Naamusni deggertootaa jajjabeeffamuu qaba

Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa kan marsaa duraa torban shanaffaa har’aafi boru itti fufuudhaan istaadiyoomota naannolee adda addaatti gaggeeffama.

Shaampiyoonichi kan adeemsifamu kilaboota naannolee Ummatoota Kibbaa, Oromiyaa, Amaaraa, Tigiraay, bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa jidduutti.

Walmorkichi kan adeemsifamu Hadiyyaa Hosaa’inaafi Baahirdaar, kilaboota Hawaasaafi Buna Siidaamaa, kanneen naannoo Tigraay Maqalee Sabaa Indartaafi Walwaaloo, Magaalaa Sabbataafi Faasiil, Suhul Shireefi Adaamaa, kanneen Ummatoota Kibbaa Walaayitaa Diichaafi Magaalaa Walqixxee, Dirree Dhawaafi Buna Itoophiyaa, Jimmaa Abbaa Jifaariifi Qiddus Giyoorgis jidduutti ta’a.

Walmorkiiwwan torban afraffaa adeemsifamanitti magaalaan Baahirdaar magaalaa Dirree Dhawaa, Bunni Itoophiyaa magaalaa Hawaasaa qabxii walfakkaatu, 4-1n gaggeessaniiru.

Akkasumas magaalaan Faasiil Haadiyyaa Hosaa’inaa 3-0n, Maqaleen Buna Sidaamaa 2-1n, magaalaan Sabbanni Walqixxee 1-0n yoo mo’atan, Qiddus Giyoorgisiifi Suhul Shireen, Walwaaloofi Jimmaa Abbaa Jifaar galcha malee 0-0n adda bahaniiru.

Wal morkiiwwan hanga ammaatti adeemsifamanitti kilaboonni marti taphawwan afur afur kan taasifatan yoo ta’u, Kilabni Tigraay Walwaaloo Addigraatti qabxii 10n shaampiyoonicha dursaa jira.

Kilabooni magaalaa Faasiil, Baahirdaar,

 Maqaleefi Hawaasaan garaagarummaa galchaan walcaalanii walqixa qabxii torbaan sadarkaa lammaffaadhaa hanga shanaffaatti argamu.

Akkasumas kilaboonni Buna Siidaamaa, Adaamaafi Qiddus Giyoorgis ammoo galchaan walcaalanii walqixa qabxii jaha jahaan sadarkaa jahaffaadhaa hanga saddeetaffaarratti argamu.

Bunni Itoophiyaafi Walaayitaan qabxii shanshaniin, Walqixxeen, Saabaafi Suhul Shireen afur afurin, sadarkaa saglaffaadhaa hanga 14farratti kan argaman yoo ta’u, Jimmaa Abbaa Jifaariifi magaalaan Dirree Dhawaa qabxii sadisadin 14fafi 15farra jiru. Magaalaan Hosaa’inaa ammoo qabxii takka qofaan sadarkaa maahessaarratti argama.

Shaampiyoonaan baranaa kun jalqabaa kaasee hanga ammaatti istaadiyoomota marattuu tasgabiidhaan kan gaggeeffamaa jira. Waggoota lamaan darban rakkina adda addaatiin deggartoonni kilaboota wayita gara istaadiyomota deemanii har’aa maaltu uumama? jechuudhaan bir’achaa deemu.

Keessumaa shaampiyoonaawwan naannoleetti gaggeeffaman boruu tokko malee gaggeeffamanii hinbeekan. Daaw’ataa kubbaa miilaafi deeggartoonni kilabota osoo hinreebamin galanii hinbeekan. Qabeenyis horoomaa bahaa ture.

Walumaagalatti daaw’ataan kubbaa miilaa tapha gaarii ilaaluun itti bashannanuf gara istaadiyoomota deemuu gammachuudhaan osoo hinta’in shakkiidhaani istaadiyooma kan galu.

Barana garuu kilaboonni hangaftoonni Bunni Itoophiyaafi Qiddus Giyoorgis waldaan deegartootasaanii tokko ta’uudhaan magaalaa Finfinnees ta’u naannolee adeemuudhaan waldaalee deegartootaa kilaboota birooti dadammaqsa uumuun nageenyi dirree ispoortii kubbaa miilaa bakka duriitti deebi’eera.

Haalli kun akka ittifufuuf waldaaleen

Bariisaa Mudde 18 Bara 2012

Recommended For You

5 Comments to “Naamusni deggertootaa jajjabeeffamuu qaba”

  1. Pingback: Ulthera
  2. Pingback: 789 club

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *