Fiigichi olaanaa Itoophiyaa boru gaggeeffama

Finfinnee: Waggaa waggaadhaan kan gaggeeffamu fiigichi olaanaa Itoophiyaa baranas yeroo 19faf boru ganama magaalaa Finfinneetti  kan gaggeeffamu ta’uu Waajirri  Fiigicha Olaanaa Itoophiyaa  beeksise.

Ka’umsiifi deebiin isaa addabaabaayii masqalaa kan ta’u fiigicha kiiloo meetira kudhanii kanarratti atileetota beekamoo Itoophiyaa dabalatee kanneen Keeniyaa, Ugaandaafi  Eeritiraarraa akka  hirmaatan beekuun danda’ameera.

Fiigicha olaanaa baranaa kanarratti biyyoota alaa digdamarraa dorgomtoota hirmaatan  dabalatee walumaagalatti namoonni kuma 45 kan hirmaatan yoo ta’u, hundasaaniif meedaaliyaan ni kennama jedhameeti eeggama.

Kana malees  har’a ganamarraa kaasee daa’imman guddattoonni kuma sadii ta’an fiigicha kiiloo meetira tokko akka taasifatanis waajirichi dabalee addeesseera.

Fiigicha olaanaa Itoophiyaa baranaa kana keessummaa kabajamtuu ta’uudhaan kan affeeramte atileetiin beekamtuu shaampiyoonaa atileetiksii addunyaafi olompikii lammiin Keeniyaa Heeleen Obirii ta’us beekameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

One Comment to “Fiigichi olaanaa Itoophiyaa boru gaggeeffama”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *