Barnoonni teeknikaafi ogummaa bara 1940 keessa Itoophiyaatti biqiluu kan eegale yoo ta’u, warraaqsa qonnarraa gara indastiriitti taasifamu milkeessuufi dinagdee biyyaa saffisiisuu keessatti qooda guddaa qaba.
Dameen kun miira ofitti amanamummaa lammiileetti horuurra darbee dinagdeen namoota dhuunfaafi biyyaa akka guddatu, aadaan kalaqaa akka gabbatu hirkattummaan akka dhabamsiifamu kan gargaaruudha.
Kun ta’us rakkooleen ilaalcha booddeetti harkisoo lammiilee keessa jiran haqamuu dhabuudhaan takkaan rakkoon qulqullinaa akka mudatu takkaanimmoo hirmaannaa namoonni damicha keessatti qaban akka laafu taasiseera.
Barnoonni teeknikaafi ogummaa bara 1940 keessa Itoophiyaa keessatti eegalamus namoota ogummaa addaa horachuun bu’aalee sibilaafi uffata gara garaa omishanitti maqaa moggaasuun guddinni damichaa akka quucaru sababa ta’aa turaniiru.
Ilaalchi akkanaa kun hamma tokko booddeetti harkisaa ta’us lammiileen miira kutannoofi mo’ataa qaban of ta’uun duudhaalee seenaa har’a Itoophiyaan ittiin beekamtu hedduu dhalootaaf dabarsanii darbaniiru.
Duudhaaleen kunneen Itoophiyaan hawwata turistii akka taatu kana malees qaroominni kaleessa biyyattii keessa ture addunyaa biraatiif akka mul’atu taasisaa jiru.
Kuni ta’us imala dameen teeknikaaf ogummaa kaleessaa hanga har’aa itti jiru wayita ilaalamu rakkoon jiraachuu Ejensiin Teknikaafi Ogummaa Federaalaa ni komata.
Komii kana furuun imala qonnarraa gara indastiriitti taasifamu milkeessuuf qaamota dhimmisaa ilaallatu waliin Finfinneetti mariin taasifamaa tureera.
Ministeera Dhaabbilee Barnoota Olaanaafi Saayinsiitti Ministir De’eetaan Waltaasisa Damee Teeknikaafi Ogummaa Obbo Abdiiwaasaa Abdallaa haasaa maricharratti taasisaniin damichi hudhaalee booddeetti harkisoodhaan liqimfameera jedhan. Rakkoon ilaalchaafi qulqullina hudhaalee ammallee yaaddoo teeknikaafi ogummaa ta’uus eeran.
Ilaalcha badaa kaleessa lammiilee keessa tureen namoota ogummaa waa kalaquu qaban maqsuun guddinni damichaa akka quucaru taasisuun ammallee hincabiin jira.
Kun kan ta’eefis namoonni barnoota teeknikaafi ogummaan leenjii’an warreen qabxii darbinsa qophaa’inaa dhaban qofa simachaa turuuniidha kan jedhan Obbo Abdiiwaasaan kun akka hafuuf hojjetamaa turuu eeran.
Hojii gama kanaan hojjetameen simannaan teeknikaafi ogummaatti taasifamu akka kaleessaa warreen qabxii darbiinsaa dhaban osoo hintaane warreen gahumsaafi qabxii olaanaa qaban akka ta’u ta’eera jedhan.
Dameen teeknikaafi ogummaa miira hirkattummaa dhabamsiisuun dargaggoota ofirra darbanii biyyaaf abdii ta’an horachuuf kan oolu waan ta’eef xiyyeeffannoo argachuu mala kan jedhan Obbo Abdiiwaasaan, ilaalchota booddeetti harkisoo maqsuun barbaachisaa ta’uu dubbatu.
Itoophiyaan damee teeknikaa kanaan dura hojiilee boonsaa hojjettus itti fufiinsa dhabuusaatiin kufaatii damichaaf sababa ta’aa jira.
Akka ibsasaaniitti ilman Itoophiyaanotaa kaleessaatiin gamooleen ijaraaman kanneen akka gamoowwan Jagoliifi Faasilidas, Dirree Sheek Huseen, bu’aaleen gogaa, sibiilaa, omisha huccuu bu’aalee teeknikaa addunyaan har’aa qabattee jirtu kanneen gachisiisaniidha.
Gahumsa dhaloonni darbe gama teeknikaan kaahee darbe kana dhaloota har’aa dhaalchisuun dirqama jedhanii, ogeeyyota akkanaa horachuuf damicha cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsan.
Sosochii gama kanaan jiru cimsuun hudhaalee jiran maqsuuf leenjistoota gahumsa qaban horachuu, leenjitoota qabxii olaanaa qaban hedduminaan simachuu, hudhaalee komii kaasan furuun barbaachisaadha.
Kuni ta’uu baannaan guddinni damichaa balaa keessa akka bu’u kan himan ministir de’eetichi, rakkoo ilaalchaafi qulqullinaan walqabatee ka’urratti hojii hubannoo uumuun barbaachisaadha. Bu’aaleen kanaan dura damicha keessatti omishaman hedduunsaanii jajjabeessoo ta’anis rakkoo qulqullinaan walqabatee gatii qabeessummaansaanii gadi bu’aadha jedhan.
Omishni sadarkaasaa hineegganne sharafa alaa argamsiisuu miti ogeeyyotallee kan fayyadau miti kan jedhan Obbo Abdiiwaasaan gadi bu’uu gatiif abdii kutannaaf kan saaxiludha.
Keessumaammoo walitti hidhaminsa gabaallee kan gufachiisu waan ta’eef dhiyeessiilee barbaachisoo damichaaf guutuun ogeeyyota omishaalee gatijabeessa kalaquu dandahan horachuun barbaachisaa ta’uus ni ibsu.
Dameen Teeknikaafi Ogummaa sosochii hiyyuma seenaa taasisuuf gaggeeffamaa jiru milkeessuu keessatti adda duree ta’uu kan himanimmoo Daariktara Olaanaa Ejensii Teeknikaafi Ogummaa Federaalaa Obbo Geetaachoo Nagaashi.
Hojiin hojjennu kamuu akka miidhagu yoo feene fedhiin ogummichaa nukeessa buluu qaba jedhanii, hojiin fedhiin duuba hojjetamu rakkoo qulqullinaaf akka saaxilamudha kan kaasan.
Kan teeknika baratu nama dadhabaa godhanii ilaaluun, kan kufe godhanii madaaluun, akkasumas hojii dhaba hin wayyuu godhamee fudhatamuunsaa komii qulqullinaafi ilaalcharratti ka’u kanaaf sababa ta’uu eeran.
Addunyaan biroo damee teeknikaafi xiyyeeffannoo guddaa laachuusaaniin hiyyuma seenaa godhaniiru kan jedhan Obbo Geetaachoon isa kanaaf Chaayinaan biyya irraa baratamuu qabdu ta’uu dubbatu.
Har’a omishaalee teeknikaafi ogummaa Chaayinaa keessatti omishaman galii sharafa alaa biyyattiin argattuuf utubaa ta’uun tajaajilaa jiru kan jedhanii Itoophiyaanis fakkeenymmaa kanarraa barachuu akka qabdu dubbatan.
Akka Obbo Gietaachoon jedhanitti sosochiin damee teeknikaa Itoophiyaa keessa jiru jajjabeessaa ta’us hudhaalee komii kaasanirratti qorannoo gadi fagoo hojjechuun barbaachisaadha.
Bu’aa qorannoo kana galtee godhachuun muuxannoo waljijjiirraa biyyoota ollaafi biroo wajjin taasisuun guddina damichaa mirkaneessuun ni dandahama.
Haaluma kanaan milkaahinni jajjabeesssaan akka galmaahuuf dhaabbilee teeknikaafi ogummaa biyyoota alaa wajjin muuxannoo waljijjiirraan gara garaa taasifamaa jiraachuu kan himanii, jalqabbiin jiru itti fufiinsa akka qabaatuuf hojjetamaa jira jedhan.
Dhaabbanni ‘GIZ’ sosochii gama kanaan taasifamu deeggaruu keessatti shoora olaanaa taphachaa jiraachuullee kaasnaii jiru. Yeroo ammaattis meeshaalee teknolojii baruu barsiisuuf leenjii teeknikaafi ogummaaf barbaachisoo ta’an alaa galchuun omisha qulqullina qabu gabaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.
Dhiyeessiilee meeshaalee teknolojiin alattis humna nama gahaa, leenjitoota gahaa, akkasumas bakka hojiif leenjii mijataa ta’e babal’isuun hudhaalee jiran furuuf hojjetamaa jira.
Akka Obbo Getaachoon jedhanitti sosochiin gama kanaan taasifamu rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa kan furu,miira hirkattummaa kna dhabamsiisu,dinagdeef sharafa alaa biyyaa kan fooyyessuudha.
Bu’aaleen omishaa qulqullina qaban wayita dabalaa deeman walitti hidhaminsi gabaallee dabalaa deema jedhanii, isa kanarratti toorri xiyyeeffannoo jiraachuu dubbatu.
Keessumaa rakkoo walitti hidhaminsa gabaa komii dabalataa kaasaa jiru kana furuuf qulqullinarratti hojjechuun murteessaa ta’uu himanii, bakka gurgurtaaf oomishaa mijeessuun dhimma irratti hojjetamaa jiruudha jedhan.
Omishtoonni hedduu bu’aalee oomishaa babbareedoo qabaatanii hudhaa hidhaminsa gabaan liqimfamaniiran jiraachuu Obbo Getaachoon yoo himan isa kana furuuf kallattiin taa’ee jiraachuu ibsan.
Haaluma kanaan rakkoon walitti hidhaminsa gabaafi bakka gurgurtaa akka furamu mootummaan cimsee hojjetaa jiraachuu kaasanii, hudhaalee ilaalchaa damicha booddeetti harkisan maqsuun dhimma yeroo fudhachuu qabu waan hintaaneef irratti hojjetamuu qaba.
Walumaagalatti dameen teeknikaafi ogummaa bakka itti miirri ofitti amanamummaa horatamuufi dinagdeen nama dhuunfaaf biyyaa itti fooyya’u waan ta’eef rakkoo ilaalchaafi qulqullinaa hudhaa damichaa ta’an dhabamsiisuuf hubannoo uumuun barbaachisaadha.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012
9 Comments to “Rakkoon qulqullinaafi ilaalchaa ammallee hudhaa damee teeknikaati”