Waancaan Magaalaa Adaamaa adeemsifamaa jira

Adaamaa: Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Magaalaa  Adaamaa kan bara 2012 dheengaddaa Istaadiyooma Abbabaa Biqilaa, Adaamaatti eegalameera. Walmorkii kanarratti kilaboonni liigii piriimeer Itoophiyaa jahas hirmaataniiru.

Kilaboota Oromiyaa  Magaalaan Adaamaafi Jimmaa Abbaa Jifaar dabalatee kanneen afeeraman Bulchiinsi magaalaa Faasiil, magaalaa Hawaasaa, Dirree Dawaafi Haadiyyaa  Hosaa’inaa qooda fudhachaa jiru.

Bara 2004 fi2005 adeemsifamuudhaan sababiiwwan addaddaatiin addaan citee waggoota torba booddee kan jalqabame waancaan magaalaa Adaamaa kun yeroo sadaffaaf  adeemsifamaa jira.

Walmorkicha afyaa’iin Mana Marii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, Aadde Balaayinash Shibbiruu jalqabsiisan kanarratti  kilaboonni shan kanneen shaampiyoonaa liigii pirimeerii Itoophiyaa bara 2011 irratti hirmaachaa turan qooda fudhataniiru.

Sababiin walmorkichi adeemsifamuufis kilaboonni liigii piriimeerii keessatti hirmaatan osoo shaampiyoonichi hinjalqabamin dura ejjennoosaanii akka madaallataniif yaadameeti.

Guyyaa jalqabaatti walmorkiiwwan lama waaree booda kan adeemsifaman yoo ta’u, magaalaan Faasiiliifi Hawaasaan sa’aatii 8:00 irratti taphatanii Faasiil 3-1n mo’ateera. Sa’aatii 10:00 irratti ammoo Adaamaafi Jimmaa Abbaa Jifaar taphatanii Adaamaan 2-0n injifateera.

Walmorkiin kun har’as ittifufee kan oolu yoo ta’u, Magaalaan Adaamaa Hadiyyaa Hosaa’inaa wajjin, Magaalaan Faasil ammoo Dirre Dhawaa wajjin akka taphatan sagantaa baherraa hubachuun danda’ameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012

Recommended For You

4 Comments to “Waancaan Magaalaa Adaamaa adeemsifamaa jira”

  1. Pingback: lottovip
  2. Pingback: tải go88
  3. Pingback: steenslagfolie

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *