Dirree siyaasaa haaraa ADWUI sirna federaalizimii waliin

Addi Dimokraasummaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI)n waggoota 28 darbaniif biyyattii gaggeessaa kan ture yoo ta’u, kanaanis jijjiiramoota hawaas-dinagdeefi siyaasaa lammiileen biyyattii irraa fayyadaman hanga tokko galmeessisuu danda’eera.

Ijaarsa sirna dimokraasii babal’isuufis keessumaa dhaabbileen dimokraasii akka hundeeffaman gochuun, miidiyaaleen sagalee ummataa ta’anii akka tajaajilan taasisuun, hundarra ammoo sirni federaalizimii hojiirra akka oolu gochuun gahee guddaa bahachaa tureera.

Waggoota kudhanii as garuu hoggantootni dhaabbilee addichaa sadarkaa sadarkaan jiran rakkoo bulchiinsa gaarii  uumuun, akkasumas kiraa sassaabdummaa keessattis qooda fudhachaa turuusaaniirraa kan ka’e abdiifi amantaan ummatni mootummaarratti qabu akka hir’atu godheera. Kunimmoo adeemsa keessa dheekkamsi ummataa kutaalee biyyattii addaddaarratti waan dhoweef rakkoo nageenyaa uumaa turuunsaa yaadannoo yeroo dhiyooti.

Adeemsa keessas walta’insi biyyaalessaa daran akka laafu waan taasiseef dhaabbilee obbolaa Adda Dimokraasummaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) afran keessaa sadeen (ODP, ADPfi WDUK) paartiilee deggartootaa dabalatee walitti makamuuf murteerra gahamuunsaa beekameera. Addi Bilisummaa Ummata Tigiraayi (ABUT) garuu fedhii akka hinqabne beeksiseera.

Ittigaafatamaan Waajjira Koree Giddugaleessaa Paartii Dimokraasummaa Beenishaangul Gumuz Obbo Yisihaaq Abdulqaadir ADWUIn paartiilee deggartootaa dabalatee akka walitti makamuuf waggoota dheeraaf gaaffii dhiyeessaa turuu dubbatu. Jijjiiramoota siyaasaa biyyattii keessatti galmaa’aa jiran milkeessuufis qooda guddaa kan taphatu waan ta’eef paartiinsaanii guutummaatti ni deggara jedhu.

Waggoota darban keessa murteewwan akka biyyaalessaatti darbaa turan keessatti sagaleen dhaabbilee deggartootaa ukkaamfamaa waan tureef hoggansiifi kenninsi tajaajila ummataa hangas mara si’ataa akka hinturre ibsu. Wayita ammaa garuu hoggansi jijjiiramaa ADWUI keessatti uumame paartiilee  siyaasaa ADWUI walitti makuuf murteerra gahuunsaa dhimma wayitawaafi fudhatama qabuudha jedhu.

Akka paartiisaaniittis adeemsa ADWUI akka paartii siyaasaa haaraatti hundeessuuf taasifamaa jiru guutummaatti fudhateera jedhanii, milkaa’inasaafis halkanii guyyaa kan hojjetan ta’uu eeru. Paartiileen siyaasaa Affaar, Hararii, Gaambeellaafi Somaalees akkuma paartiisaanii kan deggaran ta’uu abdiin qaba jedhu.

Gaaffilee, “Walitti makamuun ykn baquun dhaabbilee siyaasaa ADWUI sirna federaalizimii biyyattiin hordofaa jirtu waliin deemaa? Imaammataafi tarsiimoowwan mootummaa hojiirra oolaa jiran waliinis walitti hinbu’uu?” jedhaniifis deebii kennaniiru.

Haala kanaan, “Kaayyoon bu’uuraa walitti makamuu dhaabbilee siyaasa ADWUI sirna mootummaa jijjiiruu osoo hintaane gurmaa’ina paartiitiin walqooduurraa gara tokkummaafi walta’insaatti deemuun biyya kana ceesisuudha. Kunimmoo ADWUIn haaraa hundeeffamu sirna bulchiinsa mootummaa tokkummaawaa isa durii san uuma jechuu osoo hintaane akka paartii tokkootti walitti makamee carraa biyyattii murteessa jechuudha” jedhu.

“Heera RFDIs ta’e immaammataafi tarsiimoowwan biyyattiin hojiirra oolchaa jirtu waliinis gonkumaa kan walitti bu’u waan hintaaneef, sirna federaalizimiis gaaffii keessa kan galchu miti, bulchiinsi mootummaas sirna filannoo bilisaafi ifaatiin akka guutamuuf kutannoodhaan kan hojjetamu ta’uu waliigalteerra gahameera” jechuun ibsu.

Walitti makamuun dhaabbilee siyaasaa ADWUI caalaatti gaarii ta’ee osoo jiruu garuu yaaddoo guddaas akka qaban ni dubbatu. Kunis, tarii erga walitti makamuun ADWUI dhugoomee booda eenyummaan sabootaafi sablammootaa xixiqqoo akkuma durii san hacuucamuu danda’u yaadni jedhu jiraachuus ni dubbatu. Yaaddoon kun ammoo kan hinoolle waan ta’eef gamanumaan qajeelfama hojmaataatiin sirreessaa deemuu akka qabnu kallattiin qabamuusaa ibsu. Kana waliinis sagantaaleefi qajeelfamootni paartichaa akka haaraatti qophaa’aa jiraachuu eeraniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Giddugaleessa Liigii Biyyaalessa Hararii Obbo Muhiddiin Ahmadis yaaduma Obbo Yisihaaq kan deggaran yoo ta’u, walitti makamuun dhaabbilee siyaasaa ADWUIfi paartiilee deggartootaa dhaaba siyaasaa biyyaalessaa ta’anii walta’insaan hoggansa kennuufis ta’e qabsaa’uuf qooda guddaa kan qabu ta’uu dubbatu.

Muuxannoon dhaabbilee siyaasaa addunyaas dhumurratti gara tokkummaafi walta’insaan hojjechuufi murtee kennuutti dhufuudha jedhanii, hanga kaayyoofi sagantaaleen dhaabbilee siyaasaa ADWUI tokko ta’etti qofa qofaatti hoggansa kennaa turuun barbaachisaa hinturree jedhu. Kanaaf dhaabbileen siyaasaa ADWUIfi paartiileen deggartootaa walitti makamuuf murteessuunsaanii akka carraa guddaatti kan fudhatamu ta’uus ni eeru.

Kunis hariiroo ummattoota biyyattii cimsuurra darbees galma lammiilee hawaas-dinagdeefi siyaasaan hundagaleessa uumuuf taasifamaa jirus kan milkeessuudha jedhu. Kana dhugoomsuuf ammoo dhaaba siyaasaa cimaa ta’e hundeessuun murteessaa ta’ee waan argameef dhaabbileen siyaasaa ADWUI walitti makamuuf murteen irra gahan sirriifi wayitawaa ta’uu dubbatu.

Paartiinsaanii, Liigiin Biyyaalessaa Hararii (LBH), hanga har’aattuu ODP waliin walta’insaan naannicha bulchaa yaa turu malee murteewwan akka biyyaatti darbaa turan keessatti hirmaachaa akka hinturre dubbatu.

Kunimmoo miira hirkattummaatiin hoggansa kennaa akka turan kan mul’isu ta’uusaati. Walitti makamiinsi kun garuu isaaniif carraa bal’aa kan uumu waan ta’eef hojiirra oolmaasaatiif kutannoodhaan ni hojjennaa jedhu.

Adeemsi walitti makamuu dhaabbilee siyaasaa ADWUIfi paartiilee deggartootaa kun gaarii ta’ee osoo jiruu garuu qajeelfamaafi toorri xiyyeeffannoo paartichaa hojmaata cimaadhaan yoo hindeggaramne sirna bulchiinsa mootummaa jijjiiruuf humna qabaachuu dubbatu.

Kunimmoo sirna federaalizimii biyyattiin hordofaa jirtu kan diiguu danda’u waan ta’eef eenyummaa sabootaafi sablammootaarratti balaa hamaa kan geessisuu danda’udha. Fulduratti kun akka hinmudanneef ammoo gamanumaan hojmanee hojjetamuu qaban qajeelchaa deemuun murteessaa ta’uus eeru. Waliigalteen taasifamus amansiisaafi wabii qabeessa akka ta’uuf haguuggii seeraa qopheessuun dirqama jedhu.

Addi Bilisummaa Ummata Tigiraayi (ABUT) garuu ibsa Roobii darbe baaseen, adeemsa walitti makamuu dhaabbileen siyaasaa ADWUIfi paartiilee deggartootaa taasisaa jiran hojmaataafi qajeelfama ADWUItiin fudhatama akka hinqabne ibseera. Walitti makamuun dhaabbilee siyaasaa ADWUIfi paartiilee deggartootaa gaaffiifi karoora yeroo dheeraa ta’uyyuu sadarkaa nageenyaa har’a biyyattiin irra jirtuun kan walgitu miti jechuun komateera.

Walitti makamuu dhaabbilee siyaasaa ADWUIfi paartilee deggartootaan dura heera mootummaa RFDI fooyyessuun dirqama ta’uusaas ibsuun, kun garuu ammaaf eenyummaa sabootaafi sablammootaa kabachiisuurratti dhiibbaa guddaa kan qabudhas; sirna federaalizimiis kan diigudha jedheera. Kanaaf adeemsi walitti makamuu kun dhugoomnaan miseensummaasaa haquuf kan dirqamu ta’uus yaadachiiseera.

Walumaagalatti, adeemsa walitti makamuu dhaabbilee siyaasaa ADWUIfi paartiilee deggartootaa kun dhugoomnaan ammoo dirreen siyaasaa haaraa dimokraasiin utubame uumuuf kan gargaaruudha. Kunis dandeettiin raawwachiisummaa ADWUI duraanii caalaatti cimuutiin hojiira kan oolu waan ta’eef, waliigalteen biyyaalessaa itti fufiinsaafi walta’insarratti hundaa’e bu’uuressuuf qooda guddaa kan qabuudha.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012

Recommended For You

3 Comments to “Dirree siyaasaa haaraa ADWUI sirna federaalizimii waliin”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *