Nageenyi bu’uura jireenya hawaas-dinagdeefi siyaasa biyya tokko akka ta’e beekamaadha. Kana mirkaneessuuf ammoo qoodni abbootii Gadaafi amantii, hayyootaa, akkasumas qarreefi qeerroo olaanaadha yoo jedhame dhugaarraa kan fagaatu miti.
Keessumaa ammoo qarreefi qeerroon qabsoo ummata Oromoo jaarraa tokkoo oliif tirachaa ture finiinsuurra darbanii nageenya Oromoofi Oromiyaaf waardiyyaa dhaabbachuun qoodasaanii sirnaan bahachaa akka jiran hubatamaadha.
Erga jijjiiramootni siyaas-dinagdee biyyattiitti mul’atanii kaasees humnaafi beekumsa qabaniin nageenya eegsisuu cinaatti hojiilee misoomaarratti bobba’uun guddina waliigalaa tumsuurratti argamu. Gahee qarreefi qeerroon Oromoo nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti qaban ilaalchisee Kibxata darbe barattoota Yunivarsiitii Finfinnee lama dubbisneerra. Barattoonni kunniin yunivarstichatti miseensota Gumii Aadaafi Afaan Oromoo (GAAO)tis.
Yunivarsitichatti Dargaggoo Obsaa Abdiisaan barataa saayinsii siyaasaa waggaa 3fa yoo ta’u, barattoota warraaqsa qabsoo Oromoo haala ammayyaawaan finiinsuun fiixeerra geessisan keessaa adda durummaan kan eeramuudha.
Bara darberraa kaasees qaamolee Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti ‘mootummaarratti mootummaa hundeessuuf’ maqaa ‘Baaladaraa’ ofiin jechuun ummata dogoggorsiisaa turan ifaan ifatti mormuun aantummaafi jaalala akkasumas nageenya biyyattiif qabu qabatamaatti mul’isuu danda’eera.
Akka daraggoon kun jedhutti, Oromoofi Oromiyaa ijaaruu keessattis ta’u lammiilee Itoophiyaa hundaaf haadha taate uumuu keessatti gaheen qarreefi qeerroo Oromoo olaanaadha. Manneen barnootaa sadarkaa 1fafi 2fa, akkasumas dhaabbilee barnootaa olaanaa keessatti hojiin baruu barsiisuu karaa nagaatiin akka gaggeeffamuufis shoorrisaanii guddaa akka ta’e dubbata Dargaggoon kun. Kanaanis hundarra nageenyi Oromiyaa tasgabbaa’aa akka ta’uuf qaamolee nageenyaa naannichaa waliin ta’uun hojii boonsaa hojjechaa turamuu ibsa.
Baranumallee Irreechi Hora Finfinneefi Arsadee rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaatiin akka kabajamuuf gumaachi qarreefi qeerroon taasisan daran olaanaa ta’uus ni eera.
Badhaasa noobeelii nagaa 100fa Ministirri Muummee mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad argatan sababeeffachuunis ummati karaa nagaatiin gammachuusaa akka ibsatuuf hojii boonsaan hojjetamuusaas ni dubbata.
Gareen finxaalessaa guutuu Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuun kaayyoosaa galmaan gahuuf tattaafachaa turellee waan jiruuf dargaggootni Oromoo haala qindaa’aa ta’een ofirraa qolachaa akka turan ni yaadachiisa.
Aggaammiin tibbana hayyuufi qabsaa’aa Oromoo Jawaar Mahaammadirratti xiyyeeffatee ture haala nagaqabeessa ta’een mormamus dhumarratti adeemsichi gareelee nageenya biyyattiifi Oromiyaa hinbarbaadneen butamee gara hokkoraatti akka geeffamu ta’eera jedha.
Qabsoo hadhaawaa qarreefi qeerroon Oromoo qaamolee nageenyaa wajjin walta’uun taasisaniin kaayyoofi ergamni oftuultotaa guutummaatti raawwachuu hindandeenye. Ta’us, gochi badaa tibbana keessumaa magaalota Oromiyaa kanneen akka Adaamaa, Bishooftuu, Duukam, Diree Dhawaafi Sabbatatti qarreefi qeerroorratti darbees kutaalee hawaasaa adda addaarratti raawwatame qaanessaa waan ta’eef dhimma xiyyeeffannaafi of eeggannaa cimaadhaan ilaalamuu akka qabuudha kan eeru.
Kanas fakkeenyaan yoo ibsu, “Magaalotni kunneen kan Oromiyaa yaa ta’an malee bakka jireenya sabootaafi sablammootaati, gareeleen ergama badii qaban magaalota naannichaatti haalaan walgurmeessaa turaniiru. Kanaaf Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa haaluma waadaa galeen hatattamaan dhimma kana qulqulleessee tarkaanfii fudhachuu qaba” jechuun dubbateera.
Paartiileen siyaasaa Oromoo Gaaddisa Hoggansa Oromoo jalatti walitti qabamuun mari’achaa jiranis nageenya Oromiyaa mirkaneessuuf dhimmamanii hojjechuu qabu jedheera. Qarreefi qeerroonis paartiileen siyaasaa Oromoo gaaddisa tokko jalatti walitti qabamuun mari’achaa jiran kan deggaru waan ta’eef ciminaan itti deemamuu akka qabu gorsa.
Faayidaa paartiileen siyaasa Oromoo gaaddisa tokko jalatti walitti qabamuu yoo ibsus, “Oromiyaan qabeenya uumamaan badhaatuufi gabbattuudha, hayyoota beekumsa gahaa qabanis hedduu qabdi, garuu faffaca’insaafi walhubannoo dhabuurraa kan ka’e hacuucamaa har’a geenye” jedha.
Akkuma Oromoon, “Mari’ataan gowwaa hinqabu” jedhee mammaaku qaamoleen maqaa Oromootiin socho’an mari’atanii yaada caalmaa qabuun ummatatti baanaan egeree biyyattiis ta’e Oromiyaa garanumaa tilmaamuun rakkisaa akka hintaane dubbata.
Dargaggoo Huseen Dabalaas akkuma Obsaa barataa Yunivarsiitii Finfinnee waggaa sadaffaa Afaan Oromoo yoo ta’u, seenaa Itoophiyaa keessatti ummatni Oromoo, ‘Oromoo qofatu’ jiraachuu qaba jedhee akka hinbeekne dubbata. Haa ta’u malee gareeleen faallaa ejjennoo kanaa dhaabatan tooftaalee addaddaatti fayyadamuun tokkummaafi walta’insasaa cabsaafi dararaa turuu ni yaadachiisa.
Injifannoo siyaasaa qabsoo yeroo dheeraa booda ummatni Oromoo sabootaafi sablammoota bira wajjin argate cabsuuf qaamoleen tokko tokko tarsiimoowwan badii rarraafachuun tattaafachaa akka jiran hubachuun barbaachisaadha. Taateen tibbana magaalota Oromiyaatti mul’ates kanuma kan calaqqisiisu waan ta’eef qarreefi qeerroon yeroo kamuu caalaa tokkummaasaanii cimsachuun nageenyaaf waardiyyaa dhaabachuu akka qaban kan agarsiisuudha jedha.
Dargaggoota gocha Jawaarirratti aggaamame mormuuf hiriira nagaa bahanirratti miidhaan guddaan kan gahe yoo ta’u, humnootni gochicha raawwatan ajandaa itti ololasaanii adeemsifatan akka bocataniif karaa kan baneef ta’uu dubbata.
Haa ta’u malee, qindoominni qarreefi qeerroo daran cimaa waan ta’eef kallattii qaamoleen kunneen barbaadaniin galma gahuu akka hindandeenyes ni ibsa. Bulchiinsota magaalaa tokko tokkotti garuu ijaarsi farreen nageenyaa kan hundee gadi fageeffate waan tureef miidhaan dhaqqabuun kan isa gaddisiise ta’uu ibsa.
Kanaaf yeroo murteessaa kana keessatti ummati Oromoo amantiin, gosaafi lagaan osoo walhinqoodiin tokkummaasaa jabeeffachuu akka qabu dhaameera.
Qaamoleen biyya bulchuu Oromootti hingammadne kaayyoo dheeraa qaban galmaan gahachuu fedhan akka waan qarreefi qeerroon farra nageenyaa, misoomaafi tokkummaa biyyaalessaa ta’eetti olola ofuunis sirrii akka hintaane dubbata Huseen.
Furmaatni olola kanaa ammoo keessumaaa dargaggootni Oromoo kallattii hundaan walgurmeessuun guddina dinagdee keessatti hirmaachaa nageenyasaaniif waardiyyaa dhaabachuudha jedha.
Dimshaashumatti tokkummaan ummata Oromoo yeroo kamuu caalaa akka cimuuf ergaa;
“Kaleessi fagoodha, har’i boritti siqa
Barri sududaa, suuta nama miliqa
Qaxxisaa osoo deemanii, qarxamii qaxii cabuu
Gaafi foon mukkulanii, gaafi akaayii nyaatanii
Gaarii inni caalaa, gochuun inni hamminaa
Waliin caallaa malee, walcaallaan salphina” jechuun dhaamaniiru.
Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012
Takkaalliny Gabayyootiin
5 Comments to ““Waliin caallaa malee, walcaallaan salphina””