Shaampiyoonaa liigii piriimeerii Itoophiyaa Walwaaloon dursaa jira

Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa kan marsaa duraa torban arfaffaa har’aafi boru itti fufuun adeemsifama.

Akkaataa sagantaan federeeshina kubbaa miilaa Itoophiyaa baase mul’isutti  Bulchinsi magaalaa Baahirdaar bulchinsa magaalaa Dirree Dhawaa wajjiin, Haadiyyaa Hosaa’inaa magaalaa Faasiil wajjiin, Bunni Sidaamaa Maqalee wajjiin, Qiddus Giyoorgis Si’ul Shiree wajjiin, Walwaaloon Jimmaa Abbaa Jifaar wajjiin, Walqixxeen Magaalaa Sabbataa wajjiin, Bunni Itoophiyaa Hawaasaa wajjiin akkasumas, magaalaan Adaamaa Walaayittaa Diichaa wajjiin taphatu.

Wal morkiiwwan torban sadaffaa sanbataafi Dilbata darbe magaaloota naannoolee adda addaatti kilaboota saddeet jiddutti gaggeeffameera.

Walmorkii kanatti kilabonni Tigraay Walwaaloo Addiigiraatiifi Si’ul Shiree Indasillaasee kan walargan yoo ta’u, Walwaaloon 3-0n injifateera. Bunni Sidaamaa ammoo Jimmaa Abbaa Jifaar 2-1n mo’ateera.

Akkasumas,  walmorkiiwwan hafanitti Bulchinsi magaalaa Walqixxee magaalaa Faasiil, Hawaasaan Baahir Daar, Dirree Dhawaan magaalaa Baahir Daar qabxii walfakkaatuun 1-0n yoo mo’atan, kilabonni Oromiyaa Magaalaan Sabbataafi Adaamaan, Walaayittaafi Qiddus  Giyoorgis haala walfakkaatuun 0-0n adda ba’aniiru.

Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifamanitti kilabni hunduu taphawwan sadii, sadii kan adeemsifatan yoo ta’u, Walwaaloo Addiigiraat sadan adeemsifateetti hunda mo’achuun qabxii sagaliin dursaa jira.

Shaampiyoonaa bara 2011tti naannoo Tigiraayirraa gara liigii piriimeerii Itoophiyaatti kan ce’ee Walwaaloo Addiigiraat yeroo gabaabaa keessatti haala hundaan of gurmeessuun taphawwan taasifachaa jirutti milkaa’aa jira.

Akkasumas, kilabonni Kibbaa bulchinsi magaalaa Hawaasaafi Bunni Siidaamaa qabxii torbaafi ja’aan akkuma walduraa duuba jiranitti sadarkaa lammaffaafi sadaffaarratti argamu.

Walmorkiiwwan torban sadaffaa kanatti gooliiwwan sagal kan galan yoo ta’u, Walwaaloon sadii galchuudhaan riikardii torban kanaas qabachuun isaa beekameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012

Recommended For You

One Comment to “Shaampiyoonaa liigii piriimeerii Itoophiyaa Walwaaloon dursaa jira”

  1. Pingback: top article

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *