Omishtummaan qonnaa haala eegamuun maaliif milkaa’uu dide?

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa teknolojiiwwan qonnaa adda addaa baasuu, madaqsuufi babal’isuudhaan akkasumas sanyiiwwan midhaanotaafi beelladootaa omisha fooyya’aa kennan qorannoodhaan baasee omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuufi jiruufi jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuuf tattaaffii cimaa taasisaa jira.

Inistiitiyuutichi giddugalawwan 17 qabu keessatti teknolojiiwwan qonnaa omishaafi omishtummaa qonnaafi beelladootaa fooyyessuuf gargaaran hedduu hojjechaa jiraachuu daaw’annaa dhiyeenya kana gara Giddugalawwan Qorannoo Qonnaa Biyyee Baatuu, Adaamii Tulluufi Maandisummaa Qonnaa Asallaatti taasifneen hubanneerra.

Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaatti, Qindeessaan Sagantaa Guddina Qonnaa Doktar Daanyaachoo Lulee gaafdeebii dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, inistiituyuutichi omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf sanyiiwwan midhaaniifi beelladoota omisha fooyya’aa kennan qorannoodhaan baasuudhaan qonnaan bultootaaf raabsaa jira. Akkasumas teknolojiiwwan qonnaa adda addaa baasuu, madaqsuufi babal’isuudhaan qonnaan bulaaf dhiyeessaa jira.

Inistiitiyuutichi deggarsa Baankii Addunyaafi dhaabbiilee misoomaa adda addaarraa argatuun giddugalawwan 17 Oromiyaa keessaa qabutti qorannoowwan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf gargaaran hojjechuun hojii bu’a qabeessa hedduu raawwachaa jiraachuu himaniiru.

Inistitiyuutichi waggoota 20 darban keessatti sanyiiwwan midhaanii fooyya’oo 149 qorannoodhaan kan baase yoo ta’u, tekinooloojiiwwan qonnaa haaraa baasuu irrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Inistiitiyuutichi biyyeerratti qorannoo geggeessuudhaan qonnaan bulaan akaakuu albuudaa hir’ate qofa biyyeetti dabalee midhaan akka facaasu taasisaa jira. Qorannoon kun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurra darbee baasii qonnaan bulaa kanaan dura xaa’oof baasaa ture kan hir’isu ta’uu himu Doktar Daanyaachoon.

Inistiitiyuutichi waggoota shan keessatti midhaanotaa, beelladoota, qabeenya uumamaa, bunaafi sirna nyaataarratti teknolojiiwwan adda addaa 91 baasuuf karoorfachuun hanga dhuma Waxabajjii darbeetti teknolojiwwan 100 baasneerra kan jedhan Doktar Daanyaachoon, teknolojiiwwan kunneen keessaa 17 sanyiiwwan midhaan adda addaa qorannoon ba’aniifi omisha fooyya’aa kennaniidha.

Teknolojiiwwan kunneen garuu sirriitti qonnaan bultoota bira ga’aniiru jechuun hindanda’amu. Akka biyyaatti ammoo sanyiiwwan midhaan omisha fooyya’oo kennan kuma tokkoofi 200 ol qorannoodhaan kan ba’an yoo ta’u, kanneen qonnaan bultoota bira ga’an garuu muraasa ta’uu dubbatu.

Inistiitiyuutichi pirojektii Sagantaa Guddina Qonnaa waggaa shaniitiin teknolojiiwwan 110 qorannoodhaan akka baasuuf kan itti kenname yoo ta’u, waggoota sadii keessatti teknolojiiwwan 113 baasuudhaan maasaa qonnaa bulaarratti hojjetee agarsiifneera. Pirojektichaan qonnaan bultoota kuma lamaafi 625 fayyadamoo taasisuuf kan karoorfame ta’us hanga Waxabajjii darbeetti qonnaan bultoota kuma shaniifi 497 fayyadamoo taasisuun danda’ameera.

Pirojektii kanaan sanyiiwwan midhaan akaakuuwwan gara garaa omisha fooyya’oo kennan kuntaala kuma shaniifi 507 baay’isuuf karoorfachuudhaan omisha maasaarra jiru osoo hindabalatin sanyiiwwan kuntaala kuma afuriifi 746 kan baay’ifame ta’uu himu.

Teknolojii baasuu, madaqsuufi baay’isuu kan dandeenyu yoo humna giddugalawwan inistiitiyuutichaa cimsineedha kan jedhan Doktar Daanyaachoon,humnaqorannoo giddugalawwan makkaanaayzeeshiniifi laaboraatooriidhaan cimsuuf meeshaalee laaboraatorii guguddoo qarshii miiliyoona 53n bitamanii galaa jiru. Qorannoo lukkuu bal’inaan adeemsisuufis Giddugala Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluutti manni lukkuu qarshii miliyoona 6.7n kan hojjetame ta’uu eeraniiru.

Inistiitiyuutichi teknolojiiwwan qonnaa qorannoodhaan ba’an qonnaan bultoota biraan ga’uuf hojiilee hedduu raawwachaa jiraachuu eeranii, bara omishaa 2011/12 aanaalee 25tti qofa lafa heektaara 612 akaakuuwwan midhaan adda addaa 10n uwwisuudhaan qonnaan bultoota kuma tokkoofi 406 fayyadamoo taasisuun danda’ameera.

Qonnaan bulaan teknolojiiwwan ba’an amanee akka fudhatuuf hojjettoota iksteenshinii qonnaa waliin ta’uun qonnaan bulaa gurmeessuudhaan lafa bal’aa irratti sanyii filatamaa, xaa’oo, farra aramaafi ilbiisotaa tola dhiyeessuudhaan oyruusaarratti hojjennee itti agarsiifneerra jedhu.

Pirojektii Sagantaa Guddina Qonnaa waggaa shaniif hojiirra oolaa jiru kanaaf deggersi doolaara miiliyoona 12.5 kan taasifame ta’uu himanii, deggersi kun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keesatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Pirojektiin kun damee qonnaatiif baajatni barbaachisu yoo ramadame omisha fooyya’aa argachuu akka dandeenyu mirkaneesseera.

Yeroo baay’ee omishtummaa qonnaa keenya ni guddifna jenna malee baajatni mootummaan damee qonnaatiif ramadu xiqqaadha kan jedhan Doktar Daanyaachoon, kanaafuu mootummaan damee qonnaatiif baajata gahaa ramadee baajatni sun kaayyoo barbaadameef ooluufi dhiisuusaa to’achuu akka qabu himu.

Qonnaan bultoonni keenya waggaa guutuu dhama’anii hojjetanis omisha fooyya’aa argachaa hinjiran kan jedhan Doktar Daanyaachoon, kanaafuu ammaan booda teekinooloojiiwwan qonnaa ba’anitti fayyadamuudhaan omisha fooyya’aa akka argatan taasisuun barbaachisaadha. Qonnaan bulaan omisha midhaanii qofa osoo hintaane beelladootarraas bu’aa fooyya’aa argachuuf sanyii beelladoota omisha fooyya’aa kennaniifi qorannoon ba’anitti fayyadamuu akka qabu yaadachiisu.

Hanqinni bajataa, hojjetaan misoomaa jireenya qonnaan bulaa jijjiiruuf ofkennee hojjetu baay’inaan dhabamuun, sektaroonni qonnaa waliin hojjechuu dhabuufi teeknoloojiiwwan qonnaa ba’an hundatti sirriitti fayyadamuu dhiisuun rakkoolee gurguddoo damee qonnaa irratti mul’atan ta’uu kan himan Doktar Daanyaachoon, teknolojiiwwan qonnaa hanga ammaatti bahan maratti utuu fayyadamnee omishaafi omishtummaa keenya dachaadhaan dabaluu danda’a. Qonnaan bulaa gurmeessuudhaan lafa isaa kilaasteraan akka omishuufi paakeejii qonnaa guutuu akka fayyadamu taasisuun qamadii lafa heektaara tokkorraa kuntaala 20-30tti argamaa ture gara kuntaala 48-50tti kan guddisu ta’uu dubbatu.

Inistiitiyuutichi yeroo dhiyoo as giddugaleessawwansaa ja’a keessatti sanyii bunaa omisha fooyya’aa kennu qorannoodhaan baasuudhaan qonnaan bulaadhaaf dhiyeessaa jiraachu himu Doktar Daanyaachoon.

Ittigaafatamaan Giddugala Qorannoo Biyyee Baatuu Obbo Xilaahuun Abarraa akka jedhanitti,  giddugalichi  hojiilee kanneen akka qorannoo biyyee,  sakatta’iinsa xaa’ummaa biyyee,  kaartaa gabbina biyyee, qulqullina bishaan jallisii, xiinxala saamuda biyyee, bishaan, biqiltuu, xaa’oo nam tolcheefi uumamaa irratti qorannoo geggeessa. Guddugalichi qorattoota torbaan yaaliiwwan qorannoo 18 adeemsisaa jira. Giddugalichi bara omishaa 2011/12 Godina Shawaa bahaa Aanaa Lumee keessatti lafa heektaara 27 gosa midhaanii qamadiifi xaafiirratti hojjechaa jiraachuu himaniiru. 

Biyyee keenya qorannee hinbeeknu yoo ta’e midhaan irra facaafnurraa omisha gaarii argachuu hindandeenyu. Sanyiin faca’us biqilee guddatee firii gaarii kennuudhaaf soorata biyyee keessaa barbaadu argachuu qaba. Biyyee keessa sooratoota biqilootaaf barbaachisan 17 jiran keessaa naaytiroojiiniifi foosfarasiin biqilootaaf daran barbaachisoodha. Giddugalichis  biyyee aanichaa ganda ganda irraa guuree laaboraatooriidhaan erga qoratee booda kaartaa gabbina biyyee qopheessuudhaan qonnaan bulaan hanga xaa’oo biyyeen sun barbaadu qofa akka itti dabalu taasisuudhaan omisha fooyya’aa akka argatu taasiseera jedhu.

Xaa’oo tilmaamaan  biyyeetti dabaluun itti baayyatee midhaan biqile gubuu ykn jigsuu waan danda’uuf hanga xaa’oo biyyeen suniifi midhaan faca’u barbaadu beekuun barbaachisaadha. Namni dhukkubsate mana yaalaa deemee akkuma dhiignisaa sakatta’amee qorichi kennamuuf biyyeenis sakatta’amee hanga xaa’oo itti hir’ate qofa itti dabaluu barbaachisa. 

Qorannoon kun qonnaan bulaan xaa’oo hanga barbaachisu qofa akka fayyadamu taasisuudhaan omisha gaarii akka argatan taasisaa jira.  Teeknoolojii kana fayyadamuun omishaafi omishtummaa qonnaa lafa heektaara tokko irratti %24n kan taasisu ta’uu dubbatu.

Giddugalli Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluus qonnaan bultoonni maasaa walitti aanu qaban gurmaa’anii kilaasteraan akka omishan taasiseera. Kana malees marga “Roodasii’ jedhamu kan nyaata beelladootaaf oolu lafa  heektaara 10 irratti omisheera. Qonnaan bultoonis sanyii marga kanaa omishuudhaan rakkoo nyaata beelladootasaanii mirkaneessuurra darbanii galii dabalataa argachuu danda’u. margi kun altokko erga faca’ee hanga waggaa shaniitti irraa kan haamamu ta’a. midhaan facaasuu caalaa marga kana facaasuun galii guddaa kan argamsiisu ta’uufi marga lafa heektaara tokko irraa tooniin 10 ol kan argamu yoo ta’u, margi kun dhiqama biyyees kan ittisuufi omishtummaa beelladoota irraa argamu daran kan dabalu ta’uu himu giddugalichatti dursaan garee nyaata beelladootaa Obbo Nabii Huseen.

Giddugalichatti Qorataan Lukkuu  Obbo Tasfaa Galataa akka jedhanitti, sanyii lukkuuwwa omisha fooyya’oo kennanii qorannoodhaan baafnee qonnaan bulaadhaaf raabsuuf mana lukkuu haaraafi ammayyaa’aan bilookii ja’a giddugalichatti  ijaaramaniiru. Manni lukkuu haaraan ijaarame kun tokkoonsaa hanga lukkuuwwan 600 qabachuu kan danda’u ta’uu himu.

Ittigaafatamaan Giddugala Qorannoo Maandisummaa Qonnaa Asallaa Obbo Ayyaalewu Baqqalaa akka jedhanitti, giddugalichi teknolojiiwwan qonnaa baasuu, beeksisuufi qonnaan bultootaaf dhiyeessuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Waggoota sadan darbanitti teeknoolojiiwwan makkaanaayzeeshinii qonnaa 11 ba’aniiru. Teekinoolojiiwwan ba’an kunneen omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurra darbanii humnaafi yeroos kan qusatu ta’uu dubbatu.

Humni ibsaa addaan ciccituufi yeroo ibsaan jiruttis humni isaa maashiinoota yeroo tokko tokko maashiinoota sochoosuu dadhabuun giddugalichi teeknoolojiiwwan makkaanayzeeshinii qonnaa humna guutuun akka hinhojjenne taasiseera kan jedhan ittigaafatamichi, gatiin sibiilota meeshaalee tekinoloojii qonnaa irraa hojjetan dabaluunis rakkoo biraa isaan mudate ta’uu eeraniiru.

Giddugala Qorannoo Maandisummaa Qonnaa Asallaatti, Dursaan garee Qorataa Ikisteenshinii   Obbo Amaan Naboo akka jedhanitti, giddugalichi teekinoolojiiwwan qonnaa baasuu, madaqsuufi babal’isuu irrattti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Teeknooloojiiwwan qorannoodhaan ba’anis qonnaan bultootaan walbarsiisuudhaaf hojjechaa jira.

Giddugalichi teeknooloojiiwwan midhaan sararaan facaasu, sassaabuufi calleessu, nyaata lukkuu qindeessu baasee qonnaan bulaaf dhiyeesseera. Teeknoloojiiwwan kunneenis qonnaan bultoota biratti fudhatama argatanii jiraachuus himaniiru.

Walumaagalatti hojiilee Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf taasisaa jiru jajjabeessaafi gara fuulduraattis cimee kan ittifufuu qabuudha. Mootummaanis damee qonnaatiif bajata gahaa ramaduudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurratti xiyyeeffatee hojjechuun wabii midhaan nyaataan ofdanda’uu biyyattii mirkaneessuu qaba.

Manneen Qorannoo Lukkuu Giddugala Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluutti ijaaraman keessaa

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

4 Comments to “Omishtummaan qonnaa haala eegamuun maaliif milkaa’uu dide?”

  1. Pingback: rpt789
  2. Pingback: w69

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *