Maqsalaafi qophiileesaa

Ayyaanota sirna ho’aadhaan duudhaalee aadaatiin waa’elchamanii miidhaginaan kabajaman keessaa tokko ayyaana Masqalaati. Ayyaanni Masqalaa Oromoo dabalatee saboota biyya keenyaa hunda biratti qophii addaatiin kabajama.

Yeroo Masqalaatti nama dhiisnaan loonillee waan dhiyaana qabaniif margi dheedichaa ykn kaloon duraan dursee qophaa’a. Dhadhaafi loon qalmaaf ta’u, qoraanfaan dursee alaalatti qophaa’a. Namoonni gareedhaan loon bitanii qircaadhaan qalatanis dursanii alaalatti gurmaa’u.

Ayyaana Masqalaatti ijoolleen sababa hojiitiin bakka biraa jiraatanis gara maatii ofiitti deebi’uun guyyicha wajjummaan ho’isanii dabarsu.

Ayyaanni Masqalaa keessumaa jala bultiisaatti daran ho’a. Jalabultiin guyyaa wantoonni kabaja ayyaanichaatiif oolan itti guutamaniidha. Gubaa ykn damaraan ni qophaa’a.

Odeeffannoon maddawwan adda addaa arganne akka ibsanitti, birraan bari’ee Oromoon wayita xomboora ykn guca gubu ‘meeqa gubdee?’ jechuun umrii walgaafata. Xombora muka urgaa’aa akka kaseefi muka ejersaa itti makuunis miira ayyaanichaa caalaatti akka nama hawatu taasisa. ‘Hiyyoolee, birraa birraa keelloon daraaree,’ jechuunis sirbanii taphatu.

Gubaan jalabultii Ayyaana Masqalaatiif taasifama. Daraaraa keelloon waqtii Masqalaa qofatti daraarus mallattoowwan uumamaa birraan bari’uu agarsiisan keessaa tokko. Coqorsaafi daraaraa keelloo ammoo gaafa ayyaana waggaa akka hafaatti waan gargaaruuf hawwooliin ni qopheeffatu. Hafaa keessa ammoo arrittiin itti dabalamnaan urgaan manaa caalaatti nama hawata. Kanaaf egaa namoonni baay’een hafaa bitachaa kan jiraniif.

Oromoon erga xombora gubee xumuree booda, boromtaasaa loon hora buusa. Ofiinis malkaa bu’uun irreeffatee Waaqasaa galateeffata. Gaafa jala bultii meeshaaleefi mi’oota kabaja ayyaanichaatiif barbaachisan bituun dabarsa.

Gubaa xomboraa ijoolleerraa kaasee hanga jaarsoliitti hunduu irratti hirmaatu. Osoo abbaan warraa xombora qabsiifachaa jiruus, haadholiin muka ijersa itti suuqaa eebbaan badhaasu. Kana boodas, waan dhugamuufi nyaatamu qabatanii ollaa wajjin nyaachaa Rabbi galateefattu. Keessattuu guyyaa damaraa Roobni roobnaan, barri sun bara quufaa ta’a jedhaame yaadama. Masqalli ol fuudhee nama ilaalaa waan jedhamuufis namaa sa’ii quufanii akka bulan taasifama. Dargaggoonni ammoo halkan guutuu walitti qabamuun namoota faarsaa dheechisaa bulu.

Sirboota barii birraa sirbaman keessaas “Hiyyoo koo daree, yaa abaaboo daree.” jedhanii irreeffataa ittiin galateeffatan isa tokko.

Oromoon birraa keessa ayyaanota waggaa gara garaa kabajata. Isaan keessaa Gubaa ykn Masqalaafi Irreechii kanneen Oromoo biratti siirriitti beekamaniidha.

Akka hayyuun seenaa aadaa Oromoo Obbo Dirribii Damisee “BBC” Afaan Oromootti waggoota lama dura himanittis  Masqalli Oromoo biratti mootii ayyaanaa jedhamee waan fudhatamuuf akka ayyaana bara haaraatti ilaalama.

Masqalli keessattuu hawaasa baadiyyaa biratti yeroo ce’umsa waqtii gannaatii gara ifa birraatti taasifamu waan ta’eef bakka guddaa qaba. Taatewwan hedduus of keessaa qaba waan ta’eef sirriitti hojii beeksisuuti hintaasifamne malee Oromoo biratti Ayyaanni Masqalaa ayyaana guddaadha ykn mootii ayyaanaati.

Akkaataan Gubaan Oromoo biratti ittiin kabajamu akkuma naannawa naannawatti garaa garummaa qabaatus jala bultiin yeroo torban lamaa hanga baatii tokkorraa kaasanii dhiironniifi shamarran akka sirbaniidha hayyoonni  kan ibsan.

Ayyaana Gaarii!

Recommended For You

2 Comments to “Maqsalaafi qophiileesaa”

  1. Pingback: sex gay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *