“Gabrummaa malee gibira hindidnu” -Atileet Warquu Biqilaa

Fedhii misoomaa hawaasni keenya qabu yeroorra yerootti dabalaafi babal’achaa kan deemu yoo ta’u, kanas duraa duubaan deebisuuf taaksiifi gibirri lammiileerraa sassaabamu murteessaadha.

Taaksiifi gibira ammoo kan hojjennerraa tilmaama nutti ramadameen akka deebisuu qabnu heerri  biyyattii tumus kan amanamummaan kaffalu meeqa jennee yoo ilaalle hanqina baay’eetu mul’ata.

Tibbuma kana aadaan gibiraafi taaksii amanamummaadhaan kaffaluu akka gabbatuuf kaffaltoota gibiraafi taaksii Oromiyaa fakkeenya ta’aniif beekamtiin kan kenname yoo ta’u, isaan keessaa Atileet Warquu Biqilaa isa tokko.

Atileet Warquu Biqilaa Magaalaa Dukamitti tajaajila hojii Hoteelaarratti kan bobbahe yoo ta’u, namoota amanamummaan gibiraafi taaksii kaffalaa jiran keessaa tokko. Innis gabrummaa malee gibira diduun fafa akka ta’etti kaasa.

Gibirri sassaabamu kallattiin mootummaaf akka waan galuutti waan yaadamuuf namoonni hedduu kaffaluuf yeroo sassatan mul’atu kan jedhe Atileet Warquun, gochi akkasii lammiirraa nyaachaa lammii hatuu waan ta’eef dammaqinaan kaffaluun barbaachisaa ta’uu eera.

Atileet Warquun hojii hoteelaa itti bobbahe kanarraa ji’aan galii guddaa argachaa jiraachuu yoo kaasu gibirasaas osoo hin waakkatiin yeroo gaafatame keessatti amanamummaadhaan deebisaa jiraachuuf beekamtiin ambaasaaddarummaa kennameefiira.

“Oromoon hattuu hinqabu kansaayyuu namaaf hiraa oola” kan jedhu Atileet Warquun, warshaaleefi manneen daldalaa guguddoo Oromiyaa keessatti bananii gibira ukkaamsan tokko lama akka hintaanellee kaaseera.

Gochaan alseerummaa hannaa kun akkasitti kan ittifufu yoo ta’e daldaltoonni amanamoofi lammiileen dheebuu misoomaa qaban gadadoof saaxalamu jedhee, hordoffiifi tarkaanfii barsiisaan akka fudhatamu dubbata. Gocha biyya miidhu kana dhabamsiisuuf qindoominni mootummaafi lammiilee barbaachisaa ta’uus kaaseera.

Saamichaafi ukkaamsaa gibraafi taaksiin walqabatee lammiin guyyaatti al takka nyaachuu hindandeenye jiraachuu kan  himan ammoo Pirezedaantii Ittaanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaati. Daldaltoonni hedduun eeyyamasaanii cinaatti daldala seeraan alaa gaggeessaa jiraachuus ni kaasu.

Oromiyaa keessa warshaaleefi indastiriiwwan jiran hedduu ta’anis hannaan walqabatee gibirri kaffalamaa jiru gadaanaadha jedhan. Ummanni misooma dheebochuun mootummaatti iyya, daldalaan gibira hatuun egeree biyyaatiif yaaddoo waan ta’eef tarkaanfiin barsiisaa fudhatamuun dirqama ta’uus eeran.

Waasihun Takiletiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 17/2012

Recommended For You

4 Comments to ““Gabrummaa malee gibira hindidnu” -Atileet Warquu Biqilaa”

  1. Pingback: JILISLOT
  2. Pingback: find out

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *