Kaleen qaamota dhalli namaa jiraachuuf dirqama barbaadu keessaa isa hangafa jechuun ni danda’ama. Namni fayya qabeessi tokko kalee lama kara bitaafi mirgaa irraa kan qabu yoo ta’u, yeroo tokko tokko uumamaan namni kalee tokko qofa qabaatee dhalatu illee darbee darbee ni jira.
Yeroo tokko tokko ammoo kaleen kara tokkoon dhukkuboota garagaraan yoo hubamu, mana yaalaatti kaleen tokko ba’uudhaan namni kalee tokkoon jiraatu ni jira. Namoonni kalee tokko qaban kun carraan dadhabuu kalee isaanii kannneen biroo irra olka’aadha. Dadhabuun kalee maalirraan akka namatti dhufuufi akkamiin akka lubbuu galaafatu akkasumas furmaanni isaa maal akka ta’e ilaaluu keenyaan dura, faayidaan kalee maal akka ta’e haa ilaallu.
Qaama keenya keessaa faayidaan ykn ga’een hojii kalee maalii?
Qaamni keenya nyaata yoo fayyadamu, yeroo annisaa maddisiisuufi haalota garagaraa keessa yoo darbu, xuraawaa garagaraa qaama keessatti gadi lakkisa. Xuraawwaan qaama keenya keessatti gadi lakkifaman kun yeroodhaan qaama keessaa dhabamsiifamuu yoo baatan rakkoolee garagaraa qaama keenya irratti fiduudhaan lubbuu galaafatu. Xuraawaa qaamni keenya oomishuun alatti qorichoonni garagaraa mana yaalaa irraa kennamaniifi yeroo tokko tokko ammoo ofii keenyaa manneen qorichaa irraa bitannu illee akkuma waan isaan irraa barbaadamu hojjetaniin qaama keessaa dadhabamuu qabu.
Waantoota kunneen qaama keenya keessaa dhabamsiisuun akka qulqulleessituu qaamaatti kan tajaajilu kaleewwan lameen qaama keessatti argamaniidha. Kaleen fayyaan tokko qofti hojii xuraawaa dhabamsiisuu kana hojjechuu danda’a. Kaleewwaan lameen yoo miidhaman garuu akkuma armaan olitti ibsame xuraawwan kun qama keessatti kuufamuudhaan qaama namaa miidhu. Kaleen keenya dabalataan keemikaalota gara garaa oomishuudhaan elektiroolaayitoota qaama keessaa akka sirrii eegaman, dhiigni diimaan qaama keenyaaf barbaachisu akka sirriitti oomishamufi akkasumas lafeen akka sirriitti ijaaramu taasisuufi kanneen biroo hedduu dalaga.
Kalee waantonni miidhan ykn dadhabuu kalee fidan maal fa’ii?
Kaleen kan miidhamu karaalee hedduu yoo ta’u, dhukkuba kalee gara dhibbeentaa hedduu kan ta’an garuu ka’umsa olaanoo sadan, jechuunis; dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaafi dhukkuba kulkula giloomerulasii kalee (Glomerulnephritis) irraan kan dhufaniidha. Kanneen keessaa bay’inaan kan argaman dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuba sukkaaraati. Kanaafuu dhiibbaa dhiigaa seeraan yaalamuu (to’achuu)fi dhukkuba sukkaraa seeraan to’achuu (yaalamuun) dhukkuba kaleen dadhabuu kana irraa akka nama baraaru beekamaadha. Kana malees, qorichoonni garagaraa kan keessumaa ajaja ogeessa fayyaa malee fudhataman kalee keenya irratti miidhaa guddaa geessisuu danda’u. Keessumaa kaleen keenya erga miidhamee booda qorichoota fudhannu irratti of eeggannoo guddaa taasisuu qabna.
Dhukkubni kalee mallattoolee akkam akkamii argisiisuu malaa?
Dhukkubni kalee mallattoolee garagaraa kan argisiisu yeroo hedduu erga kaleen baay’ee miidhamee booda. Kun ammoo akka namni dhukkuba kana akka qabu ofirratti hin barreefi dafee akka seeraan hin yalamne taasisa. Kanaafuu namni carraan dhukkuba kaleen dadhabuu kanaan hubamuun isaa olka’aa ta’e akka nama dhiibbaa dhiigaa qabuu, nama dhukkuba sukkaraa qabuufi mallattoolee dhukkuba kalee (armaan gaditti ibasaman) ofirratti arge mana yaala adeemuun akka dhukkuba kalee kana qabu of qorachiisuun dirqama.
Malattoon dhukkubni kalee kun argisiisu keessaas; dadhabbii qaamaa humnaa olii, nyaata jibbisiisuu, hir’ina dhiigaafi mallattoolee hir’ina dhiigaa argisiisuu, qaamni namaa dhiita’uu (keessumaa fuula irraatti ganama ganama dhiita’uufi san booda ammoo qaama hunda dhiitessuu), qaamni huqqachuu (ulfaatinni garmalee hir’achuu) fi kan kana fakkaataniidha.
Yaalli ykn gargaarsi dhukkuba kaleen dadhabuu kanaaf kennamu maal fa’i?
Jalqaba irratti yaalamuudhaaf namoonni mallattoolee dhukkuba kaleefi akkasumas dhibeewwaan dhukkuba kaleef nama saaxilan qaban mana yaalaa deemuun dhukkuba kanaaf qoratamuudha. Kunis qorannoo dhiigaa salphaafi altiraasaawondii kalee qofaan adda baafachuun ni danda’ama. Erga adda baafatanii booda, akkuma beekamu dhukkubni kalee sadarkaa hedduu waan qabuuf, sadarkaan isaa adda ba’ee dhukkubsataa sanatti ni himama.
Gara sadrakaa gara jalqabaa yoo ta’e yeroo hedduu gargaarsiifi yaalli godhamu waantoota dhukkuba kalee sana namatti fidan mana yaalaattii adda baasuudhaan, haga danda’ame irraa of eeguu yokaan dhabamsiisuudha. Fakkeenyaaf namni dhukkuba sukkaaraa osoo qabuu kaleen isaa dadhabaa dhufe tokko to’annoo sukkaaraa isaa cimsuun dirqama. Kan dhiibbaa dhiigaa illee akkasuma. Kana malees qoricha kamiyyuu gorsa ogeessa fayyaan alatti namni dhukkuba kalee sadarkaa kamiyyuu qabu tasuma fudhachuu hinqabu. Kunis qorichoonni tokko tokko dhukkubbii mataafi kan kana fakkaataniif mana qorichaa irraa akka salphaatti bitaman, kalee xiqqoo miidhame ittuu balleessuu waan danda’aniif jechuudha.
Sadarkaan dhukkuba kalee kanaa yoo baay’ee kan cime ta’e :Yaalli godhamu gara kalee bakka buusuutti xiyyeeffata. Yaalota kalee bakka buusuu keessaa inni jalqabaa kalee nama fayyaa kan kaleen isaa/ishee lameenuu fayyaa ta’an keessaa tokko baasuudhaan nama kaleen isaa dadhabe kanaaf kennuudha. Kun yaalli isaa biyya keenya keessatti Hospitaala Qiddus Phaawuloos Finfinnee jiru keessaatti kan kennamaa tureedha. Yaalli kun nama kalee fudhatuufi nama kalee kennu kana lameeniifuu oopereshinii gochuudhaan isa fayyaa keessaa fuudhanii isa adhukkubsaateef jijjiiruudhaan kanraawwatamuudha.
Yaalli kalee bakka buusuu inni lammaffaaammoo meeshaa namtolchee kan xuraawaa qaama keessaa kaleen gadi baasuu dadhabde sana ofii isaa (maashinni sun) bakka kalee bu’uudhaan dhiiga qulqulleessuudha. Maashinni kun Diyaaliisis jedhama. Yeroo hedduu hawaasa keessatti “yaala kalee dhiquu/miicuu/ jedhuun haa waamamu malee meeshaan kun kalee bakka bu’uudhaan dhiiga xuraawaa gargaraa irraa qulqulleessa malee kalee qulqulleessa miti.
Rakkoon maashinii kalee bakka bu’’ee dhiiga qulqulleessu kanaa gatii (kaffaltii) isaati. Kaleen nama tokkoo yoo guutummaa guutuutti dadhabe, yoo xiqqaate torbanitti dhiigni namaa maashina kanaan al sadii qulqullaa’uu qaba. Kun ammoo haga namni sun lubbuun jirutti, yoo kaleen nama biraa irraa jijjirameef irraa kana hafe itti fufa. Waanti (maashinni) harki namaa oomishe haga ta’e lubbuu namaa haa dheeressu malee, haga kalee harki rabbi uume sanii dhiiga namaa qulqulleessuu hindanda’u. Kanaaf yoo danda’ame maashina kanaan dhiqsiisuu caalaatti kalee nama biraa irraa jijjirrachuun yaala fooyya’aadha.
Kanaafuu, erga kaleen dadhabee yaala yeroo hedduu biyya keessatti hin argamneefi qarshiin isaa hedduu qaalawaa ta’e kana waliin dhiphachu caalaatti, dhukkuba kaleef furmaanni guddaan ittisuudha. Kanaaf namoonni mallattoon dhukkuba kalee irratti argamu, namoonni dhiibbaa dhiigaa qaban, namoonni dhukkuba sukkaaraa qabaniifi kan kan fakkaatan gara mana yaalaa deemuun yoo xiqqaate kaleen isaaanii fayya ta’uu isaa mirkaneeffachuun dirqama.
Horaa Bulaa
Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an,
Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Qiddus Phaawuloosiitti
baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012
Ani yaadan isin asirratti kennitan kana dubbisee baay’een hubbadhee , dhugaa dubbachuuf nama akkasii karaa namatti argisisuu jiraachuun rakkoolee akkasii dhufan dursanii qolachuuf nu gargaara.kanaaf waaqayyoo umrii sinii haa laatuu barri keessan haa eebbifamuun jedhaan.