Kallattiiwwan hojii baranaa gama hundaan Itoophiyaa fuulduratti kan tarkaanfachiisuudha

Pirezidaantiin Itoophiyaa Aadde Saahlawarqi Zawudee walga’ii idilee 1fa, marsaa 5fa bara hojii 5fa Manneen Marii Bakka Bu’oota Ummataafi Federeeshinii Wiixata darbe adeemsifamerratti haasaa baniinsa taasisaniin kallattiiwwan hojii guguddoo bara 2012 ibsaniiru.

Sochii jijjiiramaa bara darbe biyyattiitti eegalameen sochiilee gama siyaasaa, diimokiraasii, qabiinsa mirga namaa, sirna haqaa, sochii dinagdeefi fayyadamummaa waliinii fooyyessuuf taasifameen bu’aalee gaariin galmaa’anillee hanqinoonni yeroo waggaa tokkoo olii gaafatanis jiraachuu himanii, barana imala jijjiiramichaa bu’uura qabsiisuudhaan gama hundaan biyyattii fuulduratti tarkaanfachisuuf  ni hojjetama jedhan.

Imalli jijjiiramichaa falaasama ida’amuu kaayyoowwan biyyaalessaa guguddoo sadii bu’uura godhachuudhaan adeemsifamaa jiraachuu kan himan Aadde Saahlawarqi,  isaanis injifannoowwan gama siyaasaafi dinagdeetiin argaman itti fufsiisuu, dogoggoroota baroota darban keessa raawwataman sirreessuufi faayidaafi fedhii dhaloota dhufuu mirkaneessuudha jedhu.

Yeroowwan darban keessa bu’aawwan hedduun akkuma galmaa’an dogoggorootni qabiinsa mirga namummaa, mirga sabootaafi sablammootaa, faayadamummaa haqaa, walqixxummaa, sirna haqaa irratti raawwataman ni jiru.  Tokkummaa biyyaalessaa uumuurrattis hojiilee baay’een hinraawwatamne.

Guddinni dinagdee biyyattiis fayyadamummaa haqa qabeessa haala barbaachisuun kan hinmirkaneessine ta’uufi qabiinsi mirga namummaa mirgoota siyaasaa keenyarratti hanqinaalee galmeessiseera. Kanaafuu dogoggorootaafi hanqinoota mul’atan araarama tokko malee sirreessuufi furuun barbaachisaa ta’uu himu.

Nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuu, daangaa siyaasaa babal’isuu, sirna dimokiraasii mirkaneessuu, sirna haqaa fooyyessuu, sochii guddina dinagdee si’eessuu, omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu, dhiyeessa bishaan dhugaatii, damee fayyaafi humna ibsaa mirkaneessuufi teeknoloojii odeeffannoofi quunnamtii guddisuun, qabeenya tuurizimii keenya nageenya, tokkummaafi badhaadhinaaf oolchuufi hariiroo biyyoota ollaa waliin qabnu cimsuun hojiilee ijoo mootummaan xiyyeeffannoo addaatiin barana hojjetu ta’uu eeraniiru.

Nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuu ilaalchisuun

Walitti bu’iinsota bakkeewwan adda addaatti uumamaniin lammiileen miliyoonaan lakkaa’aman buqqa’uun seenaa biyyattii keessatti godaannisa guraacha buusee darbeera.  Sochii mootummaan taasiseen lammiilee miliyoona lamaa ol keessaa hanga ammaatti buqqa’anii kan jiran kuma 100 hincaalan. Isaan hafanis qubachiisuufi gara qe’ee isaaniitti deebisuudhaan rakkoon walfakkaatu deebi’ee akka hinuumamneef xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Dhaabbileen tikaas rakkooleen utuu hinmudatin dursanii akka ittisaniifi erga rakkoon mudatee boodas yeroo gabaabaa keessatti akka dhaabaniif hojiileen humnaafi dandeettiisaanii cimsuu ni raawwatamu. Hojiileen riifoormii humnaafi dandeettii qaamolee nageenyaa cimsuuf raawwatamaa jiranis kan itti fufan ta’u. 

Humnaafi dandeettiin dhaabbilee tikaafi tasgabbii teknolojiidhaan deggeruun nageenya biyyattii amansiisaa gochuun xiyyeeffannaan ni hojjetama. Kunis filannoon biyyaalessaa barana adeemsifamu karaa nagaan raawwachuuf humna kan uumu ta’uu ibsu.

Nageenya waaraa ijaaruun duudhaalee sabootaafi sablammoota biyyattiirratti bu’uureffachuu qaba. Nageenya biyyattii abbummaadhaan kan eegu ummata waan ta’eef hirmaannaa ummataa malee nageenya waaraa mirkaneessuun hindanda’amu. Kanaafuu ummatni nageenya ittifufiinsa qabu ijaaruu, seera kabajuufi kabajchiisuu irratti hirmaachuudhaan qaamolee seera kabachiisaniifi nageenya eegsisan waliin hojjechuun kanirraa eegamu ta’uu himu Pirezidaanti Saahilawarqi.

Sirna Siyaasaafi Dimokiraasii

Mirgoonniifi hirmaannaan siyaasa keenyaa waliigaltee, walkabajuu, waliif yaaduufi duudhaalee tokkummaa biyyaalessaa cimsan irratti xiyyeeffachuu qaba. Mootummaanis daangaa siyaasaa bal’isuudhaaf wantoota isa irraa eegaman hunda ni raawwata. Mootummaan siyaasni diinummaa, gareefi adda addumaa hafee gurmaa’inni siyaasaa waliigalteefi tokkummaa irratti hundaa’u akka jiraatuuf ni jajjabeessa. Filannoon biyyaalessaa bara kana adeemsifamus bilisa, dimokiraatawaafi amanamaafi fudhatamaa akka ta’uuf mootummaan qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ni hojjeta. Kan milkeessuuf kutannoon mootummaa qofti gahaa waan hintaaneef ummatni, dhaabbileen siyaasaa, dhaabbileen miidiyaa, hayyootniifi dhaabbileen siivikii kaayyoo biyyaalessaa tokkoof hojjechuu akka qaban yaadachiisu.

Filannoo biyyaalessaa baranaa filannoowwan yeroo darbaniirra dimokiraatawaa taasisuu yoo dandeenye adeemsi siyaasaa keenya gara fuulduraa bu’uura cimaa irratti akka ijaaramuuf carraa arganna kan jedhan pirezidaantittiin, mootummaanis hojiilee seeraan alaa adeemsa filannoo gufachiisuuf raawwataman seeraafi sirnaan kan sirreessu ta’a.

Sirna Haqaa

Bara kana fooyyessa mana murtiifi seerota akka fooyya’aniif gaaffiileen irratti ka’aa turan fooyyessuu irratti xiyyeeffatamee hojjetama. Fooyyessa mana murtii taasisuudhaaf karoorri waggaa sadii qabamee gara hojiitti seenameera. Hubannoo hawaasni seera irratti qabu gabbisuufis karooraan qabamee kan hojjetamu ta’uu himu.

Dinagdee

Sochii dinagdee biyyattii fooyyessuuf nageenya dinagdee maakiroo eeguu, hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuufi carraa hojii gahaa uumuu irratti xiyyeeffatamee ni hojjetama. Hojiilee invastimantiif haala mijeessuu, dhiyeessa humna ibsaa, teelekoomii, sirna loojistiksii fooyyessuufi si’eessuu, omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuufi galii sharafa alaa irraa argamu guddisuun hojiilee ijoo sagantaa fooyyeessa dinagdee biyyattii keessatti hammatamaniidha.

Kubbaaniyaawwaniifi pirojektootni sektara Teelekoomiifi Korporeeshinii Sukkaaraa jalatti argaman bara kana gartokkeedhaan ykn guutummaadhaan gara dhuunfaatti akka naanna’an ni taasifamu. Kontirobaandiifi daldala seeraan alaa sirna qabsiisuun, damee industirii fooyyessuun, omishtummaa damee ‘manifaakcheriingii’ guddisuun, rakkoo taaksii waliin dhahuufi dhoksuu ittisuun, qaala’ina gatii to’achuun hojiilee gurguddoo bara kana keessa guddina dinagdee biyyattii fooyyessuuf  raawwataman ta’uu himu.

Bu’uuraalee Misoomaa

Dhiyeessa bishaan dhugaatii qulqulluu baadiyyattis ta’e magaalaatti mirkaneessuuf akkasumas bishaan jallisii dhiyeessuuf hojjetamaa jira. Hojiin misooma jallisii guddisuu omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurra darbee carraa hojii bal’aa kan uumu ta’uu himaniiru. Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif Mudde bara 2012 Saatalaayitii gara hawaatti kan gad lakkiftu yoo ta’u, saatalaayitiin kun odeeffannoowwan qonnaa, misooma bosonaafi eegumsa naannawaa sassaabuuf kan tajaajilu ta’uun himameera.

Hirmaannaa dubartootaa

Hirmaannaa dubartootaa guddisuufi walqixxummaa saalaa mirkaneessuunis hojiilee bara kana xiyyeeffannaan irratti hojjetaman ta’uu kan himan pirezidaanti Saahlawarqi, fayyadamummaa dinagdee dubartootaafi dargaggootaa guddisuudhaafis IMXfi Waldaa Hojii Gamtaatiin akka gurmaa’an taasisuudhaan tajaajila qarshii liqii, bakka omishaafi gurgurtaa akka argatan taasisuufi aadaa qusannaa isaanii akka guddifatan taasisuuf ni hojjetama. Akkasumas sochiilee hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa keessatti bal’inaan akka hirmaatan taasisuudhaan qabsoo hiyyummaa hir’isuu keessatti gahee isaan irraa eegamu akka bahatan ni taasifama. Dhimmootni dubartootaafi dargaggootaa sektaroota hunda keessatti karaa itti gaafatamummaa qabuun akka raawwatuuf hordoffiin barbaachisu ni taasifama.

Qabeenya aadaafi Tuurizimii

Qabeenyi aadaafi tuurizimii keenya nageenya, tokkummaafi badhaadhina keenyaaf gumaacha olaanaa taasisu. Qabeenya aadaafi tuurizimii keenya kana tokkummaa, nageenya, guddina dinagdee biyyattiif sirriitti itti fayyadamuu qabna. Ayyaanotni aadaafi amantaa ummataas tokkummaa, nagaafi aadaa waljijjiiruuf akka ooluuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Hariiroofi dipilomaasii alaa

Waggaa tokko darbe keessa hariiroofi dipiloomaasii alaa cimsuuf hojii raawwatameen bu’aalee hedduun galmaa’aniiru. Lammiileen Itoophiyaa biyyoota adda addaatti hidhamanii turan kuma 90 olis gara biyyaatti akka deebi’an ta’eera. Itoophiyaafi Ertiraaniis walitti araaramaniiru. Hariiroo Itoophiyaan biyyoota ollaafi biyyoota biroo waliin taasiftu bu’aalee gama dipilomaasiitiin argaman guddisuu, waliigaltee irratti kan hundaa’u, faayidaa biyyaaleessaa dursuu, imaammata biyyoota ollaaf dursa kennu hordofuu, kabaja biyyaalessaafi lammiilee keenyaa eeguu irratti kan xiyyeeffatu ta’uu dubbatu.

Walumaagalatti bara 2012 sirna dimokiraasii, haqaafi siyaasaa fooyyessuu, tokkummaafi nageenya biyyaa mirkaneessuu, olaantummaa seeraa kabajchiisuu, guddina dinagdee fooyyessuu, walqixxummaa saalaa mirkaneessuu, hirmaannaa dargaggootaa guddisuufi qabeenya aadaafi tuurizimii nageenyaafi guddina dinagdeef oolchuufi dogoggoroota turan sirreessuun kallattiiwwan hojii ijoo bara 2012 ta’uu eeraniiru.  

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

7 Comments to “Kallattiiwwan hojii baranaa gama hundaan Itoophiyaa fuulduratti kan tarkaanfachiisuudha”

  1. Pingback: Bauc14
  2. Pingback: sunwin
  3. Pingback: Skywind Slots
  4. Pingback: faw99
  5. Pingback: free cam sites

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *