Namni badhaasa noobeelii eegale lammii Suwiidiniifi ‘Alfred Nobel’ jedhamu ogeessa keemistirii yoo ta’u, ofiisaatiif nama nagaa ta’uyyuu, ogummaansaa guddaan meeshaalee dhuka’oo hojjechuu waan ta’eef eebbaafi dhaadhessa dandeettii isaan gitu hinarganne. ALA bara 1888 osoo inni lubbuun jiruu obboleessi isaa ‘Ludwig’ jedhamu boqote.
Duuti obboleessasaa sun dogoggoraan akka waan Nobel mataan isaa du’eetti afarfame. Inumaa gaazexaan biyya Faransaay tokko daldaltichi du’aa sun du’eera (‘the merchant of death is dead’) jechuun gabaase.
Alfired Nobel osoo lubbuun jiruu gabaasa gaazexaa kanaa yoo dubbisu baay’ee rifate. Addunyaan akkamitti akka isa ilaalaa jirtu xiinxale. Gaafa du’e waan hamaan malee waan gaariin kan hin yaadatamne ta’uu hubate.
Kanaafuu yeroo sanarraa kaasee akka itti du’a booda maqaa gaarii dhiisee darbu xiinxale. Badhaasni Noobelii (‘Nobel Awards’) jedhamus akka jalqabamu murteesse. Badhaasonni akaakuuwwan shan ogummaa saayinsii afuriifi nageenyaan namoota gumaacha olaanaa taasisan waggaa waggaatti badhaasuu yaadni jedhus dhalate.
Qabeenyasaa hundas kanumaaf oolche. Badhaasota shanan keessaa afur Siwiidinitti kan qopheeffaman yoo ta’u, kan dhimma nagaa ammoo Noorweey, Oslootti akka kennamu murtaa’e.
Doktar Abiyyi Ahmad badhaasasaanii noobeelii agarsiistuu nageenyaa, dhiifamaafi jaalalaaf abbolummaa ta’e sirna ho’aadhaan Kibxata darbe kan fudhatanis Noorweey, Oslootti. Duudhaaleen kanneeniif yoo abboomne tokko taanee waa hunda mo’achuu danda’uu keenyaaf badhaasichi agarsiistuudha.
Wayita Itoophiyaan gama siyaasaatiin karaa lakkuurra jirtutti ji’oota 18 har’aa gara hoggansaatti dhufuun ministira muummee haalota danuu kan jijjiire ta’uun ni yaadatama.
Eddii hojiisaanii eegalanii qabanii jibbaafi haaloo dhabamsiisuun nagaan, jaalalliifi dhiifamni akka dhugoomuuf halkanii guyyaa hojjetanii bu’aa galmeessisaniiru.
Ministirri muummeen bakkawwan deeman hundatti ka’umsaafi maniisaanii nageenya godhachuudhaan lammiileen biyyattii miira jibbiinsaafi haaloo dhabamsiisanii dhimmoota isaan tokkoomsanirratti akka xiyyeeffataniif hojjetaniiru, hojjechaas jiru.
Ida’amnee biyya keenya kan badhaate gochuun duudhaalee gaggaariifi tokkummaan akka cimaniif ministirri muummeen hojjetaniiru.
Hidhamtoota hiikuun, daangaa dimokraasii bal’isuun, addummaa dhaabbilee amantii jidduu ture furuun, jaarmiyaalee nageenya mirkaneessan caasessuufi dameelee biroo danuutti bu’aalee qabatamoon tattaaffii isaan taasisaniin argaman.
Doktar Abiyyi biyyoota ollaa Sudaan, Sudaan Kibbaafi Somaaliyaatti nagaan akka bu’uuf tattaaffii cimaa taasisaniin milkaa’aniiru. Hariiroon Itiyo-Eritiiraa waggoota 20f addaan cite tures akka sirraa’uufi biyyoonni obboleeyyan lamaan gara hariiroosaanii duriitti akka deebi’an gochuun gumaachisaanii daran olaanaadha.
Dhamaatiin Doktar Abiyyi nageenya, jaalalaafi tokkummaaf taasisan ija godhatee badhaasa noobeelii 100fa bara 2019 injifachuunsaanii Fulbaana 30 bara 2012 ibsamuunsaa ni yaadatama. Misiraachoon kun himamee guyyaa 60fa irratti Kibxata darbe sirna daran ho’aafi miidhagaa ta’een badhaasasaanii kana ija hawaasa addunyaa fuulduratti fudhataniiru.
Dhugaa dubbachuuf badhaafamuunsaanii yoo xiqqaate malee ittihinguddatu. Maaliif yoo jedhame biyyi kun otoo isaan gara aangootti hindhufiin maal keessa akka turte yaadachuu qofti gahaadha. Biyyi diigamuuf qarreerra turte deebitee akka bayyanattu ta’eera. Sana dura biyyattiin labsii yeroo hatattamaa al lama labsame keessa turte. Kunis tasumaa tasgabbii uumuu hindadneenye.
Haalli Itoophiyaafi Eertiraa jidduu nagaa ykn waraana otoo waantisaa addaan hinbahiin waggoota 20 oliif tures waamicha isaan nageenyaaf taasisan hordofee gara gaariitti akka dhufu ta’eera. Hidhamtoota siyaasaa kumoota hedduutti lakkaa’aman mana hidhaatii yaasaniiru.
Kanneen jijjiirama dhufetti fayyadamanii akka barbaadanitti biyya keessa naanna’anii “Jijjiiramni wayiituu hinjiru” jedhanii lallabaa jiran dabalatee namoonniifi dhaabbileen siyaasaa waggoota dheeraaf alatti baqatanii turan kaan xiyyaara ofii ittiin deemaniin fidanii dhufaniiru.
Lammiileen biyyattii biyyoota adda addaatti murtee malee hidhamanii gidiraa argaa turanis akka hiikaman taasisaniiru. Dhukkubsattoota gaafataniiru. Loltoota hammeenya yaadanii gara waajjirasaaniitti qajeelan ispoortii hojjechiisanii maalummaa dhiifamaafi obsaa biyya barsiisaniiru.
Kanaafi, kanneen birootiin Doktar Abiyyi ummatoota biyyattiifi ollaatiin darbees kan addunyaatiin akka ergamaa waaqaatti ilaalamuun Nabii, Museefi kkf jedhamanii maqaa masootiin akka waamaman ta’e.
Sanas ta’e kana nama hubatee xiinxaleef bu’aafi jijjiiramni biyyattiitti erga isaan gara aangootti dhufanii mul’ate akka laayyootti kan ilaalamu miti. Namni kun Waaqaa gaditti geggeessaa biyyaa kabaja guddaa argachuu qabaniidha.
Kanaaf akkuma Oromoonni biyya alaa jiraatan badhaafamuu lammiisaanii, ilma Abbaa Gadaatti gammaduusaanii tokkummaan dirreetti bahanii ibsatan hojii isaan biyya keessatti raawwataa jiraniif beekamtii kenninee dinqisiifannaa tattaaffii isaaniitiif qabnu hojiidhaan haa agarsiisnu.
Keessumaa nuti, ilmaan Abbaa Gadaa sangaa abbaan gaafa cabse jedhamuurraa of qusannee tarkaanfii keenya hunda of eeggannaadhaan haa taasisnuufiin dhaamsa kooti.
Jiruu Qananiitiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012
5 Comments to “Doktar Abiyyi: Geggeessaa badhaasa maluuf argate”