Dargaggoonni Oromoo akkuma hacuuccaafi cunqursaa ofirraa faccisuuf qabsaa’an nageenya mirkaneessuu keessattis adda durummaan hiriiru. Kanaaf ragaan dargaggoota humna nageenyaa ta’an kanneen Kollejiin Poolisii Oromiyaa Dilbata darbe eebbisiiseedha.
Kollejichi Poolisii Addaa Oromiyaa marsaa 28fa Bfi 29fa A Mana Leenjii Loltummaa Awaash Bishoollaatti ji’a ja’aaf leenjisee eebbisiise eeruun ni danda’ama.
Maqdas Mokonnin poolisoota torban darbe eebbifaman keessaa ishee tokko. Akka isheen jettutti mana leenjichaa keessatti ji’a ja’aa oliif leenjii jabina qaamaa, naamusa poolisiifi loltummaa sirriitti gonfatteetti. Ogummaafi dandeettii yeroo leenjiitti horatteen nageenya ummataa mirkaneessuuf haqummaafi amanamummaan kan hojjettu ta’uu himti.
Kollejichatti Daarektarri Barumsaafi Leenjii Inispektera Olaanaa Fiqaaduu Taaffasaa akka jedhanitti, poolisoonni addaa torban darbe eebbifaman bifa addaatiin kan leenji’aniifi dandeettii gahaa loltuu tokkorraa eegamuufi madaallii barbaachisu hunda guutaniidha. Leenjitoonni kunneen yeroo leenjiitti saayinsii poolisiifi loltummaa guutummaatti gonfataniiru. Humni kun damee hojii qorannoo yakkaa, balaa tiraafiikiifi yakka ittisuurratti hirmaachuun nageenya mirkaneessuu keessatti gahee irraa eegamu akka bahatuuf hubachiisaniiru.
Daarektarri Koollejii Poolisii Oromiyaa Komaandar Geetaachoo Ittaanaa akka jedhanitti, yeroo ammaa akka addunyaattis ta’e Itoophiyaatti gochi yakkaa teknolojiidhaan deggeramee raawwatamaa waan jiruuf nageenya, misoomaafi guddina biyyattiittis ta’e naannichaatti gufuu ta’aa jira. Humni poolisii addaa Oromiyaa kun damee hojii irratti bobba’een dandeettii, gahumsaafi naamusa yeroo leenjii horate hojiirra oolchuudhaan nageenya, mirga namummaafi dimokraasii kabajchiisuufi yakka ittisuurratti gahee irraa eegamu akka bahatuuf dhaamsa dabarsaniiru.
Nageenya naannoo Oromiyaa mirkaneessuun nageenya biyyattii dhugoomsuudha kan jedhan komaanderichi, kollejichis nageenya naannichaafi biyyattii mirkaneessuuf humna poolisii bifa adda ta’een leenjisuudhaan tajaajila fedhii nageenyaa guutuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Leenjitoonni kunneen aantummaa ummataaf qaban mirkaneessuuf yeroo leenjirra turan qarshii kuma 733 walitti buusuudhaan mana barumsaa ijaaruufi maanguddoota gargaaruurratti hirmaataniiru kan jedhan daarektarichi, akkasumas humnisaanii aarsaa gochuudhaan guyyoota shaniif midhaan sassaabuudhaan rooba yeroo malee roobaa ture jalaa baraaruu ibsaniiru.
Komiishinarri Komiishinii Poolisii Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa gama isaaniitiin akka jedhanitti, humni poolisii eebbifame kun nageenya naannichaafi biyyattii itti fufiinsaan mirkaneessuuf waan hojjetuuf ummatnis nageenyasaa mirkaneeffachuuf humna kana waliin akka hojjetu gaafataniiru.
Pirezidaantii Ittaanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa akka jedhanitti, humni poolisii Oromiyaa nageenya mirkaneessuu aarsaa guddaa kaffaluun jijjiiramni kun akka dhufu taasiseera. Humni poolisii torban darbe eebbifames heera federaalaafi naannichaa eeguufi eegsisuudhaan nageenya mirkaneessuufi yakka ittisuu irratti gahee irraa eegamu bahachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Gootni waan hundumaa dura heeraafi seera kabachiisuufi faayidaa dhuunfaasaa dura faayidaa ummataa dursa. Humni poolisii kunis goota faayidaa ummataafi biyyaatiif dursa kennu ta’uun heeraafi seera kabachiisuurratti kutannoofi amanamummaan hojjechuu qaba jedhaniiru.
Poolisoonni eebbifamanis heeraafi seera naannichaafi biyyattii kabajuufi kabachiisuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu, mirga dhala namaa kabachiisuu, fedhii dhuunfaasaanii utuu hindursin akkasumas nama kamuu utuu wal hincaalchisin haqummaafi qajeelummaan ittigaafatamummaa irraa eegamu bahachuuf waadaa galaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012
more https://rybelsus.tech/# buy semaglutide online
buy rybelsus