Rh Poosatiiviifi Negativii

Abbaan warraa gartuun dhiigasaa Rh Poosatiivii (Rh+ve) ta’eefi haati warraa gartuun dhiiga ishee  Rh negatiivii (Rh-)  taate yoo walfuudhanii dhala godhachuu barbaadan; ulfa uumamu (mucaa garaa keessaa) irratti dhiibbaa akkamii fiduu mala?

Akkuma beekamu namni kamuu yoo walfuudhee maatii godhachuu baraadu xiyyeeffannoon inni jalqabaa jaalalaafi waliigaltee akka ta’e beekamaadha. Haa ta’u malee qorannoowwan barbaachisoon tokko tokko keessumaa qorannaan ‘HIV’ dirqama baraachisaadha.

Namni gartuu dhiigaa qoratee walfuudhu hinjirus hingorfamus. Haa ta’u malee akka carraa ta’ee darbee darbee abbaan warraa dhiignisaa Rh poosatiivii ta’ee haati manaa Rh negetiivii gaafa taatu daa’ima garaa keessaa irratti rakkoo guddaa haga daa’imni lubbuun hin jirre dhalachuutti illee deemu danda’a. Rakkoo kana akkamiin akka fidu ilaaluu keenyaan dura mee gartuu dhiigaa jechuun fi Rh negatiivii ykn Rh poozetiivii jechuun maal jechuu akka ta’e haa ilallu.

Dhalli namaa akaakuuwwan dhiigaa jiran afur keessaa tokko qabaata. Akakuuwwan dhiigaa kunniinis qubee guguddaan kan moggaafaman yoo ta’u: gartuu dhiigaa akaakuu A, gartuu dhiigaa gosa B, gartuu dhiigaa akaakuu ABfi gartuu dhiigaa akaakuu O jedhamu. Dhiigni akkuma beekamu akaakuuwwan garagaraa kan ofkeessaa qabu yoo ta’u, kan gartuu adda addaa tti qoodamu seelii dhiiga diimaa irratti hundaa’uudhaani. Gartuuwwan armaan olitti A, B, AB fi O jedhamuun addaa addatti qoodaman kun tokkoon tokkoon isaanii deebi’anii qaama Rh jedhamu seelii dhiiga diimaa isaanii irraa qabaachuufi dhiisuu isaanii irratti hundaa’uun qoqqoodamu.

Kana jechuun gartuun dhiiga akaakuu “A” bakka lamatti qoodama jechuudha. Haaluma kanaan gartuu dhiiga “akaakuu A poosatiivii”fi gartuu dhiigaa “akaakuu A negatiivii” jennee bakka lamatti qoodna. Kana jechuun namni tokko kan inni/isheen qabaachuu dandeessu gartuu dhiigaa armaan gadii keessaa tokko qofa yoo ta’u isaanis:

  • Gartuu dhiigaa akaakuu A negatiivii (A -Ve)
  • Gartuu dhiigaa akaakuu A poozatiivii (A +Ve)
  • Gartuu dhiigaa akaakuu B negatiivii (B -Ve)
  • Gartuu dhiigaa akaakuu B poosatiivii (B +Ve)
  • Gartuu dhiigaa akaakuu AB negatiivii (AB -Ve)
  • Gartuu dhiigaa akaakuu AB poozatiivii (AB -ve)
  • Gartuu dhiigaa akaakuu O negatiivii (O -Ve)
  • Gartuu dhiigaa akaakuu O poozatiivii (O +Ve)

Gartuun dhiigaa kun namni tokko akka carraa kan argatu osoo hin taane haadhaaf abbaa isaa irraa kan dhaaluudha. Namni harmeen isaa gartuu dhiigaa akaakuu “A” qabduu fi abbaan isaa gartuu dhiigaa “B” qabu gartuu dhiigaa mucaan qabaachuu malu: (A), (B), (O) fi (AB) keessaa tokko ta’a jechuudha. Kanneen afran keessaa kam akka qabaachuu danda’u adda baafachuun xiqqoo gadi fageenyaan ilaaluu waan gaafatuuf isa ammaaf hin kaafnu. Gabatee armaan gadii irratti yoo gartuun dhiiga maatii lameenii beekame kan mucaa mala ta’uu akka danda’u salphaatti ilaaluun ni danda’ama.

Gartuu dhiigaa kan maatii lameenii (haadhaaf abbaa) Gartuu dhiigaa mucaan ykn dhalti qabaachuu malu.
O fi O O
O fi A O ykn A
O fi B O ykn B
O fi AB A ykn B
A fi A A ykn O
A fi B O ykn A ykn B ykn AB
A fi AB A ykn B ykn AB
B fi B B ykn O
B fi AB B ykn A ykn AB
AB fi AB A ykn B ykn AB

Gartuu dhiigaa ofii beekuun hedduu barbaachisaadha. Namni gaafa dhibamu gara mana yaalaa deemee kan dhiiga fudhachuu danda’u gartuu dhiigaa isa fakkaatu qofaa irraati. Haaluma kanaan akka tasaa balaan nama yoo mudate mana yaalaa deeman haga dhiiga qoratanii akaakuu isaa baranitti yeroo waan fudhatuuf, dursanii beekuun hatattamaan dhiiga fudhachuuf hedduu nama gargaara jechuudha.

Gara gaaffii jalqaba kaafneetti yoo deebinu, dhiirri gartuu dhiigaa kan Rh isaa garaagara (poozatiiviifi negatiivii) ta’e yoo waalfuudhan dhibee akkamiitu uumama kan jedhu yaa ilaallu.

  • Yoo abbaan manaa gartuun dhiiga isaa Rh poozatiivii ta’e ulfa irratti homaa rakkoo hin fidu (haati manaa negatiivas poozatiivas yoo taate jechuudha)
  • Yoo haati manaa fi abbaan manaa lameen isaanii gartuun dhiiga isaanii Rh negatiivii ta’e ulfa irratti homaa rakkoo fidu hin qabu.
  • Yoo abbaan manaa gartuu dhiigaa Rh poozatiivii ta’ee kan haadha manaa Rh negatiivii ta’e garuu ulfa irratti dhiibbaa guddaa waan geessisuuf of eeggannoo guddaa fi yaala ga’aa barbaada.

Akkamiin dhiibbaa geessisaa?

Dhiigni gartuun tokko gartuu kan biraa waliin yoo walitti makame, akka alagaatti ilaaluudhaan wal lola. Fakkeenyaaf namni dhiigni isaa “A” ta’e tokko dhiigni gosa “B” yoo kan dhiiga isaatti makamu ta’e ni lola, kan “A -Ve” fi “A +Ve” ta’es akkasuma. Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa pozativaa (Rh +ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhatee yoo ulfooftu, gartuun dhiigaa kan miciree/mucaa isaanii kan gadameessa haadhaa keessa jiruu sun carraan Rh pozaativii (Rh +Ve) ta’uu ol’aanaa qaba. Yoo dhiigni mucaa gadameessa keessa jiruu Rh +Ve ta’u, dhiigni haadhaa kan Rh -Ve sun akka alagaatti ilaaluudhaan seelii dhiigaa mucaa loluu eegala. Rakkoon kunis kan danda’uu yommuu seeliin dhiigaa diimaa kan miciree/mucaa dhiigaa haadha isa waliin walmaku dha. Yeroo dhiigni walmaku kanatti sirnii haadha irra dhukkubaa dhorkuu (maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa miciree kana kan ittiin lolu (maternal antibody) qopheessa. Ulfi jalqabaa carraan osoo hin miidhamiin dhalachuu qaba. Kunis sirni dhiiga diimaa mucaa loluuf dhiiga haadhaa keessatti uumamu kun osoo dafee rakkoo irraan hin ga’iin hafuu waan qabuu fi. Ulfa lammataa fi kan itti aanee dhufu garuu sirriitti qophaa’ee waan eeguuf salphaadhumatti miidhuu danda’a. Midhaalee ulfa irratti dhufuu malan keessaa:

  • Ulfi baa’uu (abortion)
  • Hir’ina dhiigaa mucaa irratti (fetal anemia)
  • Du’aatii mucaa gadameessa keessatti (stillbirth)
  • Qaama mucaa keessatti bishaan kufamuu fi kanneen birooti.

Rakkoo Kana Akkamiin Ittisuu Dandeenyaa?

Yeroo ulfaa qoricha iminooglobuuliin (anti-D ) jedhamu haadhaf kennuudhaan rakkoo dhufuu malu kana hambisuun ni danda’ama.  Iminooglobuuliin (anti-D ) kun yeroo lama kan kennamu yoo ta’u ergaa dubartootaa rakkoo akkasii kana qabaniif erga ulfaa’anii kan jalqabaa ji’a 7 ykn torbee 28 irratti yoo kennamu kan lammataa ammoo yoo gartuun dhiigaa mucaa Rh pozativii ta’e, eega deesse sa’a 72 keessatti kan kennamuudha.

Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa: ogeessa fayyaa yoo ta’an, Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Qiddus Phaawuloosiitti baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

10 Comments to “Rh Poosatiiviifi Negativii”

  1. Pingback: bk8
  2. Pingback: fuck girldice

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *