Faaruu, uffannaafi tartiiba adeemsaa Guyyaa Irreechaa

Maarehoo: Faaruu kana dubartiinis dhiirriis walumaan faarsaa deemu. Namni tokko ni dha’ata. Namoonni kuun jalaa qabu. Yoo jalaa qabanis  ‘maree-hoo maree-hoo’ jedhu. Hoo yaa maree -hoo! jecha jedhu irra deddeebi’anii qabu.

Kan buusu: Kan jalaa qabus

Kan jalaa qabus: Hawooyaa mareehoo! Jedhee jalaa qaba.

Kan buusu: Maree – hoo! x 2

Kan jalaa qabus: Maree -hoo! x 2

Kan buusu: Yaa waaq malkaa uumte yaamareehoo!

Kan jalaa qabu: Hawooyaa mareehoo! Jechaa haaluma kanaan ittifufu.

Mareehoo x 2 irreecha  harkaa qabna yaa mareehoo!

Mareehoo x 2 Yaa waaq nutti araarami yaa mareehoo!

Mareehoo x 2 Irreecha duraa oba haa mareehoo!

Mareehoo x 2 Sumaafan badii oole haa mareehoo!

Mareehoo x 2 Yaa waaq tulluu uumte haa mareehoo!

Mareehoo x 2 Yaa waaq dachee uumte haa mareehoo!

Mareehoo x 2 Yaa waaq birraa uumte haa mareehoo!

Mareehoo x 2 Maree fardi hindalagu haa mareehoo!

Hawooyaa mare hoo! jechaa deemu.

Gabbisayyoo

Gabbisayyoon faaruu warri gadaafi maanguddoonni faarsaniidha. Faaruu kana caalaatti oggaa Gadaan godaanuufi yeroo sirna goodaannaa raawwatan faarfatu. Kana jechuun abbootiin Gadaa irreecharrattis ni faarfatu jechuudha. Faaruu Gabbisayyoo namni tokko yoo irra buusu, namoonni kuun immoo jalaa qabu. Walaloonsaas mana rukuta. Kan taphatu warra dhiiraati.

Gabbisayyoo hoo………..hoo… hayee roobee leeshaan sobbooqa daraaree. Kan jalaa qabus kanuma irra deddeebi’ee jalaa qaba.

Roobee lafa nuu gahee hoo.

Yaa waaq situu nuu nahee hoo

Hayee roobee roobe gabbise

Odaan nabee dalga looyee hoo

Karraaf ilmoo sitti booyee hoo

Hayee roobee ayeetuu kanaa

Odaa qaccee dalga ciisee hoo

Karraafi ilmoo siittan dhiiseehoo

Hayyee roobe leshaan sobooqa daraare.

Gadaan koo godaansi odaa hoo

Oromoo arrabni hoodaa hoo

Hayyee roobee roobe ayeetuu kanaa

Gabbiisayyoo…hoo…hoo

Hayyee roobee roobe haroo garba gate.

Gabbisayyoo hoo hoo gadaan hooda birbirsi hooda Booranaa

Roobee magarsee qaxxisaan latee hoo

Roobee gabbise falfalaan bade hoo

Aadaan hooda kallachi hooda waaq-lafaa

Irrana cuqqeen ni mul’ataa hoo

Oromoon Waaqaan dubbataa hoo

Odaan hoodaa kallachi hooda Booranaa

Dambalii birbirsi latee hoo

Roobee falfalaan bade hoo

Odaan hodaa birbirsi hooda booranaa

Odaa nabee yaa kurfoo koo hoo

Gadaa Aabboo ya kurfoo koo hoo

Hayyee roobee roobee ayeetu kanaa jechaa deemu.

Faaruu Ateetee

Dubartoota qofatu haala armaan gadiin jechaa deema.

Ateetee seerarraan owwaatte aayyoon

Ateetee Bokkuurraan owwaatte aayyoon

Ateetee Raagarraan owwaatte jabboon

Ateetee Loon jalaa owwaattee jabboon

Ateetee Beekaarraan owwaatte aayyoon

Ateetee Fardarraan bashaadde jabduun

Ateetee Waatarraan gadaarraan owwaattee aayyoon

Ateetee Gadaarraan ragaarraan angaate aayyoon

Ateetee Jabaarraan owwaatte aayyoon

Faaruu kana namni tokko yoo jedhu kuun isuma ishiin jette san jalaa qabu. Akkasumas yeroo irreecha dhaqaniifi Waaqa kadhatan ni faarfatu.

Dabalataanis irreecharratti faaruwwan kanneen dabalatee sirboonni aadaa dargagootaafi shamarran kutaalee Oromiyaa garagaraarraa dhufaniin aadaasaanii irratti hudaa’uun ni shubbisama.

Tartiiba deemsaa

Irreechaaf yoo gara horaa deeman, deemsisaa seera mataasaa qaba. Innis garee gareedhaan kan qoodameedha.

  1. Garee abbootii Gadaa: Haadholii ulfaa, abbaa malkaafi maanguddoota: Haati malkaafi haadholiin Gadaa, warri ulfaa qabu, maanguddoofi beerran ulfaa hunda of duura aansanii marsanii mareehoo, jechaa deemu.
  2. Garee shamarranii: Gareen kun yeroo baay’ee durba waan ta’aniif abbootii Gadaafi warra ulfaa dursanii akka deeman eeyyamamaaf. Dubarri duudaan seera Gadaa keessatti mallattoo araaraati. Gumaa baasuuf  yoo deeman durba duudaa qabatanii dhaqu. Guyyaa irreechaas shamarraniif iddoo olaanaatu kennama.
  3. Garee foollee: Caasaa Gadaa keessatti warri sadarkaa foollee irra jiran, namootni warra ulfaa akka hindaddarbine bitaa mirgaan irraa dhowwaa sirba foollee foollisaa deemu. Gaheesaanii akka poolisii ammayyaatti tajaajila kennuudha.
  4. Garee warra fardaa: Warri fardaa akkuma baay’ina isaaniitiin garee lamaa sadii ta’uu danda’u. Fardarraa taa’anii dheechisaa deemu.

Haala uffannaa Aadaa

Uffanni aadaa guyyaa irreechaa uffatamu adda. Garee hundayyuu kan adda godhu faayaafi meeshaa qabatan dabalatee mallattoo mataasaanii qabu.

Fakkeenyaaf, abbootiin Gadaa adiifi gubbaarraan bullukkoo kuula adda addaa qabu uffatu. Garuu caalaatti kan kuula faajjii Gadaa (gurraacha, diimaa, adii) qabu uffatu. Harkatti kan qabatan alangee seeraa, bokkuu (ulee aadaa)fi irreecha qabatu. Manguddoonni immoo ulee qal’oo ciraafi irreecha qabatu. Wayyaansaanii adiidha. Abbaan Malkaas kanuma garee kanaan walfakkaatu uffata. Abbootiin Gada haala kanaan galma abbaa Gadaatii erga bahanii booda irreecha qabatu.

Uffata haadholii ulfaa

Siiqqeenis akka itti qabatan qaba. Akkuma abbootiin Gadaa gateettii mirgaatti qabatan haadholiinis oggaa deeman haala kanaan qabatu.

Haati caaccuu uffata gubbaarraan caaccuu baatti. Harkatti siiqqee, okolee, gaadii, marga jiidhaafi daraaraa qabatti. Haadholiin hundi waan caacuudhaan ala jiru uffatni walfakkaata. Uffata adii uffatu. Faayaan mormaa callee halluuwwan adda adaa qabuudha. Calleen haadholii kan akaakilee abaabilee irraa dhaalan waan ta’eef akka ulfaatti ilaalama. Shamarran hinheeruminiif faaya. Kuulli wayyaa haadholii kan abbootii Gadaa wajjin yoo walfakkaatu isaanis haadha caaccuu waa’elchanii deemu.

Uffata warra foollee

Gareen kun uffata warraa kaaniirraa adda. Gonfoorratti baallii suuqqatu (baalliin mallattoo foolleeti). Uffatni kootii, kittaafi hidhaan dheeraa ykn gabaabaa uffatu. Uffatnisaanii baay’eensaa uffata hojiitiin walfakkaata. Kuun immoo adii uuffatu. Catee (daabee jaldeessaa) mataatti kaayyatu. Kana kan qabutu kaawwata.

Kallee gubbaarraan uffatu. Waantaa (gaachana)  qabatu. Ulee shimalaa ykn harooressa  ykn kan argatan qabatu.

Uffata warra fardaa

Uffatni warra fardaa, warra foolleetiin kan walfakkaatu ta’ee wanti dabalataan isaan qabatan ulee, darbannaa, miilatti gambaallee fardaa faayameedha. Warrii fardaa nama foollee ta’e malee baalli hinsuuqqatan. Akkasumas waantaa qabatu. Kallee qeerransaa yookiin leencaas uffatu.

Uffata warra Ayyaantota

Ayyaantoonni immoo uffata adda isaan godhu qabu. Uffata adiirraan kallee leencaa ni uffatu. Waanti mataatti kaawwatan kan kalleen walfakkaatu ta’ee, faaya kan qabuudha. Bakka Irreeffannaa haala kanaan dhufu jechuu miti.

Uffata shamarranii

Hunda caalaa uffatni guyyaa irreechaa ija namaa harkisu kan shamarraniiti. Faaya mataarraa kaasee kan jiru uffata isaanii dabalatee halluuwwan adda addaa kan qabuudha. Faayaan mataa, kan mormaafi harkaa, callee halluuwwan adda addaa qabuun kan tolfameedha. Faayaan callee mataafi mormatti hidhatan baay’eensaa halluu faajjii Gadaa: Gurraacha diimaafi adiidha. Kuulli qoloosaaniis halluudhuma kana qaba. Harkatti margaafi daraaraa qabatu.

Maddi: Kitaaba ‘Irreechaa’ kan Obbo Caalaa Sooriitiin katabame.

Sinqinash Alamuutiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 24/2012

Recommended For You

178 Comments to “Faaruu, uffannaafi tartiiba adeemsaa Guyyaa Irreechaa”

  1. Pingback: แทงบอล
  2. Pingback: steenslagfolie
  3. Pingback: Continued
  4. Pingback: โคมไฟ
  5. Pingback: aroundtravel
  6. rybelsus pill [url=https://rybelsus.shop/#]cheapest rybelsus pills[/url] buy semaglutide online

  7. buy cheap ozempic [url=https://ozempic.art/#]ozempic generic[/url] Ozempic without insurance

  8. buy semaglutide pills [url=https://rybelsus.shop/#]rybelsus price[/url] rybelsus coupon

  9. buy cheap ozempic [url=https://ozempic.art/#]Ozempic without insurance[/url] ozempic coupon

  10. semaglutide cost [url=https://rybelsus.shop/#]cheapest rybelsus pills[/url] rybelsus cost

  11. semaglutide cost [url=http://rybelsus.shop/#]cheapest rybelsus pills[/url] semaglutide online

  12. semaglutide cost [url=https://rybelsus.shop/#]rybelsus price[/url] buy rybelsus online

  13. semaglutide tablets [url=https://rybelsus.shop/#]rybelsus coupon[/url] buy rybelsus online

  14. пин ап казино [url=http://pinupkz.tech/#]пин ап казино[/url] pin up

  15. пин ап [url=https://pinupkz.tech/#]пин ап казино вход[/url] pin up казино

  16. пин ап 634 [url=https://pinupkz.tech/#]пин ап казино вход[/url] пин ап

  17. pharmacy website india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]top online pharmacy india[/url] cheapest online pharmacy india

  18. order Rybelsus [url=https://rybelsus.icu/#]order Rybelsus[/url] Semaglutide pharmacy price

  19. plavix best price [url=https://clopidogrel.pro/#]check clopidogrel pro[/url] buy clopidogrel bisulfate

  20. п»їplavix generic [url=https://clopidogrel.pro/#]here[/url] buy Clopidogrel over the counter

  21. price of ivermectin [url=http://stromectol1st.shop/#]buy online[/url] п»їwhere to buy stromectol online

  22. order minocycline 100mg online [url=https://stromectol1st.shop/#]best price shop[/url] minocycline 100mg without a doctor

  23. Buy semaglutide [url=https://rybelsus.icu/#]rybelsus price[/url] Semaglutide pharmacy price

  24. antiplatelet drug [url=http://clopidogrel.pro/#]generic pills[/url] Plavix generic price

  25. cheap plavix antiplatelet drug [url=http://clopidogrel.pro/#]best price on generic[/url] plavix medication

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *