Gareen guddattoota Biraaziil waancaa fudhate

Finfinnee: Waancaan kubbaa miilaa dargaggoota guddatoota addunyaa waggaa lamatti al tokko biyyoota miseensota Waldaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa biyyooleessaa “FIFA’’ jidduutti gaggeeffama.

Walmorkiin kun baranas yeroo 18fa qopheessummaa  Biraaziiliin gareewwan dargaggootaa guddattootaa biyyoota  Addunyaa 24 jidduutti haala miidhagaadhaan  gaggeeffameera.

Torban sadiif adeemsifamaa kan ture waancaan dargaggoota guddatootaa umrii 17 gadii kanati Biraaziil shaampiyoona ta’uudhaan hambifatteetti. Dargaggoonni guddatootni Biraazil waancaa kan fudhatan tapha maahessaatiif kan dhihaate garee dargaggoota guddattoota Meeksikoo  mo’achuudhaani.

Gareen dargaggoota guddattoota Biraaziil kun Waancaa kan fudhate taphawwan adeemsifatetti Kaanaadaa 4-1n, Neezarlaandi 3-0n, Angoolaa 2-0n, Chiilii 3-2n Xaaliyaanii 2-0n, Faransaay 3-2n gaggeessuudhaan yoo ta’u, tapha maahessaatti ammoo  Meeksikoo 2-1n mo’achuudhaani.

Biraaziil waancaa dargaggoota guddattootaa kana yeroo sadiif fudhachuushee kan yaadatamuudha. Afrikaarraa Naayijeeriyaan al shan, Gaanaan ammoo yeroo lama argatteetti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012

Recommended For You

3 Comments to “Gareen guddattoota Biraaziil waancaa fudhate”

  1. Pingback: unieke reizen

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *