Na’iimaa Tiijjaanii: Barattuu qormaata kutaa 12fatiin riikardii

 Barattuu Na’imaa Tiijjaanii A/Biyyaa jedhamti. Godina Jimmaa Aanaa Geeraa, Ganda Xinbaa Calleetti bara 1992 Haggayya 28 maatiishee, barsiisota lamaan Obbo Tiijjaanii A/Biyyaafi Harmeeshee Aadde Makkiyyaa Mahammadirraa dhalatte.

Barattuun tun bara 1999 kutaa 1fa Mana barumsaa Sadarkaa 1fa Dustaatti kan jalqabde yoo ta’u, manuma barumsaa kanatti kutaa 1fa hanga 4fa tokkoffaa tokkoffaa ba’uun barattuu cimtuu ta’uu shee mirkaneessite.

Maatiiwwanshees barattuun kun barattuu cimtuu, iddoo guddaa ga’uu dandeessu ta’uushee hubbachuun hanga xumuraatti kitaabota adda addaa bituufi mana keessattis qo’achiisuun deeggaruu eegalan.

Barattuun tunis kenna uumamaa qabduufi deeggarsa maatiiwwansheetti fayyadamtee qabxii olaanaa galmeessisaa imalashee ittifufte.

Barattuu Na’iimaan kutaa 8fa Avereejii 79.9 fiduun mana barumsaa sadarkaa 1fafi giddugaleessa sadarkaa 2fa Geeraa irraa akka waliigalaatti tokkoffaa baatee gara kutaa 9fatti dabarte. Na’iimaan ammas akkuma barame Mana Barumsaa Sadarkaa 2fa Geeraa Firii Gamtaatti kutaa 9fa irraa gara kutaa 10fatti qabxii waliigalaa 97.95 fiddee dabarte.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 10fatiin qabxii 3.71 fiduun milkaa’inashee itti fufsiisuu eegalte.

Bara 2011 qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa kan fudhatte yemmuu ta’u, qormaata kanaanis qabxii 638 fiddee riikardii dubartootaan waggaa sadii dura qabame cabsitee akka guutuu biyyaafi Oromiyaatti tokkoffaa baatee maatiifi naannooshii boonsite.

Biiroon Barnootaa Oromiyaas sagantaa Fulbaana 12 bara 2012 qopheesseen warqii giraama 21, qarshii kuma shaniifi laaptooppii kan badhaase yemmuu ta’u, carraa barnoota biyya alaas, Kooriyaa Kibbaatti argatteetti.

Na’iimaan yeroo baay’ee boqonnaashee mana keessatti harmeeshii gargaaruun akka dabarsituufi sanaan ala garuu yeroo baay’ee akka qo’attu akkasumas hanga guyyaa barnootashii biyya keessaa xumurtutti bilbilas ta’e miidiyaalee hawaasaa gonkuma fayyadamtee hinbeektu. Kunis yeroo qabdu hunda qalbii guutuun karooraan qo’achuurratti waan xiyyeeffatteef qabxii kana galmeessisuu akka dandeesse dubbatti.

Barattootni naannichaafi biyyattii hundi muuxannoo ishii kanarraa barachuun fakkeenyummaa hordofanii cimuu qabuun dhaamsa keenya

jechuun odeeffannoo kana nu biraan ga’e Miftaa Awwol, Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Aanaa Geeraarraati.

Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012

Recommended For You

7 Comments to “Na’iimaa Tiijjaanii: Barattuu qormaata kutaa 12fatiin riikardii”

  1. Pingback: ai ดูดวง
  2. Pingback: ruay
  3. Pingback: unieke reizen
  4. Pingback: massage near me

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *