Sochii biyya lafaa irraa maal barannaa?

Dhiyeenya kana fuula sabqunnamtii garaa garaa irratti suurri armaan olii maxxanfamee ture. Namootnis waan isaanitti dhaga’aame yaada kennaniiru. Suurri kun rakkoo jeequmsaatiin uummata Sooriyaa dararfama guddaa keessa jiraniif nyaata utuu kennuu  gaaffii daa’imni tokko gaafateen gaddee doktara boo’u agarsiisa.

Daa’imni maatii isaa wajjin sababa jeequmsaatiin rakkoo keessa jiru kun doktariin kun nyaata hiraa utuu jiruu akkas jechuun gaafate, “Ani nyaata utuu hin ta’in akkan hin beelofne kan na taasisu dawaan hinjiruu? Nyaata irra isa naaf kenni” jedhe. Doktarri kunis akkuma suurri isaa mul’isu obsuu hindandeenye. Nyaata hiruu dhiisee boo’uu eegale. Sochiin Arabaa yookaan “Arab Springs” kan jedhamu ALA bara 2011tti yeroo eegale namootni miidiyaalee sab-qunnamtii hawaasaatti fayyadamuun ergaa mootummaa yeroosii buusuun barbaachisaa ta’uu walitti dabarsaa turan. Namootni gadi fageessanii utuu hin ilaaliin, qophii barbaachisaa utuu hin taasisin kaan namootaan oofamanii, kaanis faayidaa argatan herregatanii sochii kana babal’isan. Firiin isaa garuu akka miidiyaa irratti dubbataniif barreessan salphaa hintaane.

Rakkoo biyyaafi dhaloota isaanii irra darbee addunyaa irratti har’a ilaallu kana dhale. Namootni burqaa sochii kanaa turan, fageessanii utuu hin ilaalin balaa dhalootaaf galaasan, akka yaadan faayidaas waan argatan hin fakkaatu. Ibidda qabsiisanii kan nagaa fakkaatanii taa’an seenaan kan isaan hindagatne jiru. Kaanis ibidda isaan sab-qunnamtii hawaasaa irratti darbatantu namoota baay’ee gube malee harki isaanii hinmul’atne. Hundumaa irraa gara wantoota ta’an yeroo ilaalan har’a ceephoo sammuu jalaa hin miliqan.

Namootni dantaa dhuunfaa isaaniif jecha ibidda isaan qabsiisanitti fura naquun ibidda bobeessan dhalootaafi biyya isaanii qofa utuu hinta’iin dhaloota dhufu miidhanii darbaniiru. Namni biyyoota har’a rakkoo keessa jiran irraa hin baranne yoomiyyuu barachuuf nama hin dandeenyeedha. Waggaa muraasa dura Sooriyaan, Yemen, Iraaq, Liibiyaan, Misir, Afagaanistaaniifi kkf maal irra turanii? Amma immoo maal irra jiruu? Isaan irraa maal barannaa? Biyyi lafaas irraa maal barataa? Isaan kana gabaabaatti haa ilaallu.

  1. Sochii Sooriyaa

Sooriyaan gama dinagdeen jeequmsa dura dinagdee warra Awuroopaa wajjin kan walitti dhiyaattu turte. Boba’aa gabaa addunyaaf kan dhiyeessitu, nyaata barbaachisaa hunda kan ofiif omishtu,  qamadiifi jirbii gabaa addunyaaf kan dhiyeessitu, kuduraafi muduraan kan hin komatamne, burtukaanaa qulqullina qabu kan omishtu, naannoon Damaasqoofi Hooms nyaata ummataaf dhiyeessuun kan beekaman kana irraa kan ka’e baankiileen addaa addaafi inversterootni danuun biyyichatti kan seenan turte. Kana qofa utuu hin ta’in daawaa (qoricha) ummata isheef barbaachisu ofiin kan oomishtu, huccuufi meeshaalee mana keessaaf biyya ormaa kan hin ilaalle turte.

Egaa jeequmsa dura qonnaan dhibbeentaa 22, industiriin dhibbeentaa 25; daldalli dhibbeentaa 23; turizimiin dhibbeentaa 12 dinagdee  biyyattii  keessaa ga’ee qaba ture. Waliigalatti galiin biyyichaa waggaatti liiraa biliyoona 600 ture. Sooriyaan bajata mootummaa dhibbentaa 80 gibira irraa argatti. Inni irraa hafu liiraa biliyoonni 150  boba’aa  irraa  argama. Har’a garuu akkas miti. Waggaa lama fuula dura uummatni miliyooniin 5.6 ta’u biyya isaa irraa buqqa’ee biyya ormaa keessatti baqataa ta’ee jiraataa jira. Ummatni miliyoniin 6 ammoo qe’ee isaa irraa buqqa’ee  biyyicha  keessaa (internally displaced) ta’ee harka namaa eeggata.

Dinagdeen  biyyichaa  kufuu  irraa kan ka’e humni bittaa liiraa Sooriyaa walakkaa olitti gadi bu’eera. Akka isaan rakkoo kana keessaa  hin baaneef cimsee kan isaan qabaa jiru biyyoottan alaati. Iraaniifi kan ishee fakkaatan gargaarsa ni kennuuf; Raashiyaan meeshaa lolaa itti hiixatti. Mootummaan Sooriyaa hidhattoota biyyicha keessa socho’an hidhannoo hiikkachiisuuf yaalii godheen mijataafii hinjiru. Loltoota gargar caban walitti deebisuuf yaalii godheen hin milkoofne. Har’a ibsaa sababa lolaan manca’e deebisanii sirreessuuf yuuroo biliyoona 20 ol barbaada. Daa’imman miliyoona 5 ol miidhaan irra ga’eera. Isa kanaaf doolara biliyoona 1.2 waggaatti ni barbaachisa. Isa  kana  har’a Sooriyaan hin qabdu. Diinatu alaa dhufee balleesse utuu hinta’in dhaloota biyyichaatu hubannaa dhabuun diigee, gubee, mancaasee balleesse.

Biyyi keenya, geggeessitootni,  isa  kana irraa baruun gaariidha. Ani nama ilaalcha al-ta’umsa qabu miti. Garuu yeroon ilaalu biyya kana keessatti namootni akka qoosaatti wantootni isaan dubbataniifi raawwatan gatii nama kanfalchiisa; dhaloota gatii kanfalchiisa. Inni kanaan duraa nu ga’a. Inni nuti hawaasa addunyaa irraa barachaa jiru barumsa guddaadha. Hundi afaan tokkoon, sodaafi  shakkii  malee  namoota biyya kana keessattis ta’e biyya ormaa taa’anii sab-qunnamtii garaa garaatti fayyadamanii nagaa namoota dhorkan gorsuu, barsiisuufi qajeelchuu yoo irra darban ammoo sirreessuu qaba. Hojii gaarii hojjechuutti deebi’uun barbaachisaadha.

  • Yemen

Lammaffaatti Yemen irraa waan hedduu barra. Diigamsaafi dararamuu biyya kana keessatti mul’atuuf sababiin dhaloota isheeti. Biyya kana keessatti lolii Abdurabbuh Mansur Hadiifi finciltoota Hootihi jedhaman gidduutti eegaleen rakkoon guddaan ta’eera. Yeroo ammaa ummatni ishees dhibbentaan 80 ol gargaarsa barbaadu. Fakkeenyaaf Kibbi biyyichaa kan akka magaalaa Taayiz bishaan ji’atti si’a tokko qofa argatu. Bittaan gatii nyaataa yoo xiqqaate si’a shanii ol guddateera. Namni humna hinqabne guyyaatti si’a tokko nyaachuun cimaadha. Fakkeenyaaf kanaan dura riyaalii Yemenii 60 (doolaara 0. 24 USD)  har’a doolara 1.04 bitamaa jira. Jeequmsaan dura garuu haalli jireenya kana irra yoo xiqqaate si’a shanii ol fooyyee qaba.

  • Liibiyaa

Biyyi Liibiyaa sochii ‘Arab Spring’ jedhamee beekamuun duraafi sochii ta’een booda rakkoo biyyattiin keessa jirtu yoo ilaalle, kan ofii ishee qofa utuu hinta’in ollaa isheef irraa hafeera. Buufata gartuu jeeqxotaa kan akka ISIS taateetti. Egaa biyya Liibiyaa jeequmsa dura ummata isheef baasiin mana yaalaa tola ture; namoota gaa’ela dhaabbataniif doolaara kumni 50 ni kennamaaf; jallisii addunyaa kana irratti guddaa qabdi; liqiin akka biyyaatti irra hin turre; doolara biiliyoona 150 akka biyyaatti qusattee turte; boba’aan liitiriin tokko doolara 0.14 ture; mana jireenyaa qabaachuun akka mirgaatti lakkaa’amaa ture; walqixxummaan saalaa kan mirkaneeffame ture; namootni  nyaata ga’aa argachaa turan. Haala kana keessatti qophii malee sochii ta’een isa yerosii irra daran kan nama gaddisiisu ta’uu danda’eera. Nagaan ni boora’e.

Biyyi kun har’a mootummaa seera qabeessa hin qabdu. Diigamteetti. Biyya itti moototni lama walwaraanan taateetti. Biyya shororkeessitootni keessa sirban taatteetti. Kan akka ISIS magaalota biyyicha keessa addumaan gama bahaan Derna, giddu galeessaan Sirtee, Lixaan Subratha magaalota jedhaman qabatee jira. Biyyicha keessattis hojii shororkeessummaa ciccimaa danuu raawwateera. Buufata xiyyaaraa Mitiga dabalatee hidhattootni isaa  hojii hamaa irratti hirmaataniiru. Nama butuu, akka tasaa miidhuu, ajjeesuu, karaa cufuu, ibsaa mancaasuufi kkf irratti bobbaa’aniiru. Magaalotni akka Benghazi guutummaa guutuutti diigamaniiru. Mootummaan Tiriipoollii geggeessaa jirus taanaan beekamtii mootummoota addunyaa biraa hin qabu. Nagaan badeera.

Harka isaaniitiin diiganii deebi’anii ijaaruu dadhaban. Jireenyi humna namaa ol ta’ee jiraachuu dadhabaniiru. Dawaan gabaa irraa badeera. Namootni dhukkubsatan Tuuniziyaatti yaalamuuf dirqisiifamaniiru. Embasiin biyyoota addaa addaa keessumaa kan biyyoottan lixaa erga cufamee turuu irraa kan ka’e biyya Awurooppaafi Ameerikaa dhaquun hundumaa irra itti cimee jira. Kanaaf namni sababa addaaf biyya gara lixaa deemuu barbaadu Tuuniziyaa dhaqee Visa gaafachuu barbaachisa. Boba’aan kanaan dura galii guddaa galchaa ture dhibbentaa 30 oliin gadi bu’eera. Miindaan hojjetaaf yoo tole ji’a sadiitti kennamaaf. Pirojektotni jeequmsa dura eegalan akka yerootti hin dhumneef mi’i hojiif qophaa’an ligida’anii badaniiru. Namootni miliyoniin tokko biyya Misiriifi Tuuniziyaatti koolu galtoota ta’aniiru. Kaanis biyya isaanii keessatti buqqa’oo ta’aniiru. Barataan barachuuf nageenyi mirkaneeffame hin jiru.

Sababan ani kana hundumaa kaaseef, akka tasaatti rakkoo nuti uumnu iji isaa daran hadhaa’aadha. Isa har’a diignu bor ijaaruun salphaa miti. Yeroo ergaan addaa addaa mootummaa dabalatee darbu gadi fageenyaan itti yaaduu malee yeroosuma jalaa qabuun balaa hamaadha. Wantootni biyya hedduu diigan waan guddaa hin turre. Ergaa xiqqoo sab-qunnamtii hawaasummaa irratti gadi dhiifamteedha. Inni kun nuunis akka gatii nu hin baasifneef ammaa qabnee itti yaaduu, hamtootafi namoota hubannaa malee badiisaaf qophaa’anii dhaloota badiisaaf qopheessan irraa fagaachuun barbaachisaadha. Geggeessitootnis gama isaaniin gar-malee dubbachuu,  seeraan ala murteessuufi kkf irraa of qusachuun barbaachisaadha.

Zarihun Gabree

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

7 Comments to “Sochii biyya lafaa irraa maal barannaa?”

  1. Pingback: Chicken Drumstick
  2. Pingback: 보증업체

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *