Godaantota dhaabbiin hundeessuurratti muuxannoo Keeniyaafi Ugaandaa

Godaansa akka addunyaatti mudatu miliyoona 7.1 keessaa miliyoonni 3.1 dargaggoota barnoota hinqabne akka ta’e ragaan qorannoo godaantotarratti hojjetame ni mul’isa.

Akka Afrikaatti rakkoon hojidhabdummaa kun yeroorraa yerootti waan muudatuuf ardittii keessatti heddummaachaa kan jiru yoo ta’u, furmaata waaraa  karaa qindoomina qabuun kennuu dhabuurraa kan ka’e yaaddoo guddaa ta’aa jira.

Godaantonni kun rakkoo battalaa isaan gaaga’u jalaa baraaramna jedhanii haa socho’an malee mudannoo fuldurasaaniitti isaan eeggatu dursanii ilaaluun hin mul’atu.

Godaansa seeraan alaa yeroorraa yerootti babal’achaa jiru kanaan dhaloonni dhumaa jiru daran yaaddessaadha. Balaan kun irra caalaatti dargaggootarratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, rakkoo inni dargaggootarraan gahaa jiru biyyaafis hammaataa ta’uunsaa kan mamamu miti.

Dhibeen kun nama dhuunfaa miidhuurra darbee rakkoo dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa biyyaaf ollaa kan babal’isu waan ta’eef damee xiyyeeffannoofi kutannoo siyaasaa barbaadudha. Hudhaa kanaan yeroorraa yerootti dhukkubsachiisaa deemuurra kallattii jijjiiramni qabatamaa itti dhufu danda’uufi kallattii  rakkinichi itti hir’ifamu kaa’aa deemuun dirqamadha.

Rakkoo dhaloonni godaansaan walqabatee dhandhamaa jiru kana dhaabbiin furuuf mariin qondaaltota biyyoota Afrikaa Bahaa tibbana  Itoophiyaatti kan gaggeeffame yoo ta’u, dhimmichi yeroo gabaabaa keessatti furmaata waaraa kan barbaadu ta’uu kaasaniiru.

Ministirri Nageenyaa mootummaa RFDI Aadde Mufariyaat Kaamil haasa’a sirna marichaarratti taasisaniin, dhaloonni utubaa biyyaa ta’e hedduun godaansaan walqabatee lubbuusaafi mirga namoomaasaa dhabaa jira. Godaansa seeraan alaa gara biyyoota ollaatti gaggeeffamaa jiru kanaan dargaggoonni galaanaan nyaataman, dararaan mirga namoomaa irraan gahuufi saamichi humnaa irratti qaqqabu hammaataa waan ta’eef dhaabbiin furuun dirqamadha jedhan.

Haaluma kanaan sosochii Keeniyaafi Ugaandaan gama kanaan taasisan jajjabeessaa ta’uu kan himan ministirittiin godaantonni kun akka of hundeessaniif biyyoonni kunneen dhaabbiitiin haala mijataa uumaniiru.

Godaantonni hedduunsaanii namoota carraa barnootaa hin argannedha kan jedhan Aadde Mufaariyaat, mana barnootaa godaantota tajaajilu banuun barnoota idileef teknikaan leenjii Keeniyaafi Ugaandaan laachaa jiran fakkeenya gaarii ta’ee tajaajilaa jira.

Aadaan godaantota biyyaa bahan deebisanii hundeessuu biyyoota lameen keessatti eegalame kun Itoophiyaa keessattis babal’atee tajaajila kennaa jiraachuu kan ibsanii, miira hirkattummaa dhabamsiisuuf shoora inni taphatu olaanaadha.

Kana milkeessuuf miirri kutannoo siyaasaafi itti gaafatamummaa hoggantoota biyyoottan Afrikaarraa akka barbaachisu kan himan ministirittiin, haalichi bifa kanaan qabamuu baannaan rakkoo nageenyaa ta’uunsaa waan oolu miti.

Dhaloonni godaanu kun ogummaa hojii osoo horate ofirra darbee abdii dhaloota borii ta’uu akka danda’ullee Aadde Mufaariyaat  kaasanii, kuni ta’uu dhabuusaan dhaloonni kumaatamatti lakkaawaman galaana keessatti irbaata qurxummii ta’aa jiru.

Ogummaa tokko osoo hinqabaatiin biyyaa bahuun faayidaasaa caalaa miidhaansa akka baay’atullee kan kaasan ministirittiin hunduu qe’eesaarratti kabajamee akka jiraatuufi miira hirkattummaasaa akka dhabamsiisuuf barnootaaf leenjii hojii kennuun dirqamadha. Sosochii gama kanaan Keeniyaafi Ugaandaan taasisaniin jijjiiramni galmaa’aa jirus jajjabeessaafi kan irraa baratamu ta’ee tajaajilaa jira.

Itoophiyaanis gamasheen godaantota biyyoottan biroo dabalatee leenjii gaggabaabaa kennuun jireenyasaanii dhaabbiin akka hundeessaniif sosochiin taasifamaa jiru miira aantummaa kan qabudha.

Balaan godaantotarra gahaa jiru kun yeroorraa yerootti hamamachaa waan jiruuf, bara 2017 mariin biyyootan Jibuutii, Keeniyaa, Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa, Sudaaniifi Ugaandaa gidduutti Jibuutiitti kan adeemsifame yoo ta’u, hanga bara 2020tti sirna barnootaa keessatti hammachiisuuf waliigalaniiru.

Sosochiin keeniyaafi Ugaandaa taasisan jajjabeessaa ta’ee argamuu kan himan ammoo Qindeessaa Sagantaa Barnootaa  IGAD kan ta’an Doktar Kabbadaa Kaasaati. Akka ibsasaaniitti, yeroo ammaattis dargaggoota godaansa seeraan alaan biyyaa bahaa jiran simachuun carraa barnootaafi leenjii hojii garagaraa akka kennamuufii sosochii taasifameen bu’aan guddaa galmaa’aa jira.

Hojii gama kanaan hojjetamaa jiruun abdiin akka jiru Doktar Kabbadaan kaasanis akkaataa karoorfameen waliin ga’insarratti rakkoon akka jiru dubbatan. Rakkoolee kanneen matumaa furuuf hojiin hubannoo uumuufi kutannoon siyaasaa biyyoottanii jiraachuun dirqama yeroo fudhachuu hinqabnedha.

Deggarsa taasisuu qofti lakkoofsa godaantotaa hir’isa jedhanii yaaduun sirrii akka hintaane kan himan Doktar Kabbadaan hojiin hubannoo uumuu yeroorraa yerootti kennamuun barbaachisaadha. Sagantaa marii kanarratti muuxannoo waljijjiirraan kan gaggeeffamu akka ta’e himanii, innuu qabannaafi kenniinsa tajaajilaa godaantotaaf taasifamuu qaburratti akka ta’e kaasaniiru.

Ugaandaa keessatti simannaafi qabannaa godaantotaaf taasifamaa jiru ilaalchisee hojii ijaarsaan leenjiin kennamaa jira jedhanii, dhiyeessiin nyaataaf fayyaansaani haalaan akka eegamuufis Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uun hordoffiifi deeggarsi taasifamaa jira.

Dargaggoonni leenjii ijaarsaa fudhatan kunneen hojii ummachuurra darbanii dinagdee mataasaanii fooyyeffachaa jiraachuu kan himan Doktar Kabbadaan, biyyasaaniitti deebi’anii akka of hundeessaniif haala mijataa uumuu danda’eera.

Dhaloonni barnoota qalamaafi teknikaa of harkaa hinqabne biyyaafis ta’e mataasaaf ba’aa ta’aa waan deemuuf ejjennoo kutannoon guutameen socho’uun hojii baraarsaa hojjechuun barbaachisaadha.

Kanaanis jalqabbii biyyoottan Keeniyaafi Ugaandaa keessatti akka fakkeenyaatti ka’an kana cimsuun dhaloota miira ofitti amanamummaafi jaalala biyyasaa qabu horachuun dirqamadha jedhan.

Itoophiyaanis sosochichii biyyoottan kanaa akka galteetti fudhattee hojiitti seenteetti kan jedhan Doktar Kabbadaan,  miira hirkattummaa dhabamsiisuun dargaggoo abdii biyyaa ta’e horachuuf hojjechuun murteessaadha.

Walumaagalatti dhaloonni barnootaaf ogummaa hinqabne kamiyyuu ba’aa biyyaa yoo ta’u, balaa godaansa seeraan alaan qaqqabaa jiru hambisuun humna biyyaaf abdii boruu ta’u horachuuf hojiin hubannoo uumuufi aadaa hojii uummachuu akka gabbatu ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’uusaa hubatameera.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

8 Comments to “Godaantota dhaabbiin hundeessuurratti muuxannoo Keeniyaafi Ugaandaa”

  1. Pingback: visit the website
  2. Pingback: rtp slot altogel
  3. Pingback: Sevink Molen
  4. Pingback: โคมไฟ

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *