Fiigichi guddicha Irreechaa amartii nageenyaati

Finfinnee: Fiigichi guddicha Irreechaa Dilbata borii Magaalaa Finfinneetti kan adeemsifamu ta’uusaa Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa beeksise. Fiigichi kunis walta’insa Komishinii Ispoortii Oromiyaafi Federeeshinii Atileetksii Oromiyaan qophaa’uun ibsameera.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa akka ibsanitti, qophiilee Irreechaa barana Hora Finfinneefi Arsadeetti kabajuuf taasifamaa jiran keessaa tokko fiigichi guddicha Irreechaa boru, Fulbaana 11 bara 2012 Finfinnneetti adeemsifamuudha. Kaayyoonsaa inni guddaanis Irreechi amartii nageenyaa, tokkummaafi jaalalaa ta’uu sabootaafi sablammoota biyyattiifi hawaasa addunyaatti beeksisuudha.

Amartii nageeyaa ta’uurra darbees Itoophiyaa haaraa ijaaruu keessatti qooda olaanaa kan qabu waan ta’eef, martinuu garaagarummaa ilaalchaa, amantiifi siyaasaa malee irratti hirmaachuu akka qabu gaafataniiru.

Fiigicha kanarratti lammiileen biyya keessaafi alaa kuma shantama ta’an kan hirmaatan yoo ta’u, uffanni ispoortii(t-shartiin) kuma shantama gurguramaa jiraachuusaas eeraniiru. Rakkoo nageenyaas akka hinuumamneef qaamolee nageenyaa Oromiyaa, Finfinneefi federaalaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiras jedhan.

Ittigaafatamaan Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa Obbo Naggaa Tuujubaa gamasaaniin akka jedhanitti, ayyaana Irreechaa baranaa Hora Finfinneefi Arsadeetti kabajamu sababeeffachuun fiigichi guddichaa kiiloo meetira kudhanii bor handhuura Oromiyaa, Finfinneetti adeemsifama. Fiigicha kanarratti atileetotni bebbeekamoo biyya keessaafi alaa, kilabootni atileetiksii Oromiyaa, akkasumas kutaaleen hawaasaa garagaraa hamilee guutuun kan hirmaatan ta’uu himaniiru.

Fiigichi guddicha Irreechaa kun mallattoo nageenyaa, tokkummaafi jaalalaa waan ta’eefis, naamusa olaanaadhaan kan adeemsifamu ta’uus dubbataniiru. Kanaafis namootni fiigicha kanarratti hirmaatan marti naamusa ispoortii eeganii xumuruu akka qaban hubachiisaniiru.

Atileetonnis ta’e namootni fiigichicharratti tokkoffaa hanga sadaffaa bahuun injifatan walduraa duubaan meedaaliyaafi qarshii kuma 50, kuma 30fi kuma 20 kan badhaafaman ta’uus ibsaniiru. Kanneen fiigichicharratti hirmaatan marti meedaaliyaa kan argatan ta’uus ibsameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012

Recommended For You

5 Comments to “Fiigichi guddicha Irreechaa amartii nageenyaati”

  1. Pingback: free cam tokens

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *