Dhukkuba tiibii (tuberculsosi)

Kutaa 2fa

Mallattoolee akkamii argisiisaa? Yeroo hedduu hawaasa keessatti dhukkuba tiibii kan jedhamu yoo namni qufaa/qufaasisaa qabaate qofa. Haa ta’u malee tiibiin mallattoolee hedduu kana jechuun namatti ulfaatuufi qaama namaa keessaa kam akka hube irratti hundaa’u baay’inaan hedduu ta’an argisiisa.

Walumaagalatti garuu tiibiin qaama namaa keessaa kamiyyuu yoo qabate mallattoo akka: halkan halkan dafqisiisuu, nyaata jibbisiisuu, ulfaatina qaamaa gadi buusuu (huqqisuu), qaama ho’isuufi miirri fayyummaa namatti dhaga’amuu dhiisuu argisiisa.

Mallattoowwan armaan olitti kaafne kunniin dhukkuboota biroorrattillee mul’achuu waan malaniif, yoo ofirratti argine gara mana yaalaa deemuun adda baafannee yaalamuun dirqama. Dhukkubni tiibii mana yaalaatti dhukkuboota kanneen biroorraa maaliin adda ba’aa?

Dhukkubni tiibii yeroo heddu dhukkuboota biroo waliin waan walfakkaatuuf qoricha osoo hinjalqabiin dura mana yaalaatti qorannaan adda baasu ni geggeeffama. Kunis qaama tiibiin hube sanarratti hundaa’uun ta’a. Namni tiibii sombaa qabuufi qufa’u, waan yoo qufa’u ba’u (akkittaa) fudhachuun baakteeriyaa tiibii kana maayikirooskooppii fayyadamuun keessa ilaaluufi raajii (x-ray) qomaa kaasuudhaan sombi akka hubame ilaaluudhaan qoratama.

Kan tiibii xannacha liimfii qabullee akkasuma xannacha hubame sanarraa waan xiqqoo fudhachuu ykn guutummaatti muranii fudhachuudhaan qorachuun ni danda’ama. Haa ta’u malee qorannoon kamuu dhukkuba tiibii kana dhibbaan dhibbatti adda baasuu waan hin dandeenyeef, yeroo tokko tokko hakiimni ykn ogeessi yaalu murteessee qoricha jalqabsiisuu mala.

Dhukkubni tiibii haala kamiin yaalamaa? Dhukkubni tiibii akkuma infeekshinoota biroo qoricha kan qabu yoo ta’u, qorichi tiibiif kennamu akka infeekshinoota kanneen biroo torbanootaaf osoo hintaane ji’ootaaf kennama.

Tiibiin nama qabate kan qoricha waliin walbare miti yoo ta’e yeroo hedduu qorichi ji’a ja’aaf fudhatama. Qorichi kennamu kunis ji’a jalqabaa lamaan qorichoota akaakuuwwan afurirraa kan tolfame yoo ta’u, ji’oota afran hafaniif ammoo qoricha akaakuuwwan lamarraa tolfametu fudhatama.

Qoricha tiibii seeraan fudhachuu dhiisuun maal namatti fidaa? Qoricha tiibiif kenname tasumaa addaan kutuun sirrii miti. Qorichoonni tiibiif kennaman yeroo tokko tokko mallattoo miidhaa cinaa (‘side effects’) argisiisuu malu.

Kanneen keessas kan akka fincaan garmalee diimessuu, oldeebisuu ykn haqqee, garaa dhukkubbii, miilli nama gubuu, gogaarratti mallattoolee tokko tokko mul’isuu, halluu ijaa jijjiiruu, dhageettii gurraa hubuuufi kkf fa’i.

Namni qoricha tiibii kana fudhatu yoo mallattoowwan kanneen ofirratti arge, gara mana yaalaa deemee ogeessa fayyaa waliin mari’achuu qaba malee tasumaa qoricha addaan kutuu hinqabu. Namni qoicha tiibii fudhatu yoo qoricha osoo hinxumuriin addaan dhaabe, ykn akkaataa ogeessi fayyaa ajajetti fudhachuu dhiisee yoo kan addaan kukkutu ta’e carraan baakteeriyaan tiibii sun qoricha waliin walbaruu olka’aa ta’a.

Dhukkuba tiibii qoricha waliin walbare yaaluuf ammoo yeroo ji’oota 18 haga 24 (waggaa lama) waan barbaaduuf, jalqaba of eeggachuutu gaarii ta’a. Dhukkuba tiibii qoricha waliin walbare jechuun maal jechuudhaa? Dhukkuba tiibii qoricha waliin walbare gaafa jedhamu ni dhaga’ama.

Dhukkubni tiibii akkuma dhukkuboota tokko tokkoo qoricha tiibii waliin walbaruudhaan, yoo qoricha sana fudhatan fayyuu dhiisuu mala. Kun ammoo rakkoo cimaa hawaasa irraan ga’a. Maatii tokko keessa namni dhukkuba tiibii qoricha waliin walbare kana yoo qabaate, namootni inni dhukkuba kana itti dabarsus dhukkubuma akaakuu sana (kan qoricha waliin walbare) qabamu.

Dhukkubni tiibii qoricha waliin walbare kun ciminaan kan walcaalu yoo ta’u, kan baay’ee cimaa ta’e qorichoota hedduu waliin kan walbare yoo ta’eedha. Dhukkubni tiibii qoricha waliin walbare dhukkuba isa qoricha waliin wal hinbare caalaatti yaala yeroo dheeraa barbaaduufi akkasumas carraan lubbuu galaafachuusaa olka’aadha.

Namoonni carraan dhukkuba qoricha waliin walbare kanaan qabamuuf carraa olaanaa qaban: namoota kanaan dura dhukkuba tiibiin qabamanii yaalamanii yeroo lammaffaaf ykn isaa oliif itti deebi’e; namoota qorichi sirriin hinkennamneef ykn seeraan hinfudhanne; namoota sababa hojii isaanii carraa namoota tiibii qaban waliin irra deddeebi’anii walarguu qaban (akka ogeeyyii fayyaa) fa’i.

Walitti dhufeenyi dhukkuba ‘HIV/AIDs’fi dhukkuba Tiibii maali? Dhukkubni ‘HIV’ kan lubbuu namaa galaafatu ofii isaatiin osoo hintaane, dhukkuboota biroof nama saaxiluudhaani. Kanas kan taasisu sirna qaama keenya keessaa dhukkuba nurraa lolu ykn madiinummaa (‘immunity’) jedhamu akka hinhojjenne taasisuudhaan carraa dhukkuboota nama fayyaa hinhubneen hubamuu keenyaa olkaasa.

Dhukkubni ‘HIV’ kunis kan seelota dhukkuba nurraa lolan gadi buusu keessumaa yeroo dheeraa kan namarra ture yoo ta’eefi yaala kan hinarganne yoo ta’eedha. Dhukkuboota carraa ‘HIV’n uume kanatti fayyadamuudhaan dhala namaa huban keessaa inni hangafni tiibiidha.

Dhukkubni tiibii kunis tiibii sombaa qofa osoo hintaane tiibiin sombaa alaallee nama ‘HIV’ qabate kanarratti akka baay’atu beekamaadha. Kanaaf namni dhukkuba tiibii qabu dhukkuba ‘HIV’f illee qoratamuu akka qabuudha kan gorfamu.

Dhukkubni tiibii dhukkuba ‘HIV’ kana waliin walgargaaree akka nama hinhubne taasisuuf, utuu dhukkubni ‘HIV’ kun namarra hinturiin (osoo fayyaa jiranii) of qorachiisuudhaan of beekuufi qoricha ‘HIV’f kennamu seeraan fudhachuun barbaachisaadha.

Kunis qorichi ‘HIV’f kennamu kun, seelota dhiiga nurraa lolan qaama keenya keessatti argaman waal baay’ina isaanii dabaluuf dha. Kana gochuun dhukkuba tiibii qofa osoo hin taane dhukkuboota biroo ‘HIV’ waliin walqabatanii dhufan namarraa ittisa.

Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an,
Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Kiddus Phaawuloosiitti
baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 24/2012

Recommended For You

4 Comments to “Dhukkuba tiibii (tuberculsosi)”

  1. Pingback: jarisakti
  2. real doll MYSEXZONEからドリームアニメセックスドールを購入するホットディール170cmシリコン本物のセックスドールミケーレ、160cmマッスルウェルネスボディドールタニア、本物の超巨大な懐の人形

  3. Pingback: porn sex
  4. Pingback: barber Melbourne

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *