Wantootni tamboo wajjin walqabatanii araada namatti ta’an kan namootni irraa of eeggachuu dandaa’aniidha. Haa ta’uyyuu malee yeroo ammaa waggaatti du’a namoota miliyoona saddeet ta’aniif sababa guddaa ta’eera. Rakkoon gama shiishaa xuuxuun dhufu hamaa haa ta’uyyuu malee namootni shiishaatti fayyadaman yeroo gara yerootti akka biyya keenyaattis ta’e akka addunyaatti lakkoofsi isaanii guddachaa jiraachuunsaa beekamaadha. Namootni hedduun shiishaan maalii? Yoomiifi eessatti eegalee? Miidhaa maalii qaba kan jedhuufi kkf. kaasuu danda’u. Isa kana gabaabaatti mee waliin haa ilaallu.
Shiishaan yeroo ammaa dhaloota keenya daran kan miidhaa jirufi isa hamaadha. Waggaa muraasa dura magaalaa xiqqoo gara Oromiyaa Lixaatti geessu keessaa manni shiishaa 200 ol akka jiru ragaaleen tokko tokko ni eeru. Yeroo hedduu geejjiba uummataan yeroo deemnu, konkolaachiftootni danuun magaalaa kana keessatti dhaabanii utuu hinxuuxiin hin darban. Isa kana akka fakkeenyaattan fudhadhee malee daandii garagaraa irraa magaalaa xiqqootii hanga isa fooyyee qabuutti bakka manni shiishaa keessaa dhibe jira jedhee hinyaadu. Ifatti mul’isuu yoo dhiisan illee bifa dhokataa ta’een namootni ni fayyadamu.
Shiishaan kan eegale biyya Hindiitti akka ta’e dubbatama. Bifa har’aa kana kan qabate garuu jaarraa 15fa keessa ture. Hayyuun seenaa namni maqaan isaa Saayriil Ilgoodi jedhamu akka dubbatutti namni shiishaa eegale Irfan Sheekii nama jedhamuun akka ta’eefi yeroo muraasa keessatti kalaqni isaa kun akka beekamu ta’eera. Keessumattuu daawitiin omishamuu irraa eegalee maqaan shiishaa jedhamu akka kennameefi shiishaa jechuun hundee isaa isa burcuqqoo irraa hojjetame kan mul’isu akka ta’e dubbatama. Biyya Hindiitti eegalee gara biyya Iraanitti babal’achuun dhuma irratti Impaayira Otomaan Turkii jedhamee seenaa keessatti beekamuun akka caalaatti babal’atu ta’eera.
Namootni shiishaa fayyadaman tamboo akka fayyadaman beekuun barbaachisaadha. Tamboon ammoo miidhaa attamii akka qabu beekuunis gaariidha. Wanti nama gaddisiisu inni guddaan yeroo ammaa shiishaa kan fayyadaman baay’inaan saafelootaafi dargaggoota boriif abdataman danuu kan mancaasaa jiru araada hamaadha. Fakkeenyaaf barattootni kolleejjii dhibbentaan 46 ol akka shiishaa xiixan ragaaleen addaddaa ni mirkaneessu. Namootni tamboo xuuxan danuun isaanii akka shiishaa xuuxan qorannoon ni addeessa.
Egaa namootni shiishaa xuuxan namoota tamboo xuuxan caalaa dhibee garagaraaf akka saaxilaman qorattootni ni ibsu. Kana irraa kan ka’e namichi shiishaa yeroo jalqabaaf kalaqes taanaan dhuma irratti akka namootni itti hinfayyadamne dubbateera. Namootni garuu isa kana hin dhageenye; kun hanga har’aatti itti fufee jira. Wanti guddaan beekamuu qabu yoo jiraate namoota shiishaa xuuxan qofa utuu hinta’iin namootni cina namoota shiishaa xuuxan jiran illee rakkoo fayyaaf akka saaxilaman qorannoon nimirkaneessa.
Dhibeewwan addaa addaa shiishaa xuuxuun dhufan keessaa muraasni dhukkuba onnee, dhukkuba cawwee/Cancer/, sirna hargansuu, tiruu, manaanjaayitis, qufaa yookaan sombaafi kkfniif nama saaxila.
Yeroo tokko tokko namootni bifa dogongoraatiin shiishaa xuuxuun tamboo irra fooyyee qaba jedhanii yaadu. Haa ta’u iyyuu malee shiishaa xuuxuun tamboo caalaa nama miidhuu ni danda’a. Si’a tokko qofa namni shiishaa xuuxu nama tamboo ykn sigaaraa 100-200tti xuuxuu wajjin wal qixa miidhaa irraan geessisa. Fakkeenyaaf namni tamboo xuuxu tokko si’a tokkotti aara hanga miliiliitira 500-600tti kan ofitti fudhatan yeroo ta’u, namni shiishaa xuuxu garuu aara hanga miliiliitra kuma 90 ol ta’u liqimsa. Kana jechuun si’a 200 ol aara shiishaa liqimsa jechuudha. Darbees namootni shiishaa xuuxan cileetti sababa fayyadamaniif qilleensa summa’aa kaarbon monoksaayidii jedhamuun miidhamuun isaanii akka hin oolle qorannoon jiran ni addeessu. Namni shiishaa xuuxu tokko summiiwwan kan akka Kaarsinojenis (carcinogens) jedhaman akka aara shiishaa keessatti argamaniif isaan kun ka’umsa dhukkuba cawwee/cancer/ akka ta’an himama.
Darbees summiin aara shiishaa keessaa hidda dhiigaa keessa seenuun sababa hiddi dhiigaa ‘artery’ jedhamu akka dhiphatuuf sababa ta’a. Inni kun ammo dhukkuboota hamoo ta’an kanneen akka dhukkuba onneefi wantoota isa fakkaatuuf ni saaxila. Kanaaf namni tamboo xuuxuufi namni shiishaa xuuxu rakkoo walfakkaatuuf kan saaxilamuufi inni tokko isa kaan caalaa sababa aarri isaa bishaan keessa taruun homaa rakkoo jiran jalaa miliquu akka hindandeenye qorattootni ni ibsu. Kanaanis shiishaan tamboo xuuxuu caalaa nama miidhuu akka danda’u kan dubbatan jiru. Sababiinsaa shiishaa namootni xuuxan cileettii fayyadamu; cileen ammoo qilleensa summeessuun akka caalaatti rakkoon shiishaan geessisuun hammaatu taasisa.
Shiishaan dhukkuboota daddarban addaa addaafis nama ni saaxila. Akkaataan shiishaa xuuxan tamboo xuuxuu irraa adda. Namni tamboo xuuxu yeroo hedduu ofii xuuxa. Haa ta’u iyyuu malee shiishaa xuuxuu keessatti namootni addaa addaa dabaree isaaniitiin walharkaa fuudhanii waan xuuxaniif dhukkuboota danuuf ni saaxilamu. Namootni yeroo fayyadaman qulqullinni isaa sirriitti eegama jechuun hin dandaa’amu. Kanaaf namootni shiishaa fayyadaman dhukkuba baakteeriyaa ‘tuberkiloosis’ jedhamaniifi kan somba miidhuu danda’an maraaf ni saaxilamu.
Kana qofa utuu hinta’in namootni daqiiqaa 30 qofa xuuxuun rukuttaan onnee isaannii si’a kudha ja’aa oliin ni dabala. Walumaa galatti rukkuttaa onnee isaanii nisaffisiisa. Namni shiishaa xuuxu nama tamboo xuuxu caalaa harka sadii ol nikootiin (nicotine) kemiikaala araada nama qabsiisuufi jireenya hirkatummaa akka qabaatan nama taasiisuuf akka nama saaxilu qorattoonni ni addeessu. Akkasumas shiishaan si’a 11 ol nama tamboo xuuxu caalaa kaarbon monoksaayidii kan jedhamu qilleensa summa’aadhaaf nama ni saaxila. Nama shiishaa xuuxu cinaa taa’uun illee rakkoo cimaa akka nama irraan ga’u hubachuun danda’ameera.
Namootni shiishaatti fayyadaman yeroo hedduu miidhaa isaa hubachuu dhiisuu danda’u. Isa kanaaf gadi fageenyaan qorannoorratti karaa hundaa’een akka namootni miidhaa shiishaan geessisu hubatanii irraa of qoqqobbatan gochuun barbaachisaadha. Keessumaa ogeessotni fayyaa dhaloota oolchuu keessatti ga’een isaanii cimaadha. Miidhaan inni akka dhuunfaattis ta’e waloon qaqqabsiisu gadi fageenyaan qorachuun barsiisuun barbaachisaadha. Mootummaanis gama isaatiin akkuma namoota tamboo xuuxanirratti tarkaanfii fudhate shiishaa irrattis tarkaanfii barbaachisaa fudhachuun gaarii ta’a. Akkuma bakka namni jiruutti tamboo xuuxuun hindandaa’amne shiishaanis akkasuma dhorkamu qaba. Dhaloota oolchuun daran barbaachisaadha. Gahee nama hundumaatis.
Egaa yeroo ammaa bakka hedduutti mana shiishaa babal’achaa jiruufi dargaggoota baay’inaan araada hamaa kanaaf saaxilaman gargaaruun, akka irraa of qoqqobataniifis jajjabeessuun daran murteessaadha.
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012
10 Comments to “Shiishaa: Balaa hamaa dhaloota keenyaa”