Duudhaaleen Irreechaa dhalootatti akka ce’aniif

Irreechi utuu Kuushotni adda adda hinqoodamin waggoota kuma 12 dura akka eegalame ragaaleen seenaa ni mul’isu. Ayyaanni kun guyyaa Oromoon eenyummaasaa itti yaadatee Waaqa, lafaafi waliisaa gidduutti araara buusuufi gamtaadhaan ba’ee Waaqasaa itti galateeffatuudha.

Irreechi Hora Finfinnee kan warra ardaa Muudaa waan tureef isa hangafa. Irreechi kun waggoota 150 dura kan dhorkame. Sana dura Oromoon Gullallee, Galaaniifi Eekkaa irreecha Finfinnee dhorkamanis araddaasaaniirratti irreeffataa turan.

Aadaan bade galuun seenaan jijjiiramnaan kunoo jaarraa tokkoofi walakkaa booda Irreechi qe’eesaatti deebi’uun tokko jedhee har’a kabajamaa jira. Kunis ummata Oromoo maraaf injifannoo guddaadha.

Irreechi har’aa kun iddoo akaakayyuuwwan keenya waggoota 100 dura afaaniifi aadaansaanii ukkaamamee qe’eesaaniirraa dhiibamanii turan itti yaadannuufi guyyaa  aadaan keenya  awwaalamee ture deebi’ee ifatti ba’uudha.  

Sirna Gadaa keessattis ta’e aadaa Oromoo keessatti Irreechi mallattoo nageenyaa, jaalalaa, araaraa, dhiifamaa, waldanda’uu, walkabajuu, walta’insaa, abdii, misoomaafi tokkummaati. Ummatichi duudhaasaa barri hinjijjiirreefi cimaa kanaan haala sabootaafi sablammoota biyyattiitiif darbees hawaasa addunyaatiif fakkeenya ta’uun hojiirra oolchaa, darbees hirmaachisaa jira.

Aadaa duudhaalee kanneeniin badhaadhe kan qabu Oromoon, durirraa kaasee dukkana gannaa, qilleensaafi rooba hamaa jalaa nagaan darbuusaatiif birraan yoo bari’u uumama jiidhoo qabatee malkaafi tulluurratti walgahee uumaasaa galateeffata, ulfina kenna. Kan guyyaa har’aa raawwatamus duudhaadhuma kana.

Wayita irreenfatamuttis, “Ganna gurraacha nagaan nu dabarsite, booruu gannaa nu ofkalchite, qilleensa hamaa jalaa nu dabarsite, sa’aa namaan ofkalle, galatni kan kee haa ta’u, baranas kan quufaa, nagaa, misoomaa, jaalalaafi tokkummaa nuu godhi, afaan bulchitoota biyyaafi ummataas wal nuu beeksisi” jechaati.

Kanaaf Irreechi duudhaalee dhala namaatiif barbaachisan, akkasumas walta’insa biyyaalessaa cimsaniin waan badhaadheef Oromoon akka abbummaatti kennaa cimaa kana akka qaroosaatti kunuunfataa ummattootni biyyattii biroonis aadaa cimaa kanarraa akka qooddataniif haalonni xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaba. Darbees duudhaafi mallattooleen Irreecha keessa jiran hawaasa addunyaa biratti akka beekamaniif tattaaffiin galmeessasaatiif eegalame cimee ittifufuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 24/2012

Recommended For You

7 Comments to “Duudhaaleen Irreechaa dhalootatti akka ce’aniif”

  1. Pingback: grote blote tieten
  2. Pingback: https://noonoo.org
  3. Pingback: pgg369
  4. Pingback: live shows
  5. Pingback: Telegram中文

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *