Sirni Gadaa sirna bulchiinsa hawaas-dinagdeefi siyaasaa ummatni Oromoo baroota hedduuf karaa dimokraatawaa ta’een ittiin walbulchaa tureedha. Kunis dhalootarraa dhalootatti darbaa har’a kan gahe yoo ta’u, hawaasa addunyaafis keessumaa biyyoota lixaatiif akka bu’uuraafi madda dimokiraasiitti fudhatamuu danda’eera.
Kanarraa kan ka’e sirni kun bara 2009tti akka hambaa kiliyaatti ‘Yuneskootti’ galmaa’uun ummata Oromoo maraaf injifannoo boonsaa argamsiiseera. Kunimmoo Sirni Gadaa guutummaatti dimokraatawaa ta’uusaa caalaatti hawaasa addunyaatiif kan mirkaneeffameedha.
Sirni kun dhalootarraa dhalootatti akka hindabarreef hacuuccaa guddaan qaqqabaa kan ture ta’us qabsoo hadhaawaa jaarraa tokkoo oliif taasifamaa tureen dhalootni itti dhiiguuniifi lafeesaa itti cabsuun har’aan gahuu danda’eera.
Qaamoleen badii tokko tokko maqaa Qeerroofi Qarree daheeffatanii sirna ulfaataafi kabaja guddaa qabu kanaaf hangam iddoo kennu jennee yoo ilaalle gochaa badisaa tibbana Oromiyaa lixaatti qaqqabaa jirurraa hubachuun ni danda’ama. Saamichi baankiiwwaniifi manneen hojii mootummaa gubuun gochoota fudhatama hinqabneefi bulchiinsa Sirna Gadaa dimokraatawaafi nagaa labsu kan faallessuudha.
Ilmaan Abbaa Gadaa ta’anii aangoof jecha qabeenya ummatni dhamaatee baay’een argate barbadeessuun, lubbuu lammiilee adamsanii balleessuun, nageenya hawaasaa booressuufi hariiroo hawaasaa daangessuun maal jedhama?
Dirreen Oromiyaa har’a akka fedhan keessa fiiganii dhukaasan kun dirree nageenyaafi madda dinagdee hawaasa bal’aa turte. Kaleessas ta’e dheengadda Oromoon taayitaa isaaf malu waan hinarganneef mirgisaa dhiitamaa jira jedhamee kallattii afraniin qabsoo hadhaawaan taasifamaa tureera.
Qaamoleen ummata Oromoo bakka buuna jedhanii of waaman tokko tokko jijjiirama hawaasni bal’aa dhandhamaa jiru harkatti busheessuuf Oromiyaa dirree waraanaa gochaa jiraachuunsaanii ummata Oromoo maraaf mataa dhukkubbii ta’aa jira.
Oromoon tokko jedhamee erga bu’aawwan qabsoo galmaa’anii booda humna qawwee fayyadamanii lafa jalaan erga ifatti hinbeekamne qabatanii saamichi gaggeeffamaa jiru kun hojii badanii balleessuu fakkaata.
Guyyaan har’a akkas itti buraraqan kun akka bari’uuf wareegama kaffalame galmeen seenaa ragaa kan bahu yoo ta’u, gochootni badii raawwatamaa jiran kutaalee hawaasa maraa miidhaa jiraachuun hubatamuu qaba.
Paartiileen baroota darban keessa shorokeessitoota jedhamuun biyyaa baafaman marti karaa nagaa qabsaa’uuf hidhannoo hiikkatanii biyya seenan hedduudha. Ta’us, muraasni ejjennoosaanii jijjiiruun Oromiyaa dirree waraanaafi saamichaa taasisuunsaanii dhiiga ilmaan Oromoo kaleessa dhangala’eef kabaja kennuu dhabuudha. Hundarra ammoo ummata Oromoo Sirna Gadaa jaalalaafi nagaa qabuun bulaa har’a gahe kan qaanessuudha.
“Ni sobdi malee warri waaroo dhaamotti” akkuma jedhamu alagaan har’a ilmaan Abbaa Gadaa aangoorra jiran afaan sobaan leellisu kun lafa jalaan sirnicha diiguuf warraaquunsaa dhokataa miti. Ilmaan Oromoo sirna Gadaa kabajaniifi Gadaan bulan kunillee akeeka harcaatotaafi warreen lafa jala sirna dhiigaan ijaarame kana diiganii dhuunfachuuf kaatanitti dammaquun barbaachisaadha.
Qaamoleen waan Oromoof oo’an fakkaatanii Oromoo lafarraa dhabamsiisuuf kaatan hedduu akka jiran sosochii jirurraa hubachuun barbaachisaadha. “Oromoon aangoo qabachuu hindada’u yoo qabates ofumaa walfixa; waliif hingalu” nuun jechaa ture qabatamaa ta’uusaa; kunoo haala yeroo ammaa Oromiyaa lixaatti mul’aturraa hubachuun ni danda’ama.
Humnoonni gabroomfataa jaarraawwan hedduuf Oromoo hacuucaa turan har’as sirnasaanii balaafamaa sana Oromootti fe’uuf duula maqaa gurraachessuu karaa miidiyaaleesaanii lallabaa jiru.
‘Meeqan keenyatu dammaqe’ inni jedhu wayita ilaalamu ufiiyyuu walitti garagalee waljifachaa jiraa isa kamtu diina Oromoo ittisuuf waardiyyaa dhaabbata?
Kaayyoon ilmaan Oromoo tokkoofi tokko yoo ta’u, innis ilmaan Oromoon mirga ofiitiin of bulchuu akka argatuufi dimokraasiin akka babal’atuuf kan aggaamame hamma ta’etti walitti bu’iinsi gaggeeffamaa jiru kun dhaabachuu qaba. Jaarsa biyyaatiif, Abbootii Gadaatiif, Seera Siiqqee Oromoofi heeraaf bitamuu dhabuun kun mana maaliiti?
Wayita ammaa Oromiyaan lixaa qe’ee abbaa dhabde taatee saamamaa, dhiigaa kan jirtuufi qabeenyi hawaasaa barbadaa’aa, akkasumas hojjettoonni miindaa dhabuun du’aafi jireenya gidduu akka seenaniiru.
Aangoo argachuuf filannoo haqa qabeessa adeemsisuun ala waanti karaa qaxxaamuraatiin taasifamu marti dhagaa waaduurraa adda ta’ee kan ilaalamu miti. Kun hamma ta’etti ilmaan Abbaa Gadaa sirna Gadaatiin faayamanii guddatan dimokraasii babal’isuun jijjiirama eegalame gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf tumsuun barbaachisaadha.
Paartiin Oromoo daran fayyadamaa taasisuuf maqaa Oromootiin socho’aa jiru kamuu immaamata siyaasaa bilchaataa diriirsuun caalee argamuuf gamanumaa deggartootasaa dadammaqfachuu qaba. Nagaa hawaasaa booressuun garuu ija ummata bal’aa keessaa kan nama baasu waan ta’eef ija abbaa qalbiitiin ilaaluun murteessaadha.
Paartiin aangoorra jirus ta’e paartiileen morkattootaa Oromiyaa haaraa ijaaruuf aggaamame shira harcaatotaatiin xaxamaa jiruun akka hingufanneef dammaqinaan hojjechuu qabu; hundee dimokraasii lafa qabsiisuufis ciminaan hojjechuutu irraa eegama.
Walumaagalatti, “Kan sirbamuuf farsoof farsoon dhangala’e” akkuma jedhamu haala mijataa amma argame sirriitti kunuunsinee yoo tarkaanfachiisne Oromoo ceesisuun nidanda’ama. Yoo kana ta’uudhaa baate harqootni gabrummaa jaarraa hedduuf boquu Oromootti fe’amee ture deebi’uu akka dandahu gamanumaan beekamuu qaba.
Waasihun Takileetiin
6 Comments to “Erga Oromoon waljifatee dimokraasummaan Sirna Gadaa maali?”