Dhukkuba Asmii

Dhukkubni asmii hawaasa keesatti daran beekamaa kan ta’eefi hawaasa bal’aa kan hubuudha. Dhukkubni kun bakkaa bakkatti argamni (baay’inni) isaa addaa adda yoo ta’u, naannawa tokkotti baay’inaan kan hubu, hawaasa naannawa biraatti ammoo xiqqaatee argama.

Argamni dhukkuba kanaa biyya keenya keessatti sirriitti beekamuu baatus, Ameerikaatti guutummaa ummata biyyattii keessaa %7 kan ta’an dhukkuba kanaan kan hubamaniidha. Namoonni lakkoofsaan xiqqaa hintaanes sababa dhukkuba kanaatiin waggaa waggaatti lubbuunsaanii ni darba.

Dhukkubni asmii maalii?

Dhukkubni asmii, dhukkuba ujummoo qilleensaa kan qilleensa gara sombaa geessuufi ujummoolee qilleensaa somba keessatti argaman kan hubuudha. Dhukkubni kun kan nama qabu yoo ujummooleen qilleensaa kunniin bal’inaan (diyaametriin) hir’atanii sirriitti qilleensa deddeebisuu dadhabnidha.

Bal’inni ujummoolee qilleensaa kunis kan hir’atu yoo kulkula (inflammation) godhatuufi dhangala’aa furdaa (mucus) kan nama fayyaa caalaatti maddisiisuudha. Ujummoon qilleensaa dhiphateefi dhangala’aa furdaa (mucus) kanaan guutame keessa qilleensi akka garaa olseenuufi gadi bahuu hindanda’u. Kanarraa kan ka’e namoonni rakkoo kanaan qabaman mallattoo garagaraa argisiisuu eegalu.

Dhukkuba kana maaltu namatti fida?

Dhukkuba kana maaltu akka namatti fidu haga ammaatti kana jedhanii adda baafachuun hindanda’ame. Ta’us garuu wantoonni dhukkuba kanaaf nama saaxilu jedhaman keessaa kanneen akka:  

  • Firoota dhiigaa dhukkuba asmii kanaan qabaman qabaachuu
  • Dhukkubootaa alarjii kanneen biroo qabaachuu (kanneen akka alarjii gogaafi saynasii)
  • Ulfaatinni qaamaa garmalee dabaluu, tamboo aarsuufi namoota tamboo aarsan cinatti argamuudhaan aara tamboo isaaniirraa ka’uuf saaxilamuu (passive smokers)
  • Sababa hojii irraanis ta’e kan biroo keemikaalota warshaalee adda addaa irraa maddaniif saaxilamuu.

Mallattoowwan dhukkuba kanaa maal fa’i?

Mallattoowwan dhukkuba kanaa keessaa muraasni: qufaasisaa (keessumaa halkan halkaniifi yeroo qorraa ykn diilallaa), yeroo afuura baafatan sagaleen xiixuu dhaga’amuu, afuura baafachuu dadhabuu ykn afuurri nama cituufi kkfdha.

Dhukkubni kun ciminni isaa namaa namatti hedduu kan walcaaluufi namoota kanneeniif salphaa ta’ee kan mallattoo xixiqqoo qofa argisiisuufi kanneen biroof ammoo kan afuura baafachuu dhorkee haga hojii idilee dhorkuufi lubbuu galaafachuutti kan deemuudha.

Dhukkubni asmii kun kan nama dhukkubsu yokaan mallattoo argisiisu yeroo hedduu walitti fufiinsaan osoo hin taane gidduu giduutti boqonnaa kennaa yeroo kaan namatti cimaa, yeroo kaan immoo mallattoon isaa kan hir’atudha. Dhukkubni kun yoo namatti dammaqu mallattoo armaan olitti ibsaman kana haala baay’ee cimaa ta’een argisiisa. Namoonni dhukkuba kanaan dhukkubsatan hedduun dhukkubicha kana kan isaanitti dammaqsu ni beeku.

Dhukkuba kana maaltu namatti dammaqsuu/kakaasuu danda’a?

Qaamni keenya uumamaan wantoota alagaa ta’an ofirraa lola. Ujummoon qilleensaa keenyas qaama keenya keessaa tokko waan ta’eef akkasuma. Ujummoon qilleensaa kan warra dhukkuba kana qabanii addumatti waantoota tokko tokkotti yoo ba’u loluudhaan bal’inni isaa ni dhiphata, dhangala’aa armaan olitti ibsame sana gadi lakkisa. Wantootni qaamni isaanii lolu kun ‘allergen’ jedhamu. Ujummoon nama isa fayyaa isaan waliin wal hin lolu, qaamni warra dhukkuba asmii qabanii ammoo ni lola.

Kanneen qaamni keenya lolu kana keessaa muraasni: Qilleensa qorraa, qilleensa gogaa, harca’a daraaraa garagaraa fi wantoota xixiqqoo qilleensa keessa jiran kanneen biroo, foolii cimaa (ajaa ykn urgaa), taamboo aarsuu ykn aara tamboof saaxilamuu, dhukkee (dust), infekshinoota ujummoo qilleensaa akka dhukkuboota akka qufaa fi infekshinii sombaa kan biroo, sammuun dhiphachuu (stress), aara qoraan boba’uu, foolii bineeldota manaa, foolii ilbisoota garagaraa, qorichoota dhukkuba biraaf kennaman tokko tokko, sochii qaamaafi kkf.

Dhukkuba kana akkamiin ittisuun yaalamuun danda’amaa?

Waa’ee wantoota dhukkuba asmii namatti kaasan kanaa kaasuun kan barbaachiseef akkuma beekamu qorichi dhukkuba asmii hundee irraa fayyisu hin argamne, garuu to’achuufi akka namatti hin dammaqne gochuun ni danda’ama. Qorichoonni mallattoolee asmii to’atan (controllers) kan yeroo dheeraafi gabaabaa gosa hedduutu jiru. Qorichoonni kun gosaan akkaataa cimina dhukkuba asmii namni yaalamu sun qabu irraatti hundaa’ee addaa addaa kan ta’ee fi walitti fufiinsaan yokaan yeroo dhukkubni asmii kun namatti ka’u qofa kan fudhataman ta’uu malu.

Qorichoota mana yaalaa irraa dhukkuba kanaaf kennaman haalaan fudhachuun dhukkuba kana to’achuun ni danda’ama. Qorichoota kana biratti namni dhukkuba kanaan qabame waantoota isatti dammaqsan yoo beeke waantoota sana hambisuu (avoid) gochuu qaba.

Fakkeenyaaf yoo qilleensa qorraa jibba ta’e afaan ofiitti marata yokaan kafana wayii godhatanii deemuun hedduu gargaara. Waan nutti kaasu beeknee irraa of eeguun waan salphaa miti, carraa qoricha cimaa fudhachuufi hospitaala ciisuu irraa dhukkubsataa kana baraara.

Yoo tamboo kan aarsinu ta’e dhiisuu akkasumas namoota tamboo aarsan irraa fagaachuunis barbaachisaadha. Namootni tokko tokko garuu maaltu akka isaanitti kaasu waan hinbeekamneef irraa  fagaachuuf rakkisaadha.

Asmiin nama tokkorraa gara nama biraatti darbuu danda’aa?

Hawaasa keessatti yeroo tokko tokko asmiin namarraa namatti qufaadhaan ni darba jedhamee yaadama. Kun dogoggora yoo ta’u, asmiin dhukkubsataa tokkorraa kan biraatti karaa kamiinuu hindarbu.

Hidda dhiigaa (genetics) dhaan garuu hamma xiqqoo maatii irraa dhalatti darbuu danda’a. Kana jechuun garuu yoo abbaaf haati asmii qabaatan mucaan ni qabata jechuu osoo hintaanee warra kaan irra caalaa carraan dhukkuba asmii kanaan qabamuu isaa/ishee qaba jechuudha.

Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an,
Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Qiddus Phaawuloosiitti
baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

6 Comments to “Dhukkuba Asmii”

  1. Pingback: Vape carts
  2. Pingback: klik dultogel

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *