Kutaa 2fa
Dubbistootaa, torban mataduree kana jalatti haala moggaasa Magaalaa Finfinneetiin jalqabnee dhimmoota ijoo danuu isiin dubbisiisuun keenya ni yaadatama. Maxxansa kanaan kutaa ittaanu isin biraan geenya. Dubbisa gaarii!
Mootii Minilik II waranaafi duula guddaa Oromoota Tuulamaarratti erga gaggeessee booda saamicha walirraa hincinne gochaa malee Aadaafi duudhan Oromoo akka addaan citu godhe Gadaafi Irreechi akka hinraawwanne dhorke. Wiirtuuwwan ajajaa waaranaa ijarachuu qabe. Naannoon qubattootaa kunis dhawaataan magaalaa ta’uu eegalan. Magaalonni kunniin duraan wiirtuu waraanaa ta’uun tajaajilaa kennaa kan turan yoo ta’u yeroo booda garuu teessoo mootummaa ta’aa dhufan. Aadaan dhalattoota naannawichaas dhiibamuu qofa otoo hinta’in dhorkamuus qabe. Kanarraa ka’uun Irreechi Finfinnee akka dhaabatu ta’e. Magaalota bara mootii Minilik II naannawa Tuulamaatti hundeeffaman keessaa tokko tokkoosaanii kanneen armaan gadiiti.
- Lichee
- Boolla Warqee (Dabra Birihaan)
- Dildila (Inxooxxoo)
- Finfinnee
- Holotaa (Holataa Gannat)
- Ejeree/ Addis Alam/
- Faallee
- Fiicheefi kkf
Iddoowwan kunniin duraan wiirtuu waraanaafi ajaja abbootii waraanaa Minilik II turan. Kunis, bara 1862 hanga bara 1875 yoo ta’u, yeroon kun bara humni mootii Minilik II itti cimaa tureefi Oromiyaa mara dhuunfachuuf waraanaan itti socho’aa tureedha.
Weeraraafi saamicha biyya Oromoo balleessan kanaan booda bara 1878 keessa sochii guddaa Oromoota gara bahaa jiran to’achuuf yeroo socho’ametti naannoon Finfinnee (Tuulamaa) mo’atamuun waan tasgabbaa’eef yeroo misoomni magaalota naannawaa to’atanitti eegalamee ture.
Mootichi Minilik II Inxooxxoo (Dildilarra) qubatee waggoota 12 ol erga jiraatee booda naannoon sun jiraattota haaraadhaan dhiphachaa waan dhufeef dhawaataan gara Gullalleetti babal’achuu eegalan.
Bara 1879 keessa yeroo mootichi duulaaf gara Harargee deeman haati warraasaanii, Xaayituu Buxul Hora Finfinneetti dhiqachuuf gara kanatti deddeebi’uu eegalte. Yeroo kanatti qorra Baddaa Xiixaa (Dildilaa) waan jibbiteef naannawa Finfinnee sana waan jaalatteef teessoo haaraa achitti ijaaruu eegalte.
Iddoo Hora Finfinnee sanattis ‘Ilillii’ ykn abaaboo haaraa waan argatteef Afaan Amaaraatiin ‘Addis Ababaa’ jettee moggaaste jedhama. Naannoo sanattis Raas Goobanaa wajjin ta’uun hanga mootichi Hararii deebi’anitti araddaa warra Duulaa Ara’ee irraa buqqa’anirratti Masaraa tokko ijaaruun, mooticha simatan. Hojiin kunis, kan eegale Sadaasa bara 1879 keessatti waan ta’eef barri kun bara Magaalaan Finfinnee ‘Addis Ababaa’ jedhamtee ifatti hundeeffamte jedhanii dubbatu. Kunis amma waggoota 130 ta’uusaati. Dhimma kana barreessitoonni warra Abisiiniyaallee dhugaa ba’u.
Fakkeenyaaf Hiruy Waldasillaassee (1920) magaalaan Finfinnee kan har’a Addis Ababaa jedhamtu Finfinnee akka jedhamaa turteefi lafa Oromoon Tuulamaa irra jiraachaa turte ta’uu ibsa. Iddoon Finfinneen itti hundoofte Tulluu Daalattii lafa “Dhagaa Araaraa” jedhamutti yoo ta’u, iddoon kun amma lafa Masaraan Mootii Minilik II itti argamuudha.
Mootii Minilik II hanga du’isaanii bara 1906tti waggoota 25f Masaraa kana keessa jiraatanii kan du’aan darban yoo ta’u, kan magaalattii hundeessite haati warraa mootichaa Xaayituun gara Inxooxxoo (Dildilaatti) ari’amtee erga duute booda achuma naannawa Masaraa sanaatti Abbaa warraashee, mooticha Minilik II biratti awwaalamte.
Xaayituu waliin ta’uun araddaa warra Duula Ara’eerratti kan magaalaa Finfinnee hundeesse Raas Goobanaan garuu achii gara Faalleetti deemanii osoo jiraatanii bara 1886n dura boqotanii awwaalchisaanii garuu Salaale ‘Zeegamalitti’ akka ta’e beekama. Finfinneen yoo hundeeffamtu gandoonnishee waliin hundeeffaman Daalattii, Araadaa, Qeeraa, Dajjaazmaach Wubee, Awwaaree, Sarraatanyaa Safar (Gaattiraa)fi Qabbannaa qofatu magaalaa ture malee iddoowwan hafan marti baadiyyaafi lafa qonnaa turan. Naannoo kana qubatani kan jiraachaa turan Oromoota tuulamaa yoo ta’an isaan keessa gosoota torban Oboofi Galaani.
1.Latiinsa Tuulamaa Sadanii
Daaccii Bacho Jiille
Iluu-3 meettaa-8 waajitu-9 Garasuu-9 Keekku-3 Uru-9
Goona-13 Guusa-5 Looyya-3 Warre-3 Siiba-5 Gindo-7
Galaan-6 Oboo-7 Sooddo-3
1.Jidda-5 1.Gumbichu-4 1.Oditu-5
2.Liiban-2 2. Gullallee-10 2.Liiban-2
3Aabbu-3 3.Oborii-3 3.Tum’e-2
4.Ada’a-3 4.Yaayya-3
5.Warra Jaarsaa-4 5.Eekka-3
6.Gaadulla-6 6.Digalu-2
7.Gamu- 2
Taattoo 2: Latiinsa Galaan
Galaan –6 24
Jidda-5 Liiban –2 Aabbu-3 Warra Jaarsaa –4 Ada’a-3 Gaadulla –6
1.Kura 1.Tum’e 1. Siiba 1. Maaruu 1. Handa 1. Mandadaa
2.Gaaliyyii 2. Oborraa 2. Amuuma 2. Amuuma 2. Dhakkuu 2. Badheessaa
3.Keekku 3. Iddooroo 3. Babbaa 3. Iluu 3. Keerjajii
4.Arabsaa 4. Bitoo 4. Moomajii
5.Dooyyoo 5. Jeedhaa
6. Buusii[1]
Gosa Gullallee
Beeroo Aabbuu
1. Raasoo 1. Yooyyuu
2. Fulleelle 2. Oliyyee
3. Dhaayee 3.Mana Gullallee/Fittaal/
4. Sayyoo 4. Kuraabuu
5. Areellee 5. Amuuma Daacci
Obo-7
Gumbichuu-4 Gullallee-10 Oborii-3 Yaayyaa-3 Eekkaa- 3 Diigaluu- 2 Gaamuu -2
1. Sayyo Mana Beeroo-5 1. Igguu 1. Deeddee 1. Koonnoo 1. Arrojjii 1. Biilaa
2. Akaakoo 1. Raasoo 2. Qaashimii 2. Buuyyamaa 2. Akaakoo 2. 2. Siiba
3. Bonayyaa 2. Fulleellee 3. Manqaata 3. Soolee 3. Madaroo
4. Manabichuu 3. Dhaayyee
4. Sayyo
5. Arreellee
Mana Aabbuu
6.Yooyyuu
7. Oliyyee
8. Mangullallee
9. Kuraabbuu
10. Amuuma
Finfinneefi Gosa Eekkaa
Oromoonni Finfinnee keessa qubatan kan biraa gosa Eekkati. Isaaniis Tuulama kaabaatii kaasee hanga kibbaatti kan mul’atan yoo ta’an, qubannaansaaniis akka armaan gadiitti tarreeffameera. Gosa Eekkaa torban Oboo, keessa Malkaa Qabbanaa hanga Laga Xaafoo Laga Daadhiitti kan jiruudha.[2] Finfinnee keessatti karaa bahaatiin kan qubatan gosa Eekkaati.
Eekkaan gosa Oboo keessaa mana sadii kan qabu yoo ta’u, gosa Tuulamaa iddoowwan adda addaa qubatee kan jiruudha. Eekkaan gosa sadii kan qabu yoo ta’u, isaanis Eekkaa Koonnoo, Eekkaa Akaakoofi Eekkaa Madaroo jedhamu. Gosni Eekkaa torban Oboofi Galaan waliin walkeessa kan qubatan yoo ta’u, hoggansi sirna Gadaa erga laafaa dhufee booda Abbootii biyyaatiin bulaa dhufe. Haaluma kanaan Abbaan biyyaa, Eekkaan naannawa Finfinnee tokkoo Tufaa Munaa Ture.
Bara Tufaa Munaafi Abbaansaa aangoorra turan Mootii Miniliik Oromiyaa weeraruu eegale. Akkaataa Mootiin Miniliik Gosoota Oromoo Tuulamaa Gumbichuu, Eekkaafi Gullaallee itti weerare.
Obbo Alamayyoo Hayileetiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 24/2012
8 Comments to “Irreecha Horaa Finfinnee”