Barattoonni gabaa siyaasa jeequmsaa ta’uurraa of eeguu qabu

Haadha barumsaaf  ijoolleeshee  iddoo birootti ergattee yoom eebbifamee naa gala jechaa osoo eegduu yeroo reeffi  mucaashee fe’amee itti galu arguu caalaa wanti  qalbii  namaa cabsu hinjiru.

Ijoollee abdiifi kutannoo barnootaaf qaban galmaan gahachuudhaaf iddoo waraanaa osoo hintaane, yunvarsiitii deemanii akka nama waraana dhaqeetti achitti wareegaman arguu caalaa waanti garaa nama raasu hinjiru.

Barattoota sabaan gara gara ta’anii kaayyoo walfakkaataan daree barnootaafi kutaa hirribaa tokko waliin jiraatantu sanyii walii lakkaa’ee walirratti ka’e. Harka gaafa nagaa waliin nyaatetu rakkoon dhufnaan wal nyaachuuf walitti hamuummatee barattoota hedduus galaafate. Garaa gartee xixiqqoo barattoota giddutti uumamte galtee godhachuunis daldala siyaasaatu isaanirratti eegalee dirree barnootaa mogolee buuse.

Waggoota muraasa booda dhaabbileen barnoota biyyattii gabaa barnootaafi beekumsaa irraa gara gabaa siyaasaafi jeequmsaatti jijjiiramaa jiraachuu mallattooleen agarsiisan hedduudha. Jijjiiramni amma jedhamu kun akka dhufuuf shoorri barattoota dhaabbilee barnoota olaanaa gahee guddaa kan qaban ta’uun  waan nama mamsiisu hinqabu.

Jeequmsa waggoota qabsoon itti gaggeeffamaa ture kan har’a yunvarsitiiwwan garaa garaa keessatti mul’achaa jirurraa wanti adda isa taasisu garuu,  inni bara qabsoo sun sirna bulchiinsaa irratti mormii gaggeeffamu  qofaa ture. Jeequmsi dhaabbilee barnootaa mudate sirna siyaasaa ykn mootummaa mormuu osoo hintaane sabaan walqoodanii haleellaa sabummaa irratti kan xiyyeeffate ta’uusaati.

Haalli yeroo ammaa yunvarsiitiiwwan tokko tokkotti mul’achaa jiru yeroodhaan  to’atamu malee balaa cimaa qaqqabsiisuu mala kan jettu barattuu Yunvarsiitii Mattuu Tinsaa’e Kaffaalooti. Barattuun kun ibsa dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaatiif kenniteen mootummaan biyya bulchus hojii nageenya barattootaa mirkaneessuu dagachaa jiraachuu eerti.

Barana yunvarsiitiiwwan hundi barattoota simachuun duratti  gaafa galmeef dhufan waraqaa gandaa mallattoo maatiifi bulchiinsa gandaa qabu fidanii akka dhufan taasisuunsaanii jalqabbii gaarii ta’uu kan himtu barattuun kun, kunis gaafa barattootni waan tokko balleessan dafanii warra kaan irraa adda baasuuf kan nama gargaaru ta’uu ibsiti.

Barataan barnootaaf kaayyoo qulqulluu qabatee dhufu akkuma jiru kanneen  haalota uumaman ilaaluudhaan kaayyoosaanii dagatanii gara kallattii hinmalleetti qajeelan waan jiraniif waraqaan  aanaa irraa qabatanii dhufan sun hedduu barbaachisaa ta’uu himti.

Haalli yunvarsitiiwwan keessatti mul’atu kun irra caalatti gara jeequmsaatti akka geeddaramuuf ololli miidiyaalee garaa garaatiin taasifamaa jiru iddoo olaanaa qabaachuu kan himu immoo barataadhuma yunivasitichaa Kaasaahun Balaachooti. Waldhabdeewwan xixiqqoo turan arbeessuudhaan rakkoo yunvarsitiiwwan muraasatti uumame dhaabbilee hundatti  babal’isaa  kan jiranis miidiyaalee ta’uu dubbata.

Miidiyaalee kanneen duuba immoo qaamotni siyaasaa fedhasaanii galmaan ga’uuf tattaafatan hedduu jiraachuusaaniifi  jeequmsaafi walitti bu’iinsa uumameen aangoo siyaasaa qabachuuf kan hamuummatan hedduun jiraachuus himeera.

Mootummaanis qaamoota rakkoolee kana duuba jiran seeratti dhiheessuu irratti  hanqina guddaa kan qabu ta’uufi kun immoo warra walitti bu’iinsa uumaa jiraniif abdii guddaa kennaa  waan jiruuf, lubbuu barattootaa baraaruu irratti mootummaan kutannoo cimaa agarsiisuu akka qabu gaafata.

Haalli yeroo ammaa yunvarsitiiwwan keessatti mul’atu yeroodhaan tasgabaa’uu baannaan Yunvarsitiwwan biyyattii cufuudhaaf kan dirqaman ta’uu marii dhimmicharratti dhiheenya kana taasisamerratti kan himan Ministira Muummee Dokatar Abiyy Ahmad, haalli garaa garummaa jiru ittiin furamus bifa nagaafi tasgabbii qabuun ta’uu akka qabu dhaamaniiru.

Jeequmsaafi waldhabdee yunvarsiitiiwwan (keessattuu naannoo Amaaraa) keessatti mul’achaa jiruun barattoonni iddoo biraatii keessattuu Oromiyaa irraa deeman irratti tarkaanfiin xiyyeeffatame fudhatamaa jiraachuun barattootni yunvarsitiiwwan naannoo sanaa irraa dheessanii dhufan miidiyaalee adda addaatti himaa turan.

Akka barattootni kunniin jedhanitti, waldhabdeen yunversiitiiwwan naannoo Amaaraa keessatti uumamaa jiruufi tarkaanfiin barattoota Oromoo irratti xiyyeeffate kun barattoota qofaan osoo hintaane, qaamota nagaa kabachiisuuf  mooraa yunvarsiitiiwwanitti ramadamanis kan hirmaachiseedha jedhu.

Maatiinis barattootaa hedduun immoo yeroo ammaatti ijoolleensaanii barnoota dhiisanii akka galan gaafachaa jiru. Falmii guddaan amma jiru garuu gama mootummaatiin barattoota gara maatiitti deebisuuf fedhiin waan jiru hinfakkaatu.

Kunis ija siyaasaatiin yemmuu ilaalamu biyya tokko keessatti barattootni naannoo tokkoo naannoo biraatti barachuu hin dandeenye jechuun kisaaraa siyaasaa waan qabuuf ta’uu mala. Ejjennoon mootummaa kana yoo ta’e garuu waan tokko gochuun dirqamasaati. Innis bakkawwan hundatti nageenya barattoota mirkaneessuudha.

Yaanni maatii barattootaa garuu haala amma jiruun mootummaan nageenya barattoota mirkaneessaa waan hinjirreef, nama lubbuun jirutu baratee iddoo tokko ga’a waan ta’eef hanga haalichi fooyya’utti ijoolleesaa manatti galfachuudha. Yoo danda’ame immoo yunvarsiitii dhiheenyasaanii jirutti akka baratan taasisuudha.

Mootummaan haala kana tasgabbeessee nageenya barattootaa mirkaneessa moo  gaaffii maatii barattootaa fudhatee barattoota kana iddoo irraa dhufanitti deebisaa? Gaaffiin jedhu  garuu ammas mallattoo gaaffiitiin itti fufee jira.

Akkuma muummichi ministiraa dhiheenya kana dubbatanitti, eejjennoon mootummaa dhaabbilee barnoota olaanaa kanneen cufuu yoo ta’es osoo lubbuu barataa hingabbarree ta’uu qaba.

Jechi dhaabbilee barnootaa cufuu jettu kun garuu waan namatti ulfaatu hedduu of biraa qabdi. Iddoo jiranitti nageenya barattootaa eegsisuun yemmuu dadhabamutti filannoowwan jiran keessaa inni tokko cufuu ta’us, filannoon lamataa garuu naannoo irraa dhufanitti deebi’anii akka baratan taasisuudha.

Filannoo lammataa (barattoota gara naannoo irraa dhufaniitti ramaduu) inni jedhu yaalamee ammas rakkoon nageenyaafi jeequmsi kun yoo dhaabbachuu dide garuu gara filannoo munistira muummee “cufuu”  dhufuu mala.

Garuu osoo isa duraa sanaan hin yaalle cufuunis kisaaraa siyaasaa isa kaan caalu fiddee dhufuu akka danda’u tilmaamuun waan nama hinrakkisu miti. Seenaa yunvarsiitiiwwan biyya keenyaa keessatti gaaffileen siyaasaa hedduu barattootaan akka ka’an, adeemsifamaniifi galma ga’anis argaa turreerra. Akka fakkeenyaati kufaatii sirna mootummaa Haayilasillaasee keessatti mormiin barattoota yunvarsiitii Finfinnee iddoo olaanaa akka qabu seenaan ni mul’isa.

Qabsoo waggoota shanan darbaniif mootummaa biyya kana waggoota 27 bulchaa ture irratti taasifamaa ture keessattis  shoorri barattoota yunvarsiitii olaanaa ta’uun waan waakkatamuu miti.

Inni yeroo ammaa yunvarsiitiiwwan tokko tokko keessatti argaafi dhaga’aa jirru garuu seenaa barattoota yunvarsiitii biyya kanaa keessatti isa haaraaafi qaaneessaadha.

Walumaagalatti, qabsoon sirna siyaasaa irratti ejjennoo barattoota hundaatiin malee sabaan walqoodanii wal ajjeessuun biyya kanatti baranuma kan eegale waan ta’eef furmaannisaas haala siyaasaa  baranaa (waggaa tokkoofi walakkaa) ykn ce’umsaan booda kanarraa hinfagaatu.

Barattoota dur kaayyoo tokkoof waliin falmaa turan maaltu walirratti falmisiisaa jira gaaffii jedhuuf haalli siyaasaa ce’umsaan boodaa kun deebii quufsaa kennaaf waan ta’eef maqaa jijjiiramaatiin gammaduu qofa osoo hintaane, hanqinoota jijjiiramicha wajjin dhufanis xiinxaluun daran murteessaadha. Maddi walitti bu’iinsa kanaas sirnaan qoratamee addaan baafamuu qaba

Barattoonni kaayyoo tokkoof manaa bahanis garee uumanii walitti bu’anii ofis galaafatanii, maatiis ta’e biyya balaaf saaxiluurraa of qusachuu qabu. Akeeka manaa bahaniifis bareechanii hubachuun waan qabatanii bahaniif gootomuu qabu malee waliisaaniirratti qabsaa’uu hinqaban. Gabaa siyaasa jeequmsaarraas of eeguu qabu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012

Recommended For You

6 Comments to “Barattoonni gabaa siyaasa jeequmsaa ta’uurraa of eeguu qabu”

  1. Pingback: ruay
  2. Pingback: bangkok tattoo
  3. Pingback: free cam sites

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *