Qoricha humna kennu: Farra atiletotaa

Dhalli namaa humna uumamaan qabuu olitti anniisaa biraa dabalachuuf  karaawwan  adda addaatiin qoricha humna kennu fudhachuu edda jalqabee oolee buleera. Biyyoonni tokko tokko humna raayyaa ittisaasaanii jabeessuuf jecha eddii hojiira oolchuu eegalanii walakkaan jaarraa tokko lakkaa’ ameera.

Kanneen akka Rusiyaa, Beeljiyem, Ameerikaa, Jarman, Xaaliyaaniifi biyyoonni Awurooppaa biroon durumaa kaasanii qoricha kanatti fayadamaa turaniiru. Suuta suuta raayyaasaaniin ala gara ispoortiittis ceessisuudhaan itti fayadamaniiru.

Yeroo ammaa kana addunyaarratti dandeettiin ispoorteessitootaa yeroodhaa gara yerootti cimaa dhufuusaatti atileetonni tokko tokko humna dabalataa argachuufi ‘olaantummaasaanii’ mirkaneessuuf qoricha  humna kennu fudhachuunsaanii bira gahameera.

Kanumarraa kan ka’e Koree Olimpikii Biyyoolessaafi Waldaan Atileetiksii Addunyaa rakkina kana furuuf ALA Sadaasa 10 bara 1999 Waldaa To’ataa Qoricha  Humna Kennuu (“WADA”)n akka hundaa’u taasiseera.

Waldaan kun waajjirasaa Kaanaadaa, Magaalaa Kubeekitti banachuudhaan iddoowwan dorgommiiwwan itti gaggeeffamanitti ogeessota qorannoo fincaaniifi dhiigaa qoratan ramadee atileetota saaxilamoo dorgommii ala taasisaa tureera. Ammas taasisaa jira.

Haaluma kanaan ispoorteessitoonni qoricha kanatti fayyadamuudhaan shaampiyoonaawwan  adda addaarratti mo’aatan wayita qorannoo kanaan bira ga’ame meedaaliyaas ta’u badhaasa maallaqaa argatan akka deebisaniifi  umriisaanii guutuu dorgommiidhaa ala akka ta’an taasifameera.

Keessumaa ispoorteessitoonni atileetiksii, kubbaa miilaa, dorgommiiwwan bunyaafi teenisa dirree, dorgomtoonni biskileetiifi daakaa bishaanii, kanneen jimnaastikiifi ispoortiiwwan adda addaarratti hirmaatan saaxilamuunsaanii yeroo baay’ee bira ga’amuudhaan adabbiin irratti darbeera.

Ammaan tana ispoorteessitoonni biyyoota addaddaa beekanis ta’u otoo hinbeekiin qoricha dhorkamaa humna kennu kana fudhachuun saaxilaman keessaa kanneen Rusiyaa, Ameerikaa, Keeniyaa, Jaamaayikaafi Itoophiyaa adda durummaan kanneen beekamaniidha.

Keessumaa atileetonni Rusiyaan yeroo  baay’ee itti fayyadamuun waan beekameef  Olimpikii ALA bara 2020 Jaappaan, Tokiyootti adeemsifamuufi waancaa kubbaa miilaa Addunyaa bara 2021 Kuweettti adeemsifamurratti akka hinhirmaanne waldichi murte irratti dabarseera.

Atleetonni hedduunis badhaasa kanaan dura argatan akka deebisan beekameera. Pirezidaantiin biyyatii, Vilaadmiir Putiin dabalatee federeeshiniin  atileetiksii biyyatii yeroo baay’ee mormaa turanis seera “WADA” geeddaruu hindandeenye.

Atileetin Ameerikaa beekamtuun Maariyaam Jonsan rakkina kanaan faalamuudhaan meedaaliyaawwan shaampiyoonaa atileetiksiifi Olimpikiirratti argate maraa akka deebistuufi dorgommiidhaa ala  akka taatus taasifameera.

Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaas ta’u Olompikiitti biyyasaanii meedaaliyaa warqii heddun kanneen argamsiisan atileetonni Jaamaayikaafi Keeniyaas rakkina kanaaf saaxilamuun umriisaanii guutuu ispoortiidhaa ala ta’aniiru.

Rakkinni kun ammoo hamilee atileetotaa cabsuusaan ala maqaa gaarii biyyoonni kunneen  dirreewwan ispoortii adda addaarratti argatanis balleesseera. Ummanniifi maatiinsaaniis gadda guddaa keessa galaniiru.

Yeroo dhihoodhaa as babaldhachaa kan dhufe dhimmi kun atileetota Itoophiyaarras qubateera. Ejensiin farra qoricha humna kennuu addunyaa qorannaa taasiseen ALA bara 2016 addunyaarratti biyyoota adda dureedhaan balaa kanaaf saaxilaman shan keessaa Itoophiyaan takka ta’uunshii rifaatuu guddaa uumeera.

Damee ispoortii kanaarratti balaa buusuuf marsaa kan jiru rakkina kana ofirraa qolachuuf biyyoonni xiyyeeffannaa itti kennuudhaan hojjechuun dirqama  jedhameera. Dhaabbileen ittigaafatamummaan isaanii Ejensii Biyyoolessaa farra qoricha humna kennuu “WADA” ta’an hundaa’uudhaan tokko ta’uun hojjechaas jiru.

Itoophiyaattis bara 2008 irraa kaasee waajjira Ejensii Farra Qoricha Humna Kennuu Biyyaalessaa hundaa’uudhaan hojii ittisaa gaggeessaa jira. Waajjirichi maqaa biyyattii waggoota afran darbaniif faalame kana deebisee haaromsuuf hojjechuutu  irra ture.

Daarektarummaa Waajjira Ejensii Farra Humna Kennuu Itoophiyaa  Obbo Makonnon Yidarsaalinin kan durfamu Waajjirri kun hojiiwwan guguddoo hojjechun bu’aa olaanaa galmeessisaa jiraachuusaanii   waajjira “WADA” dabalatee beekamtii argachuu danda’era.

Kana malees hawaasa addanyaa  biratti ispoortiin Itoophiyaa keessumaa atileetiksiirratti ilaalcha gadhee uumamee ture geeddaruusaa haalli jiru ragaa ta’a.

Mi’eessituu humna kennu ittisuufi dorgommii seeraan gaggeessuuf waldaa atileetiksii addunyaatiin kan hundeeffame waldaan tokkummaa atileetiksii dhiheenya kana lakkoofsaan 20 ol ta’an bakka bu’oota maanaajaroota atileetiksifi atileetota dhibba tokkoo ol ta’an kan hirmaachise leenjiin hubannoo uumuu magaalaa Finfinneetti kennameera.

Leenjii kanarratti kan argaman ittigaafatamaa ittaanaa waldaa tokkumaa atileetiksii addunyaa mister Tomaas Kaabdeeviyaal akka ibsanitti, “Itoophiyaan qoricha humna kennu kana ittisuuf hojiin hojechaa jirtu jajabeessaadha. Qabatamaanis biyyattiin hojiiwwan hojjetamaa jiran geddarama akka agarsiisan hojjechaa jiraachuun ishee jajjabeessaa ta’u muldhisu.

Haaluma kanaan ammaan tana  biyyattiin rakkina  itti qoricha humna kennuu isheerra marmaaraa jiru ittisuuf gochaa jirtu yoomiyyuu caalaa jajjabeessaadha jechuudhaan jajaniiru.

Waaggoota afran darban dura karaa Itoophiyaatiin qorichi humna kennu  kun akka rakkinaatti ilaalamuun ittisuuf hojiin hojjetame akka hinjirre  ittaanaan ittigaafatamaa kun niyaadatu. Waggoota sadan darbani as garuu waajjira mataasaa banachuudhaan sochiin ittisa taasisame qabatamaan hojjechaa jiru jajjabeessaa ta’uufi jijjiiramni jiraachuu ragaa bahaniiru. Haalli muldhate kun ammoo yeroo tokko qofa kan hojjetame  osoo hinta’in qabatamaadhaan itti fufinsaan  hojjetamuusaa  ibsanii beekamtiis kennaniiru.

Ispoortiidhaan qabxii qoricha  humna kennu ittisuun qabatamaan argameen gamatti itti fufinsa  “Gara fuula duraatti dabalataan hojiiwwan amma hojjetamaa jiran maddiitti qaamolee dhiibbaa fiduudhaan atileetonni qoricha humna kennu akka fudhatan taasisan burqaasaanii gogisuuf hojjechuun barbaachisaadha” jechuun hubachisaniiru.

Itoophiyaatti itti gaafatamaan waajira biyyaalessaa farra qoricha  humna kennuu Obbo Makonnon Yidarsaal akka ibsanitti, Waldaan Tokkumaa Atileetiksii Addunyaa rakkina atileetota daandiirratti dorgommanii furuuf hojiin hojjechaa jiru yaada Itoophiyaan deeggartu ta’uu  muldhisaniiru.

Karaa Itoophiyaatiin kan adabbiin atileetoota daandiirratti dorgomanii kanneen  qoricha humna kennu fudhataniidha. Kun kan ta’ef kanaan dura atileetota dorgommii daandirratti qooda fudhataniif qorannoon taasifamu gadi aanaa ta’uunsaa kan yaadatamuudha jedhan.

Haata’u malee Itoophiyaan rakkina kana furuuf waldaa atileetiksi tokkummaa waliin ta’uun karoora karaa waajirasaanii   qabameen  hojiiwwan akka hojjetaman muldhisaniiru.

Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Koloneel Daraartuu Tulluu gamasheetiin akka ibsitetti, Ittifayadamuumaan qoricha humna kennu kana ittisuf karaa qindominaan hojii hojetamaa jiru jajuudhaan “Itoophiyaan bara  Irreessaa Abbabaa Biqilaatii kaastee seenaa olaanaa kan itti galmeesite gootummaan atileetiksii akka hin banne hundi keenya itti gaafatamumaa bahuutu nurraa eegama” jechuudhaan hubachisteetti.

Akkasumas biyyattiin walakkaa jaarraa tokkoo oliif dirreewwan Olompiikii, Shaampiyoonaawwan atileetiksi addunyaafi dorgommiiwwan biyyooleessaa adda addaarratti hirmaachuudhaan maqaa gaarii galmeesisaa turushi kan yaadattu Daraartun, dhaloonni har’aa kun seenaa kana balleessuu hinqabu

jetti.

Yeroon ammaa kun yeroo falmiin dorgommii itti gaggeefamuudha. Ispoorteesisaan tokko dorgomaasaa gatee bira darbuudhaan seenaa olaanaa galmeessuf yeroo falmiin itti gaggeefamuudha. Olaantummaa kana gonfachuuf ammoo humna biraa barbaaduudhaan mi’eestu tana fudhachuun rakkina keessa  nama gala  jechuudhaan dubbatti Pireezidaantiitiin.

Kanaan dura yeroo dorgommiirra turre atileetonni ebaluu qoricha humna kennu fudhatanii irra gahamuudhaan  salphinaan dirree ispoortiirraa ari’amu kan jedhu dhageenya malee hiriyonni keenya rakkina kanaaf saaxilamuusaanii hindhageenyu ture. Har’aa ammoo  rakkinni kun balbala atileetiksii keenyaa saaquudhaan nubira ga’u argina jetti.

Haali akkanaa kun hamilee atileetotaa kan cabsuudha. Ispoortii atileetiksii keenyas yaaddoo guddaa keessa galchaa jira. Biyyattiinis kabajama kanaan dura addunyaarratti qabdu gadi buuseera. Federeeshinii atileetiksi biyyaaleessaas qaaneeseera jechuudhaan xiiqiidhaan dubbatti Daraartun.

Kanaan dura atileetota garee biyyaalessaa qofatu qorannaa fincaaniifi dhiigaa taasisa kan jettu Daraartuun, ammaan tana atileetonni maanaajarootan fiigan marti waan qoratamaniif of eeggachun barbaachisaa ta’uusaati kan mul’iste.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012

Recommended For You

7 Comments to “Qoricha humna kennu: Farra atiletotaa”

  1. Pingback: al togel
  2. Pingback: steenslagfolie
  3. Pingback: Japanese women
  4. Pingback: 纸飞机下载

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *