Jaarsummaa warra Gaamoo araara saboota Oromoofi Kooree keessatti

Waggoota lama dura ummanni Oromoo Gujiifi Kooree Naannawa Nacci Saar jiraatu kanneen gama Gujii Lixaatiin Aanaa Galaanaa gama naannoo Kibbaatiin Aanaa Amaaroo keessa jiraatan walitti bu’anii lubbuun namaa darbeera, qabeenyis barbadaa’eera.

Kanarraa ka’uun sirni gondoroo raawwatamee abbootii Gadaa Oromoofi Kaawoo warra Gaamoo, akkasumas Mootii Amaaroo wajjin ta’amee araarri akka bu’u taasifamee ture. Kanaanis nagaan bu’ee akkuma durii jireenya waliinii akka ittifufan taasifame. Inni xumuraas jalqaba torban kanaatti bakka gandoota aanaalee lamaan jidduutti argamutti geggeeffame.

Dhimma kanarratti Gaazexaa Bariisaatiif Kamisa darbe ibsa kan kennan Bulchaan Godina Gujii Lixaa, Obbo Abarraa Bunoo akka jedhanitti, saboonni gama lamaaniinuu jiran waldhungatanii araarri akka bu’u taasifameera. Kana booda akkuma duriitti jaalalaafi waldandeettiidhaan akka jiraatan gochuun xumurame.

Gama Gujiitiin ummanni Ganda Ergansaa karaa tokkollee waan hinqabneef gabaa gara Arbaaminci dhaquuf bidiruutti fayyadama. Kanaan walqabatee haadholiin ulfaafi dhukkubsattoonni otoo hinhafiin ni rakkatu jedhan.

“Araara bu’etti hawaasni gara lameenuu daran gammadaniiru. Waliin jiraachuufis waadaa waliigalaniiru. Ammaan booda kan walajjeese abbootii Gadaa Oromoo, mootii Kooreefi Kaawoo Gaamootiin kan abaarame ta’uun irratti waliigalameera” jedhan.

Araarri kun akka dhugoomuuf isaan dabalatee jaarsoliin biyyaa bakkuma sana oolanii bulaa akka turanis eeranii, nagaan haala kanaan bu’uusaatti ummannis ta’e qaamolee bulchiinsaa daran gammadaniiru jedhan.

Maangudoonni ykn Kaawoon warra Gaamoo gama jaarsummaafi araarsa buusuutiin muuxannoo guddaa qabu kan jedhan Obbo Abarraan, keessumaa bardheengaddaa yeroo taateen Burraayyuu uumamee turetti miidhaa guddaa qaqqabuuf ture jidduu seenanii jilbeeffatanii kadhatanii nagaafi qabbana buusuusaanii yaadachiisan.

“Isaan warra nageenyaati. Jaarsolii biyyaa fakkeenyummaa guddaadhaan eeramaniidhas. Maanguddoonni kunniin haalaalatti rakkoo mudachuuf ture qabbaneessanii nagaa buusan. Saboota Oromoo Gujiifi Koorees araarsan. Kanarrattis, “Obbolaan akkamiin walajjeesa, walhubanneefi gurmoofnee gara badhaadhinaa deemna.

Obbolaan walajjeessuun kisaaraadha. Miira hamaa kana keessaa bahuu nu barbaachisa. Kanaaf ammoo nutis muuxannoo qabnu isinii qooduuf dhufne. Isinis jabaadhaa jedhanii achuma buluun ummatas gorsanii muuxannoo ofiis qoodani galan” jedhan bulchichi.

Warri Gaamoo saba guddaafi of danda’eedha. Oromoofis ta’e Kooreef ollaadha. Oromoon Gujii naannawa Arbaaminci baay’inaan jiraata. Gujiin gabaa Arbaamincitti fayyaama jechuunis hariiroo saboota kanneenii eeran.

Rakkoon Gujiirra qaqqabe isaanis hinhanqatu jechuudha; walkeessa jiru jechuudha. Ofiif nagaa argachuuf ollaanis nagaa argachuu qaba. Kun ta’uu baannaan rakkoo waan ta’eef isaanis akkuma nuti nagaa taane ollaan keenyas nagaa haa ta’u jechuun muuxannoosaaniirraa ka’anii ummatoota kanneen araarsuusaanii Obbo Abarraan nutti himaniiru.

ibsa haala yeroo Oromiyaa keessa jiruun walqabsiiuun kennaninis, “Ummanni Oromoo Gujii ammaan tana of ta’eera. Ummanni rakkina baay’ee argeera. Ummatichi keessumaa bardheengaddaa rakkoo cimaa keessa ture. Hidhamaas, dubartoonnisaas gudeedamaa turan. Walumaagalatti ummatichi rakkoo hangana jedhamee hinibsamne keessa ture”.

“Amma garuu harka 98n nagaan bu’eera. Kanaafuu ummanni Oromoo waa’ee nageenyaa sirnaan beeka. Oromoon Gujii mana ofii dhiisee baqate, gubatee, rakkateefi du’ee waan argeef waanti nageenya keenya jeequ kamuu nu hinbaasu jechuun taa’ee mari’atee qe’eesaatti qabbanaafi nagaa buuse”.

“Dubbii afaan jala walilaalaa babal’isaa yoo deemne sirrii miti. Kana booda hayyootaafi geggeessitoota keenya wajjin mari’anna malee abbaan fedhe “ka’i nuun jedheen hinkaanu, ni ilaallanna, nuti ilmaan Abbaa Gadaati waldhaggeeffannee, walgorfanna” jechuun waliigale. Kanaafis rakkooleen tibbana iddoowwan adda addaatti uumaman akka Gujii Lixaatti hinuumamne” jedhan Obbo Abarraan.

Qeerroofi qarree waamee tasgabbiidhaan mari’atee nagaa buusne. Kana keessatti Walittiqabaan Gumii Abbootii Gadaa Oromoofi Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo shoora olaanaa taphataniiru jedhan.

Ilmaan Abbaa Gadaa yoo rakkoon jiraate akkuma duudhaasaatti hayyuudhaan walgahachuun waan danda’aniif qoratamee kan balleessaa qabuun “balleessaa qabda” jedhamee, walgorfataa deema malee kaaneetuma waanti tokko uumame jennee qabeenya gubuu, lubbuu namaa galaafachuun sirrii miti kan jedhuudha ejjennoon Oromoo Gujii akka Godinaatti irra qaqqabame jechuun ibsan.

“Kanaas haala nagaafi tasgabbiirra jirra. Kanaan dura haala nageenyaatiif jecha sochii doqdoqqee ji’oota 10f dhaabnee turre. Tarkaanfii kanas dargaggoonni keenya olaantummaa seeraatti amanuun tole jedhanii fudhatan. Akka godinichaatti doqdoqqeen meeshaa geejibaa guddaadha. Godinichatti doqdoqqeewwan kuma kudhanii ooltu argama” jedhu Obbo Abarraan.

“Torban kanarraa eegalee dargaggoota wajjin mari’achuun seera baafannee Gadaa, Gadamoojjiin xiqqaa guddaa kabajaa, seeraafi poolisii kabajaa, gommaan keessan gommaa nagaa, hamaan isin hintuqiin jedhanii eebbisuun gadilakkisaa jirra” jedhanii, kunis godinichi tasgabbii amansiisaa keessa jiraachuu eeran. Kanaafis dargaggoota dabalatee kutaalee hawaasaa maraaf galata guddaa galchuun qaba jedhaniiru.

Fuuldurattis waldhaggeeffannee, walhammannee, walgorfannee, sabootaafi sablammoota keenya hammannee fuula keenya gara misoomaatti deebisuu nu barbaachisa jedhanii, keessumaa yeroon kun yeroo bunni ittifunaanamu waan ta’eef buna Gujii gabaa addunyaa biratti qulqullummaan beekamurratti hojjechuu qabna jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Rakkoon naannawa sana jiru dhabiinsa daandii dhaabbilee barnootaafi fayyaafaa waan ta’eef kana qoratanii qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuusaaniis Obbo Abarraan eeranii, daandiin eegalames dafee otoo xumuramee gaariidha jedhan.

Ummanni kun loon baay’ee qabaatus gabaa waan hinqabneef gabaa barbaacha bidiruudhaan qaxxaamuree gara Arbaamnci deema. Dhabiinsa daandii kanaan rakkoo keessa jiru jechuudha. Naannoon sun jallisii aadaatiin kan misoomeedha. Loonis baay’ee qaba. Kuduraafi muduraanis baay’inaan jira.

Rakkoo kana furuuf koreen ergamee akka qoratu taasifameera. Kanumarraa ka’uun daandiin kiiloo meetira 100 ta’uufi hanga Abbayyaatti fulla’u jalqabamee ture. Kana keessaas kan hafe riqicha tokkoofi kiiloo meetira 25 qofa jedhan.

Gama biraatiin odeeffannoon feesbuukii hariiroo ummataa Godina Gaamoorraa argame akka eerutti, biyya keenya fakkeenya nageenyaa kan ta’an maanguddoonni biyyaa Gaamoo waamicha araaraaf dhiyaateef fudhachuun boora’uu nageenya ollaa akka kan ofiiti fudhachuun qaamolee walitti bu’iinsatti seenan lamaan yeroo jahaa ol deddeebi’anii mariisisuun akka nagaan bu’uu taasisaniiru.

Qondaaltonni mootummaa sirnicharratti argamanis gareeleen qaamoleen lameen lammata akka walitti bu’aniif gochuuf wixxirfatanirratti tarkaanfiin keessa deebii hinqabne akka fudhatamu eeraniiru.

Hirmaattonni waltajjii araarichaarratti argamanis maanguddoonni biyyaa Gaamoo imala dadhabsiisaafi dheeraa gochuun deddeebi’anii rakkoo saboota Kooreefi Oromoo Gujii jidduutti uumamee ture furanii nagaan akka dhugoomu taasisuunaaniitiif galata argachuu qabu jedhaniiru.

Maanguddoonni biyyaa kutaalee biyyattii biroo keessatti argamanis gocha gaarii maanguddoota Gaamoo akka fakkeenyaatti fudhachuun rakkoolee uumaman furuurratti hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Sirnicharratti dura bu’oonni aadaa Coyyee, Gaantaa, Shaaraafi Zigitii akkasumas walittiqabaan Gumii Abbootii Gadaa Oromoofi qondaaltonni mootummaa argamaniiru.

Mootii (Kaawoon) 14fan saba Kooree Atoomaa Adaamaa sabni Kooree saba Gaamoo wajjin ummata obbolaa dhiigaan walitti hidhaman ta’uu eeranii, obboleessa kana wajjin walitti makamuu barbaadanii gaaffii dhiyeessuunsaanii ni beekama.

Gaafficha kan fudhate sabni Gaamoos dareewwan Gaamoo 42n irratti mari’achuun gaaffii obbulummaa kana fudhatee bara darbe Magaalaa Arbaamincitti walitti makamaniiru.

Walumaagalatti nageenyi bu’uura waan hundaa waan ta’eef hunduu nagaasaa akka qaroo ijasaatti ollaasaa wajjin tikfachaa qaba. Kana keessatti akka biyyaatti muuxannoo guddaa kan qaban maanguddoota Gaamoorraa muuxannoo fudhachunis misha jenna.

 Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

3 Comments to “Jaarsummaa warra Gaamoo araara saboota Oromoofi Kooree keessatti”

  1. Pingback: auto body repair

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *