Gaazexaan Bariisaa ayyaana Irreechaa har’a kabajamurratti yaada jiraattota Finfinnee kanneen dhalootaan Oromoo hintaane walittiqabuuf yaalleerra. Namoota hedduu gaazexaa keenyaaf yaadasaanii qoodan keessaa kan Tigraay, Walaayittaafi Kambaataa akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Obbo Gaashaawu Dastaa
Ayyaanni Irreechaa kan nageenyaa, jaalalaa, waliiyaaduufi araaraa ta’uuttin amana. Irreechaan ayyaanichi duudhaa amantiifi aadaa of keessaa qabuudha. Akkuma beekamu nuti, lammiileen Itoophiyaa waantota adda nu taasisan akkuma qabnu duudhaalee walnufakkeessaniifi tokko nu taasisanis danuu qabna.
Kana keessatti kan eeramu wajjiin nyaachuu, hangafa kabajuu, walii dhiisuufi walgargaaruudha. Dhimmoonni kunniin duudhaalee ijoo lammiileen Itoophiyaa ittiin beekamaniidha.
Kanaaf ummata duudhaalee kana qabu biratti aadaaleen saboota biyyattii haala kamiin yoo kabajaman gaarii ta’a jechuun adeemsa gaariidha. Miira kanaan ayyaana dhiifamaa ta’uun kan beekamu Irreechi, akkamitti wajjummaan kabajna jedhanii madaaluun adeemsa sirriidha.
Akkuma qaamoleen hawaasaa ayyaanichi duudhaasaa eeggatee kabajamuuf tattaafatan jiran humnoonni ayyaana duudhaa cimaa qabaachuun amantiifi ilaalacha siyaasaa kamuurraayuu bilisa ta’uun beekamu kana qabiyyee siyaasaa akka qabaatu gochuuf wixxirfatan waan jiraniif kana toora qabsiisuun barbaachisaadha.
Keessumaa ayyaanni kun kan waldhabe kan itti araaramee waliidhiisuudhaan tokkummaan kabajnuudha jedheen amana. Kanaafuu saboonniifi sablammoonni Finfinnee keessa jiraannu maaltu akka nurraa eegamurratti bal’isnee yaaduu qabna.
Nuti, Itoophiyaanonni keessummaa simachuun beekamna. Ayyaana Irreechaa kanarratti keessummoota miliyoona afurii hanga shanii ta’an ni simanna jennee yaadna. Kanaafuu keessummoota kallattii biyyattii adda addaarraa dhufan kanneen nagaadhaan simannee nagaadhaan gaggeessuun duudhaa Itoophiyummaa keenyati.
Hunda dura ummata Finfinneerraa kan eegamu keessummoota kanneen simannee keessummeessinee gaggeessuudha. Ittaansee ayyaana Irreechaa haala faayidaa siyaasaafi dinagdee kamirraayyuu bilisa ta’een kabajuun ittigaafatamummaa ummataafi qaama hoggansaa sadarkaa sadarkaan jiruu ta’uu qaba. Irreechi ayyaana duudhaafi aadaa waan ta’eef faayidaa siyaasaas ta’e dinagdee kamiifuu oolfachuuf yaaduun sirrii miti.
Ayyaanichi kan mootummaa ykn kan dhaaba tokkoo miti. Kanaaf humnoonni ayyaanicha gara siyaasaatti jijjiiranii rogawwan adda addaatiin gurraachessuuf wixxirfachuurraa of qusachuu qabu. Gama biraatiin qamni kamuu madda daldalaa gochuu hinqanu. Irreecha ka’umsa godhachuun ispoonsaroota adda addaa walittiqabuun koree mootummaan beekuun ala badhaadhina dhuunfaatiif oolfachuuf fiiguun dogoggora. Adeemsa akkanaa ummanni cimsee ittisuu qaba.
Ayyaana Irreechaa galmee yuneeskoorratti galmeessisuuf mootummaan keenya tattaaffii cimaa gochaa akka jiru beekamaadha. Kanaaf ayyaana daran jaalatamaa ta’e kana ummatoonni biyya keenyaa waggaatti al lama jechuunis ji’a Fulbaanaafi xumura ji’a Eblaatti kan kabaju.
Ayyaanni amma kabajaa jirru kana hambummaa addunyaatiin galmeessisuuf odeeffannoowwan adda addaa funaanamaa jiraachuun beekamaadha. Kanaaf ayyaanichi haala sanaaf ta’uun akka kabajamuuf gumaachi tokko tokkoo hirmaataa, qaama qopheesseefi koree qindeessee daran olaanaadha. Kana keessatti keessumaa qoodni jiraattota Finfinnee guddaadha.
Irreechi ayyaana dhiifamaa waan ta’eef haaluma kamiinuu gochi qaama tokko ol kaasee kan ammoo xureessu calaqqisiifamuu hinqabu. Abbootiin Gadaas ta’an kanneen biroo duudhaa aadaa kana haala tasgabbaa’ina qabuufi miidhagaa ta’een akka raawwataniif utubuu qabna.
Yaadni kan koo qofa jedhuufi cichitummaa sabummaa biyya keenyatti babal’ataa dhufeera. Kanaaf yaada kan qofa jedhu keessaa baanee, ayyaanichi kan dhaaba biyyaalessaa tokkooti jennee otoo hin amanne, amantaa ayyaanichi kan saboota biyyattii hundaati jedhuun ilaaluun daran barbaachisaadha.
Kana jechuun ayyaana kanarratti hirmaattonni danuun qooda fudhatu. Sirbootaafi gochoota biroo saboota xureessan calaqqisiisuurraa of qusachuunis daran gaariidha. Adeemsa akkanaa hundi keenya balaaleffachuu qabna. Nageenya ayyaanichaatiif jecha keessumaa gocha sabummaa sabootaa xuqan raawwachuurraa tokko ol qabee kanarratti of eeggannaa gochuun ni barbaachisa.
Ayyaanicharratti maanguddoonni, dubartoonniifi daa’imman akkasumas lammiileen biyya alaa danuun waan hirmaataniif hunda dura nageenyaafi tasgabbiif iddoo kennuun murteessaadha.
Jiraattonni magaalaa Finfinnee yoo dandeenye keessummoota dhufan mana keenyatti simannee yoo dadhabne bakkuma jiranitti nageenyasaanii eeguu qabna. Nageenyaafi tasgabbii naannawa keenyaa eeguun ammoo ittigaafatamummaa hunda keenyaati. Baay’ina ummataarraa kan ka’e waldhidhiibbaan akka hinuumamneefis of eeggannaa gochuu barbaachisa.
Irreechi kan Oromoo qofa otoo hintaane kan guutummaa ummata biyyattii waan ta’eef, yuneskoonis kan galmeessu hambaa kiyyaa Itoophiyaa jedhee waan galmeessuuf kunuunfamee dhalootatti akka darbuuf hojjetamuu qaba.
Obbo Geetaachoo Ayyaalewu
Ayyaanni Irreechaa ayyaana biyyaalesaati, kan saba tokkoo qofa otoo hintaane kan ummatoota biyyattii hundaati. Irreechaan ayyaanota hirmaattota hedduu qooda fudhachiisuun kabajaman keessaa isa tokko. Irreechi ayyaana araaraafi wajjummaa waan ta’eef duudhaansaa eegamee dhalootaa dhalootatti ce’uu qaba.
Gannanaa Abarraa
Irreechi barana Finfinneetti kabajamu haala duudhaalee waliin jireenya sabootaa ibsuufi bakka bu’uun akka kabajamuuf ciminaan hojjetamaa jiraachuusaatti gammadeera.
Irreechi irra caalaatti qabiyyeewwan aadaa of keessaa waan qabuuf, hariiroon sabootaafi sablammootaa cimuun caalaatti akka walitti hidhaman kan taasisuudha. Duudhaaleen waliin jireenya hawaasaa kanneen akka nageenyaa, jaalalaa, araaraa, waldanda’uufi walkabajuus hawaasa bal’aa keessatti sirnaan hojiirra akka oolan kan jajjabeessudha.
Sirna kabaja ayyaanichaa Fulbaana 24 bara 2012 Finfinneetti gaggeeffamurratti hirmaachuuf akka Godina Sidaamaatti qophii hunda xumurree guyyicha eeggachaa jirra. Ejjettoofi Ejjettittiin Sidaamaas hariiroon ummata Sidaamaafi Oromoo hangam cimaa akka ta’e gochaan mul’isaa turaniiru; sirna ayyaana kanaarratti aadaafi duudhaan Oromoo kan Sidaamaas hammachuusaa kan calaqqisiifamu ta’a.
Hundarra ammo Irreechi duudhaalee waliin jireenya dhala namaaf barbaachisan waan qabuuf ummattootni biyyattii kunuunfachuu qabu. Ayyaanichis ummata Oromoofi biyyattii maraaf kan jaalalaa, araaraafi badhaadhinaa akka ta’uuf nan hawwa.
Charinnat Hundeessaafi Takkaalliny Gabayyootiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 24/2012
3 Comments to “Ayyaana Irreechaarratti yaada saboota biroo”