30-40 keessummeessuu danda’a.Giddu galeessa kana keessatti leenjiin Fiziyooteraappii,ijaarsi Xiinsammuu hubannoo nyaataarratti kennuun dhibamtoonni mataasaani akka tajaajilan taasisa.

Akkasumas warreen gargaarsa manaa manaatti barbaadaniif ogeeyyoonni leenji’an leenjii kennuun ogummicha  dhaalchisu.Maatiin yaalamtootaas rakkina tokko malee yaadasaanii ogeessota kanarratti gatuudhaan rakkina tokko malee hojiisaanii ni hojjetu.

Giddu galli kun warreen harka qalleeyyiif tajaajila gatii madaalawaa kenna. Kaayyoon keenya galii guddaa argachuuf osoo hin taane warreen qabaniif tajaajila kennamuun gatii walmadaaluun akkuma kenninu warreen dhabaniifis ilaalcha lammummaan yaalii kennina.Kunimmoo gammachuu guddaa nu keessatti uuma.

 Kana malees giddu galichi manguddoota ‘karaatti  kufan kaasaa’’ dirqama lammummaa dabalataa bahachaa jira.

Giddugaleessa kana keessa lammiileen oolmaa guddaa  biyyaaf oolan dhibeedhaan qabamanii ciisaa jiru. Isaan kanaafis yaala barbaachisaa kennaa namummaasaaniitti akka deebi’an deeggaraa jirra.

Bariisaa:Turtii nu waliin taasistaniif isin galateeffanna.

Obbo Solomon: Isinillee galatoomaa.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012

Recommended For You

5 Comments to “Fiiziyooteeraappiin dhibee maalfaarraa nama fura?”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *