Akeekni aggaammichaa si’aayinaan qulqullaa’ee ummataaf ibsamuu qaba

Ummanni Oromoo, duudhaa ilaafi ilaamee qabu, moggaasee ormayyuu qaamasaa taasifatu, kan beela’e nyaachisu, isa daare uwwisu, dheebotaa obaasuudha. Duudhaa sirna Gadaatiin guddaan eebbisee, xiqqaan ajajamee walkabajaan buluudha.

Ummanni guddaan kun sirna waliin jireenyaa keessatti duudhaa gabbataa qabaabatus sirnoonni siyaasaa harkaafi qe’eesaarraa nyaatanii dhugan, deebi’anii qoree dhoqqee keessaa itti ta’uun aadaafi eenyummaansaa akka baduuf boolli hinqonne hinjiru.

Ummanni kun qabsoo qaalii taasiseen gidiraafi hacuuccaa hamaa keessaa bahee afuura boqonnaa argannuu eddii eegale reefu waggaafi ji’oonni saddeet lakkaa’amu. Yeroo gabaabduu kana keessatti akkuma biyyaattuu milkaa’inoonni danuun galmaa’aniiru.

Garuu otoo ummatichi jijjiirama kana keessatti qooda fudhachaa gaaffiileesaa hafaniif deebii argachuuf abdiidhan eeggachaa jiruu waanti xiinxalaa siyaasaa Jawaar Mahaammadirratti raawwatamuuf yaalame Oromoo mara kan dheekkamsiiseefi naasiseedha.

Kanaanis keessumaa dargaggoonni hiriira bahuun gocha xiinxalaa kanarratti raawwatamuuf aggaamame hadheeffatanii mormaniiru. Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis, akkasumas Komishiniin Poolisii Oromiyaa gochichi sirrii akka hintaaneefi dhimmichi qulqullaa’ee ummataaf akka ibsamu eeraniiru.

Gama biraatiin Poolisiin Federaalaa, “Eegduusaa jiijjiiruuf malee waanti raawwatamuuf yaadame biraan hinjiru” jechuun ibseera. Sanas ta’e kana waanti halkan walakkaatti yaadame sun si’aayinaan qulqullaa’ee ummataaf ibsamuu qaba.

Aggaammiin akkanaa haaraa miti. Kanaan duras Waxabajjii 16 bara 2010fi Fulbaana 29 bara 2011 dabalatee Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadirratti yeroowwan adda addaatti kan mul’ate waan ta’eef xiyyeeffannoofi iftoominaan irratti hojjetamuu mala.

Dhimmichi kan ilaalamuu qabu waantonni yeroowwan adda addaatti yaadaman kunniin otoo milkaa’aniiru ta’ee biyya kanatti maaltu uumama kan jedhuudha. Kana wajjin waraabessi Oromoo of fuuldura qabee; Oromoo walnyaachisee booda Oromoo nyaachuutti garagalu akka jirullee hubatamuu qaba; seenaa darberraas kan hubatamu kanuma waan ta’eef.

Dhimmoota akkanaa keessa tokkoomuufi waliibirmachuun Oromoo akkuma jirutti ta’ee saboota birootiifis eegumsa gochuun akkasumas qoodiinsa diinni amantii dahoo godhatee carraaquuf tasumaa qaawwi akka hinbanamneef of eeggannaa cimaan taasifamuu qaba.

Dhimmi nageenyaas maayikiroo sakandii tokkoofillee boora’uu hinqabu. Qabeenyaafis eegumsi taasifamuu qaba. Sadarkaafi haala jireenyaa keenyaa waan beeknuuf gabaafi daandiinis xiyyeeffannaa keessa galuu qabu; waanti miiraafi dheekkamsaan raawwannu deebi’ee lammiidhuma waan miidhuuf. Walumaagalatti taateen Kibxata halkan walakkaa sun kan nama dhuunfaa tokko qofarratti agaamame waan hinaaneef akkuma waadaa seename hatattamaan qulqullaa’e ummataaf ibsamuu qaba.  

 Bariisaa Onkololeessa 15/2012

Recommended For You

One Comment to “Akeekni aggaammichaa si’aayinaan qulqullaa’ee ummataaf ibsamuu qaba”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *