Adaamaatti ijaarsi pirojektootaa yeroon jalqabamanii akka xumuramaniif hojjetamaa jira

Adaamaan magaalota Oromiyaa  guddina saffisaarra jiran keessaa ishee tokko. Magaalattiin giddugala indastirii, tuurizimiifi konfiraansii waan taateef sochii daldalaa guddaatu keessatti adeemsifama. Qorannoon dhiyeenya kana taasifame tokko akka ibsutti, guyyaatti namoota kuma 65 ooltu magaalattii seenee ba’a.

Bulchiinsi magaalattiis hojiilee misoomaafi guddina magaalattii si’eessaniifi fayyadamummaa uummataa mirkaneessan jechuunis bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, qulqullinaafi magariisummaa magaalattii eeguu, rakkoolee bulchiinsa gaariifi hojidhabdummaa furuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsa.

Hojii Geggeessaa Mana Qopheessaa magaalattii Obbo Biraanuu Damee ibsa torban darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin tuurizimiifi invastimantii bal’aan magaalattii keessatti  waan geggeeffamuuf hojiileen misoomaafi pirojektoota adda addaa akkaataa karoorfamaniin raawwatamaa jiru.

Rakkoowwan bulchiinsa gaarii furuu, bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, carraa hojii bal’aa uumuudhaan rakkoo hojidhabdummaa hir’isuufi rakkoolee raawwii karoora hojii bara darbee irratti mul’atan furuun dhimmoota xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jiran ta’uu himu.

Bara darbe pirojektoota bu’uuraalee misoomaa 35 hojjechuuf qabaman keessaa 23 xumuramaniiru kan jedhan Obbo Biraanuun, bara bajataa kana ammoo pirojektoota bu’uuraa  61 hojjechuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Pirojektoota kunneen keessaa torba kontiraaktaraan kan hojjetaman yoo ta’u, kanneen hafan ammoo waldaalee dargaggootaa yuunivarsitiiwwan adda addaa irraa eebbifamanii ba’uun gurmaa’aniin kan hojjetamanidha jedhaniiru. Akka ibsa Obbo Biraanuutti pirojektoonni qarshii miliyoona 10 gadiin hojjetaman dargaggoota gurmaa’aniif kan kennaman ta’u.

Diizaayinii pirojektootaa yeroon qopheessuufi hojii pirojektoota yeroon jalqabanii xumuruufi qulqullinaan hojjechuu irratti hanqinni jiraachuu kan himan Obbo Biraanuun, dizaayiniin pirojektoota barana hojjechuuf karoorfamanii ganna darbe xumuruun caalbaasiin pirojektoota 28 ba’anii waajjirri konistiraakshinii akka mirkaneessuuf itti ergamuu ibsaniiru.  

Pirojektoonni kunneen fedhii hawaasaa irratti hundaa’uun kan filatamaniifi calalaman ta’uu Obbo Biraanuun eeraniiru.

Caalbaasiin pirojektoota hafaniis ba’anii sanadootni isaanii calalamaa jiraachuu himanii,  pirojektoota hundumaa kontiraaktarootatti dabarsanii kennuuf qophiin xumurameera.

Suphaan daandii aspaaltii keessoo magaalattii rakkoo bulchiinsa gaariifi bu’uuraalee misoomaa waan ta’eef magaalaa guutummaatti suphuun fi waldaalee 141 ammoo qulqullinaafi magariisummaa magaalattii irratti hirmaachisuun carraa hojii bal’aa uumuuf hojjechaa  jiraachuu himaniiru.

Hanqinni kontiraaktarootaafi  qaamonni dhimmisaa ilaallatu daangaa kabachiisuu dhabuun rakkoolee gurguddoo ijaarsa pirojektootaa duubatti harkisan ta’uu kan himan hoji Gaggeessaan kun,  magaalaan Adaamaa deggersa baankii addunyaa jala waan jirtuuf pirojektoota eegalamaniiran yeroon akka xumuramaniif koreen hordoffii taasisu ijaarameera.

Ji’a ji’aan ammoo kontiraaktarootaa wajjin wal arguudhaan rakkooleen mudatan akka sirrataniifi raawwii irratti rakkoo kan uuume irratti tarkaanfiin kan fudhatamu akka ta’e eeru. Kanamalees haalli harkifannaasaa ilaalamee tarkaanfiin hanga  waliigaltee addaan kutuu geessisu  kan fudhatamu ta’uullee kaasaniiru.

Qulqullina dhabuu ijaarsa dhabamsiisa  lolaa gannaa  magaalattii mudachaa ture  furuudhaaf qorannoo irratti hundaa’uudhaan hojiilee gurguddoon raawwatamaa turaniiru kan jedhan Obbo Birhaanuun,  gaabiwooniin sadarkaa isaa eege meetira 302 dheeratu hojjetameera.  Bakkeewwan  balaa lolaatiif saaxilaman adda baasuufis koreen rakkoo tasaa hambisu hundaa’eera. Koreen kun bo’oo lolaa qulqulleessuu, bakka balaan lolaa itti uumamuu danda’u dursee adda baasee bulchiinsa magaalaa waliin hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.  

Kanaan dura balfawwan mana manaa ba’an qulqullina magaalaa irratti dhiibbaa geessisaa kan turan ta’uu kan eeran hoji Gaggeessichi, kutaalee magaalotaa hundaaf tiraaktera tokko tokko ramaduudhaan waldaaleen gurmaa’an balfawwan mana keessaa ba’an sirnaan akka dhabamsiisan ta’eera. Waldaaleen lama ammoo balfawwan kunneen gara kompoostiitti jijjiiruun balfa qabeenyatti deebisaa kan jiran ta’uu himu.

Qulqullina magaalattiif hudhaa dabalataa ta’aa kan jiran keessaa inni biraan ijaarsaalee seeraan alaa akka ta’e Obbo Biraanuun himeera. Akka ibsasaaniittis manneen seeraan ala ijaaramaniifi pilaanii magaalaa hin eegne irratti tarkaanfii fudhachuun eegalameera. Ijaarsa seeraan alaa dursanii ittisuu irrattis hojii bal’aan raawwatamaa akka jiran kan himani Obbo Biraanuun rakkoo gama kanaan jiru furuuf hojiin hubannoo uumuu kennamaa jiraachuullee dubbatu.

Lafa invasimantiif fudhatamee utuu hin misoomiin tureefi kan tajaajila biraaf oolche irrattis tarkaanfiin barbaachisu fudhatamaa jiraachuu himanii, kanneen of eeggannoon kennamaafiis akka of sirreessaniif hordoffiin taasifamaa jira jedhaniiru.

Yuunivarsitiin Saayinsiifi Teekinoloojii Adaamaas bulchiinsa magaalattii waliin ta’uudhaan deggersa ogummaa, faayinaansii, teekinikaafi leenjii kennuun magaalatii bareechuu fi sosochii hawaasdinagdee jiraattotaa fooyyessaa jiraachuu Obbo Biraanuun himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012

Recommended For You

4 Comments to “Adaamaatti ijaarsi pirojektootaa yeroon jalqabamanii akka xumuramaniif hojjetamaa jira”

  1. Pingback: Ostheimer

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *