Finfinnee: Mootummaan bara bajataa kana qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun alseerummaafi hanqina naamuusaa dirreewwan ispoortii keessaatti mul’atan dhabamsiisuuf kan hojjetu ta’uu beeksiseera.
Gurmaa’ina ispoortii mootummaafi ummataa cimsuudhaan ispoortii ga’umsaan akka geggeessan taasisuun, ispoortii hawaasaafi bakkeewwan ispoortii babal’isuufi eegumsa seeraa akka argatan taasisuun, dorgommiiwwann ispoortii naga qabeessaafi seera qabeessa taasisuun dhimmoota ijoo mootummaan irratti xiyyeeffatee hojjetuudha jedhu Pirezdaantiin Itoophiyaa Aadde Saahilawarqi Zawudee haasaa Wiixata darbe baniinsa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataafi Federeeshinii irratti taasisaniin.
Keessumaa alseerummaafi hanqina naamuusaa dirreewwan ispoortii keessatti mul’atan dhabamsiisuufi seera kabajchiisuun hojiilee ijoo baranaa ta’uu himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012
3 Comments to “Alseerummaafi hanqina namuusaa dirreewwan ispoortii dhabamsiisuuf ni hojjetama jedhame”