“Ittiyaadnee hinsochoonu taanaan biyyi ijaaruuf yaadnu nuharkaa diigamti”Doktar Guutuu Teessoo

 Torban darbe aggaammii xiinxalaa siyaasaa Jawaar Mohaammadirratti taasifame balaaleeffachuun kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti mormii cimaatu adeemsifame ture.

Mormiin kun bifa jijjiirrate qaamonni ajandaa dhokotaa qaban adeemsichatti waan makamaniif miidhaan heddu qaqqabeera. Qabeenyi barbadaa’eera, lubbuun lammiilee hedduu darbeera, kuunis miidhamaniiru.

Mormii gara walitti bu’iinsaatti akka jijjiiramuuf namoonni kanfalameef nagaa ummataa jeeqan walitti bu’iinsa gosaafi amantii ta’uun caalaatti miidhaan akka qaqqabu yaalanis yeroo muraasa keessatti akka dhaabbatuuf hayyoonniifi hoggantoonni siyaasaa Oromoo tasgabbeessuuf ummatasaanii gorfataniiru. Ummannis isaan dhaga’ee dafee dammaqee mormiisaa dhaabuun hojii guyyuusaatti deebi’eera.

Garuu mormii walitti bu’iinsatti jijjiirameen guyyoota lamaaf tureen gaaga’amni qaqqabe dinagdee biyyattii daran kan miidheedha. Lubbuun darbuun lammiileefi miidhamuuniisaanii homaanuu bakka hinbuufamne ta’uun, akkasumas, qabeenyi barbadaa’uun kallattiidhaan dinagdee biyyattiirratti dhiibbaa akka laayyootti hinilaalamne akka geesisuudha Hayyuun Dingadee Doktar Guutuu Teessoo Gaazexaa Bariisaaf kan ibsan.

Akka hayyuun kun jedhanitti, miidhaan taatee tibbanaatiin qaqqabe gama maraanuu olaanaadha. Isa dinagdee qofa keessaa fuunee yoo ilaalle, daandiin kan cufame, lubbuun namoota hedduu kan miidhame, qabeenyi kan barbada’e Oromiyaatti. Oromiyaan immoo giddugala waa hundaati.

Immalli namaa ykn omishaa Oromiyaa qaxxaamureetu kan darbu. Kanaaf yoo xiqqaate guyyaa lamaaf sochiin bakka tokko gara bakka tokkotti taasifamu danqamee jira jechuudha. Kunimmoo kasaaraa hedduu fideera.

“Sochiin guyyaa tokkoo dhaabachuun warra konkolaachistoota, abbootii qabeenyaa, warra omishni isaan qaqqabee itti fayyadamaniifi gurguratan kasaaraan isaan irra qaqqabu akka salphaatti kan ilaalamu miti. Omishni fuduraafi muduraa, dhugaatii, bu’aaleen indaastiriifi kkfn magaalota tokko tokkotti yoo socho’eedha hojii hojjetamee namni galii kan argatu.

Kun ta’uu dhabee omishaaleen bakka tokkotti dhaabatanii yoo hafan abbootiin warshaa, namoonni hojii geejibaarratti bobba’an, warreen meeshaa fe’anii buusan, kanneen hojii guyyuu hojjetan, daldaltoonni, walumaagalatti hawaasni bal’aa jireenyisaa harkaa gara afaanitti ta’e kan miidhamu ta’a” jedhu.

Kallattii biraatiin guyyoota lamaan sadan sanatti suuqiiwwan, manneen nyaataafi manneen dhugaatii cufamanii turuu eeranii, akka fakkeenyaatti mana nyaataa tokko yoo fudhanne oomishaaleen isaan fayyadaman dafanii baduu kan danda’anidha. Baay’inaan fuduraaleefi muduraaleetti gargaaramu jechuudha.

Omishaaleen kunneen bitamanii yeroo dheeraa kan turan miti. Omishaaleen kunneen egaa yommuu, nageenyi dhabame daandiin cufamu guyyoota cufaman qofatti osoo hintaane hamma haalli sirriitti tasgabbaa’uutti tajaajilamaa waan hinarganneef mana keessatti tortoranii akka badan kaasu.

Akka ibsa Doktar Guutuutti, kanumaan walqabatee kanneen kuduraalee omishanii, gurguran, kanneen omishtootarraa bitanii buufatanii gurguran, konkolaatoonni oomishaalee kanneen fe’uun galii argatan, warreen fe’aniifi buusan hojii waan dhaabaniif miidhama guddaa miidhamu. Keessumaa qonnaan bulaan keenya gombisaa ammayyaa waan hinqabnees omishni baay’inaan isa bira jiru osoo hinfe’amiin yoo guyyaa lama sadii bule baduusaati.

Kunimmoo hanqina oomishaalee fiduun qaala’insi gatii akka uumamu godha. Qaal’insii gatii immoo nama hundaa waan tuquuf miidhaan isaa yaraa miti. Hoolaan yookiin sangaan qalamee ummata bira osoo hinga’iin qeeraatti hafeera ta’a.

“Ummanni keenya harki caalaan maddi galiisaa gadi bu’aadha. Kana jechuun harki caalaan galii guyyaa guyyaatti argatuun ofiifi maatiisaa jiraachiisa. Yommuu hojiin guyyaa tokkoof illee dhibu waan irra qaqqabu tilmaamuun nama hinrakkisu” jedhu.

Inni biraan namni karooraan dhimma garagaraatiif manaa ba’ee bakka tokko dhaqe gara manasaatti deebi’uuf yommuu yaaduutti yoo daandiin cufame bakka jiru turuuf diqama. Kunimmoo baasii dabalataa inni hin yaadneef akka saaxiluus ni himu.

Akka waliigalaatti yommuu ilaallu waggaa tokkoofi walakkaa dura osoo Doktar Abiyyi gara aangootti hindhufiin haalli ture haala walfakkaataa akkasii turuu yaadatanii, daldallii dhaabachaa ture, oomishaafi oomshtummaanis qisaasamaa ture. Kun hunduu dhiibbaa inni xiinsammuu hawaasaarratti fidee darbe kan dagatamu miti.

Waan akkasii yeroo gabaabaa keessatti deebi’ee yommuu dhufu wabii jireenyaa ummatichaa gaaffii keessa buusa. Bor uumamuu dhabuufasi wabiin hinjiraatu. Kanaaf ummanni daldala, invastimantiifi dameelee misoomaa garagaraa keessatti hirmaachuuf ofitti amantaa dhabuufi abdii kutannaa akka qaqqabsiisu addeessu.

“Inni biraan qabeenyi nama dhuunfaafi dhaabbilee gubate ni jira. Daandii irratti gommaan gubataa ture. Daandii aspaaltii kiloomeetira tokkoo hojjef qarshii miliyoonni meeqa akka itti dhangalaafamu namoonni hedduun ni beeku. Daandii haala kanaan hojjetameerratti abidda bobeessuun ammoo umuriisaa gabaabsuudha.

Kananna walqabatee sararri ibsaa, bilbilaafi bishaanis ni miidhamu. Kanneen immoo deebisanii dhaabuuf waggaa torba saddeet fudhata. Kunimmoo qarshii liqaafi deggarsaan biyyattiin kadhattee fidde qisaaseessa, biyyattiinis rakkina jalaa akka hinbaane taasisa” jedhu.

Akka Doktar Guutuun jedhanitti, kanneen hunda caalaammoo kan nama gaddisiisu lubbuun namootaa darbeera, kuun miidhamaniiru. Kunimmoo maallaqaan hinshallagamu. Lubbuun darbe heddumminaan kan dargaggootaati.

Dargaggoonni immoo motora dinagdee biyya kanaati. Qabeenya Itoophiyaan qabdi jedhamee sadarkaa addunyaatti beekamu humna namaati. Humni kun ajjeefamuun immoo, galtee omishaafi omishtummaa qarshiidhaan bitamee hindeebinetu karaarratti hafaa jira jechuudha.

Kan qofaas miti, namoota waan baay’ee hojjechuufi bakka guddaa ga’uu danda’antu rukutame mana ciisaa jira. Warri kun hojii hojjetan dhaabanii, madda galii dhabanii hirkattoota ta’u. Du’aafi miidhaan walqabatees kan maatiin faca’aanii jireenya daandiif illee saaxilaman akka jiran eeru.

Walatti qabaatti utuu akka biyyoota guddatanitti teknolojii kan shallaguu danda’u osoo qabaannee halkan tokkotti madda galii hammamii akka dhabneefi kunimmoo hammam ‘GDP’ keenya akka miidhu bira ga’uun ni danda’ama. Garuu miidhaa qaqqaban yoo ilaallee kasaaraan isaa kan miliyoonoota dhibba hedduu oliin tilmaamamu ta’u ibsu.

“Egaan miidhaa qaqqabe hangas mara yoo ta’e fuulduratti kan ta’uu qabu qaamni hunduu ittigaafatamummaasaa ba’aachuutu irraa eegama. Mootummaan kana keessatti shoora guddaa taphachuutu irraa eegama. Nagaafi tasgabbii ummataa eeguun, namoota beebbekamoo biyyattii keessa jiran tiksuun dirqamasaati.

Kun sadarkaa biyyooleessaattis waanuma taasifamuudha. Kana malees dhimma aggaammii xiinxalaa siyaasaa Jawaar waliin walqabatee hamiin jiru dhugaa taanaan mootummaan sirna tikaasaarratti hojjechuun irra jira” jedhu.

Ummannis tasgabbiidhaan yaaduutu irra jira. Ofirra darbamee achi fageeffamee dhimmi biyyaa yaadamuun dirqama. Yoo gartuufi murni tokko waa’ee dhimma keenyaa qofa ilaalla ta’e hamaadha. Kana malees yeroo waa morminu dirqama qabeenyaa balleessuun nurra hinjiru.

Utuu daandii hincufiin, utuu dhagaa hindarbatiin, utuu qabeenya hincufiin badii tokko malee nagaadhaan ba’ee mormiisaa dhageesifachuu shaakaluu qaba. Kana keessa dhokatanii warra qisaasama guddaa fidaa jirutu jira waan ta’eef waa hunduu tasgabbiidhaan ta’uu akka qabu gorsu.

Akka ibsasaaniitti, warra kanas mootummaan to’achuu qaba. Eenyu, eenyutu erge, maal argatuufi kkf isa jedhu adda baasee qoratee beekuu qaba. Kana hinta’u taanaan ammas sirni tikaasaa sakkattaa’amuu qaba. Lafa jala yoo waan akkasii dhufe maaltu ta’u danda’a isa jedhurratti qophii qabaachuu qaba.

Biyya kana keessatti waan baratamaa jiru yommuu waa dhalatu jaarsoolii biyyaafi abbootii amantii qabatanii tasgabeessuuf yaaluutu mul’ata. Kun daandii nama baasu miti. Biyya kana kan bulchuu mootummaa hanga ta’eetti olaantummaa seeraa kabachiisuufi nageenya biyyattii eegsisuuf dirqamni irra jira. Kadhaafi jaarsummaadhaan biyya bulchuun tasumaa hindanda’amu.

Kana ta’uu baatee mootummaan tilmaama faayidaa siyaasaatiin socho’aa jira yoo ta’e, hanga filannoo dhufuutti sossobbiidhaan deema yoo ta’e baay’ee rakkisaadha; garri biyyattiin itti adeemus yaaddessaa ta’uu eeru.

Dimshashumatti, ummanni, mootummaan, paartiileen siyaasaa, hayyoonni biyyi kun kan kooti jennee, itti yaadnee hinsochoonu taanaan biyyi ijaaruuf deemnu utuu bira hinga’iin nurkaa diigamti. Wanti hundumtuu biyya hindursu, ummata Oromoos hindursu jedhu.

Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

5 Comments to ““Ittiyaadnee hinsochoonu taanaan biyyi ijaaruuf yaadnu nuharkaa diigamti”Doktar Guutuu Teessoo”

  1. Pingback: som777
  2. Pingback: site link
  3. Pingback: xo666
  4. Pingback: about

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *