Dhaabbileen mootummaa hundi waggaa waggaadhaan baajata ofiisaanii qabatanii ummata tajaajiluudhaaf waadaa galu.
Hojmaata to’annoofi hordoffii qaamotuma mootummaatiin taasifamuunuu maallaqni tajaajila hawaasaatiif ramadamu kun sirnaan iddoo barbaadamu akka dhaqqabaa hinjirre mootummaanis hin waakkatu.
Argannoowwan odiitarri olaanaan waggaa waggaadhaan qisaasama maallaqa mootummaa dhaabbilee kanaan raawwatamu yaadachuun qofti dhimma kanaaf ragaa guddaa ta’a.
To’annoofi hordoffii dhaabbata mootummaa tokkoon taasifamu qofaan iftoomina mirkaneessuun kan hindanda’amne ta’uu kan himan dhaabbatta Ittigaafatamummaa Hawaasaa Itoophiyaatti Qindeessaan Damee Lixaa Obbo Sanyii Nagaash, iddoo jirutti hawaasa gaafataa ta’e uumuun milkii hojii kanaatiif ga’ee olaanaa kan bahatu ta’uu ibsu.
Hawaasni bakka jirutti tajaajila qulqulluu ta’eefi fedhiisaatiin walgitu argachuuf jalqabarratti odeeffannoo gahaa qabaachuun murteessaa ta’uu kan himan Obbo Sanyiin, dhaabbannisaanii hanga ammaatti aanaalee biyyattii 223 ta’an keessatti hojii hubannoo uumuufi dadammaqsa hawaasaa hojjachaa turuusaa ibsu.
Bara eegalame kana qofatti immoo aanaalee haaraa 70tti keessatti hojii mootummaa keessatti hubannoofi odeeffannoo uumuudhaan hawaasni mirgasaa akka gaafatuuf karoorfachuusaaniis himanii,
Oromiyaa qofatti aanaalee 75 ta’an keessa socho’aa jiraachuusaanii ibsaniiru.
Dhaabbatichi akka dhaabbilee gargaarsaa biroo deeggarsa maallaqaa osoo hintaane, sammuu ummataarratti kan hojjatu ta’uun kan adda isa taasisu ta’uu kan himan immoo Godina Wallagga Bahaatti qindeessituu Aanaa Jimmaa Arjoo, Aadde Almaaz Yahulaasheti.
Akka aanaasaaniitti erga dhaabbatichi dhufee ummanni sammuun qaroomee uumamuusaatiin bu’uraaleen misoomaa hedduu akka hojjetamaniif dhiibbaa uumaa turuu ibsu.
Yeroo dheeraaf ummata rakkisaa kan turan daandiiwwan baadiyyaafi ijaarsa riqichaa, maatii harka qal’eeyyiif deeggarsi ijoolleesaanii barsiisuu akka taasifamu dabalatee manneen barnootaa dabalataa sadi akka ijaaramaniif hojiin hojjatame boonsaa ta’uu ibsu.
Baajata mootummaa keessaa dhibbantaan 70 ol seektaroota hiyyummaa hir’isan shananiif kan ramadamu yemmuu ta’u, ittigaafatamummaan hawaasas isaaniirratti xiyyeeffachun kan socho’uudha.
Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012
Bayyanaa Ibraahimiin
2 Comments to “Ittigaafatamummaa mirkaneessuuf, hawaasa aangessuu”