Waajjiraalee mootummaa federaalaafi naannolee

Finfinnee: Ministirri Muummee mootummaa RFDI, Doktar Abiyyii Ahmad badhaasa Noobeelii Nagaa 100fa mo’achuusaanii sababeeffachuun dhaabbileen mootummaa federaalaafi naannolee addaddaa ergaa baga gammaddanii dabarsuurratti argamu.

Haaluma kanaan Ministeerri Haajaa Alaa, Qonnaa, Saayinsiifi Dhaabbilee Barnoota Olaanaa, Maallaqaa, Fayyaafi kanneen biroo baga gammaddan jedhaniiru. Gamtaan Afrikaas gammachuusaa ibseera.

Biiroleen Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Ummattoota Kibbaa, Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Somaaleefi Affaaris badhaafamuu Doktar Abiyyitti gammaduusaanii ibsaniiru.

Waajjirri ODPs badhaasa argametti hedduu gammaduusaa kan ibse yoo ta’u, ministirri muummeen jijjiiramootni hundagaleessi  biyyoota Gaanfa Afrikaatti akka galmaa’aniif qooda guddaa bahachuusaaniis eereera. Kanaaf badhaasni Noobeelii Nagaa kun kan Doktar Abiyyi qofa osoo hintaane kan ummattoota Itoophiyaa maraaf kenname ta’uu ibseera. Irra deebiinis baga gammaddan; gammanne jedheera.

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

3 Comments to “Waajjiraalee mootummaa federaalaafi naannolee”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: junk search engine

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *