Ayyaanna Irreechaa: Waltajjii jaalala, nagaafi tokkummaa

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee jaarraa tokkoo oliif addaan citee ture barana yeroo jalqabaatiif Fulbaana 24 bara 2012 Finfinneetti ni kabajama. Borumtaasaa ammoo ayyaana Irreechaa Hora Harsadiitu Bishooftuutti kabajama. Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaas kabaja ayyaana Irreechaa baranaa ilaalchisuun torban har’aa gaazexeessitoota miidiyaalee gara garaa wajjin mari’ateera.

Ogeessi Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa, Obbo Sintaayyoo Tolaa barreeffama marii waltajjicharratti dhiyeessaniin akka jedhanitti, Irreechi ibsituuwwan sirna Gadaa keessaa isa tokko. Irreechi sirna ummatni Oromoo Uumaa (Waaqa) isaa itti kadhatuufi galateeffatuudha. Ayyaanni Irreechaa waltajjii tokkummaan Oromoo itti calaqqisee mul’atuudha. Ayyaanni kun tokkummaa ummata Oromoo cimsuurra darbee ijaarsa Itoophiyaa keessattis gahee inni qabu olaanaadha.

Namootni tokko tokko ayyaana Irreechaarratti hubannoo dogoggoraa waan qabaniif maalummaa Irreechaa akka hubataniifi ayyaanni Irreechaa yoom, eessattiifi akkamitti kabajamuu akka jalqabe hubachiisuun barbaachisaadha.  Ayyaanni Irreechaa ilaalcha siyaasaa kamiirraayyuu bilisa kan ta’e ayyaana aadaa ummata Oromooti. Duudhaan ayyaanichaas tokkummaa ummata Oromoo cimsuufi aadaa ummatichaa calaqqisiisuurra darbee tokkummaa biyyaalessummaa ijaaruu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uu dubbatu.

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee jaarraa tokkoo oliif addaan cite ture barana Fulbaana 24 bara 2012 Finfinneetti kabajamuuf qophiin barbaachisu taasifamaa jira. Ayyaannichi tokkummaafi obbolummaa ummatni Oromoo sabootaafi sablammoota biyyattii waliin qabu cimsuu keessattis gahee olaanaa akka qabuufi Irreechi Hora Finfinnee bara 1879 kabajamaa turuu, ayyaanni Irreechaa Hora Harsadiis waggoota 116 duraa kaasee kabajamaa jiraachuu suuraadhaan deggaranii ibsaniiru. Ayyaanni Irreechaa yoom kabajamuu akka eegale sirriitti beekamuu baatus amantii ummattoota Kuush wajjin kan walqabatu ta’uu qorattoonni seenaa Kuush durii ni mirkaneessu jedhan.

Jiraattonni Finfinnees ayyaanicha miira nagaa, jaalalaa, obbolummaafi tokkummaa biyyaalessaa ijaaruun akka kabajaniif hubannoo gahaa akka qabaatan gochuun barbaachisaadha. Ummatni waa’ee Irreechaarratti hubannoo gahaa akka qabaatuufi barsiisuun ammoo miidiyaaleerraa kan eegamu waan ta’eef dhimmichaaf xiyyeeffannaa kennanii akka hojjetan hubachiisan.

Irreecha ayyaanaa ummatni Oromoo Waaqa  hunda uumeefi hunda gochuu danda’u itti kadhatuufi galateeffatuudha. Barri kun bara nagaa, fayyaafi gammachuu akka ta’uuf ni kadhata. Irreechi ayyaana eebbaa, galataa, araaraa, jaalalaa, nagaa, tokkummaafi obbolummaati.  Ayyaannichi aadaa, duudhaa, tokkummaafi  obbolummaa ummata Oromoo cimsuufi haaressuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus dubbataniiru.

Irreechi ayyaanota aadaafi amantaa Itoophiyaa keessatti kabajaman keessaa baay’ina ummata irratti hirmaatuun dorgomaa hinqabu kan jedhan Obbo Sintaayyoon, ummatni miliyoona afur ta’u garaa garummaa siyaasaa, amantiifi fageenyaa tokko malee kan irratti hirmaataa ture ta’uu himan.

Kan baranaarrattis ummatni miliyoona shanii hanga torbaa ta’u ni hirmaata. Irreecha akka Afrikaattis ta’e Itoophiyaatti ayyaana guddaa ummatni miliyoona afur kan amantii adda addaa hordofu kaayyoo tokkoof bakka tokkotti argamee kan ayyaaneffatuudha jedhu.

Ummatni Oromoo Irreecha waggaatti yeroo lama kabaja. Isaanis Irreecha Birraa (Malkaa)fi  Irreecha Arfaasaa (Tulluu)ti. Irreechi Birraa yeroo wayitiin gannaa darbee birraan bari’u Fulbaana keessa ayyaana Gubaa (Masqalaa) booda marga lalisaafi daraaraa keelloo ykn adaa qabatanii gara lagaa ykn haroo dhaquudhaan kabajama. Irreechi Tulluu (Arfaasaa) ammoo Bitootessaa hanga Caamsaatti kabajama. Ayyaanni kun irra caalaa dhuma Eblaafi jalqaba Caamsaatti marga bonaafi ganna hingogne, Coqorsa qabatanii bakka olka’aa, tulluufi gaararratti  kabajama jedhu Obbo Sintaayyoon.

Ummatni Oromoo Irreecha Malkaarratti Waaqa bacaqii gannaa keessaa booqa birraatti isa baase kadhatee kan galateeffatu yoo ta’u, Irreecha tulluu irratti ammoo Waaqa wayitii bonaa keessa isa dabarse galateeffachuudhaan wayitiin gannaas kan nagaa akka ta’uuf kadhata. Irreechi ayyaana seeraafi safuu uumamaa waan ta’eef bakkawwan itti kabajamus safuu qaba jedhu.

Ayyaanni Irreechaa sirna mataasaa qaba. Jala bultii ayyaanichaatti sirni muudaa ni geggeeffama. Abbootiin Gadaafi abbootiin Malkaa sirna galateeffannaa, kadhannaa, eebbaafi araaraa ni geggeessu. Guyyaa ayyaanichaas uffannaa aadaafi faayaawwan aadaatiin bareedanii bakka ayyaanichi itti kabajamutti walga’u.

Yeroo bakka irreeffannaa deeman shamarran dura deemu, ittaanee dubartoota, isaanitti aanee abbootii Gadaafi maanguddoota yoo ta’u, dargaggoonni ammoo sirba aadaafi taphoota aadaa dhageessisaa isaan booda deemu. Irreeffannaa booda eebbi ni taasifama, ergaanis ni darba. Meeshaaleen aadaa adda addaas ni gurguramu. Yeroo dhiyoo as ammoo sirni fuudhaafi heerumaas ayyaanicha irratti raawwatamuu eegaleera jedhu.

Waggoota muraasaa as saboonniifi sablammoonni biyyattii biroonis uffannaafi faayaawwan aadaasaanii ibsuun faayamanii ayyaana Irreechaarratti hirmaachaa jiru. Lakkoofsi tuuristoota biyyoota adda addaa ayyaanicharratti argamanis ta’e galiin damee kanarraa argamu dabalaa dhufeera. Irreecha hora Finfinnee baranaarratti namoonni miliyoona shanii ol ni argamu jedhamee tilmaamama.

Namoota kunneenirraas galiin qarshii biiliyoonaan lakkaa’amu ni argama. Galiin kun guddina dinagdee Finfinnee, magaalota addaa Oromiyaa naannawa Finfinneefi Bishooftuus ta’e biyyattii sochoosuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himu.

Irreechi ayyaana dhiifamaafi araaraati. Ayyaanichaan dura namootni walitti bu’an walitti araaramuufi dhiifama walii  gochuutu irraa eegama. Irreechi ayyaana jaalalaa, dhiifamaa, araaraa, obbolummaa, nagaa,  tokkummaa, abdiifi badhaadhinaa waan ta’eef onneefi sammuu qulqulluudhaan kabajuutu nurraa eegama.

Yoo kana ta’uu baate Waaqni galatas ta’e kadhannaa keenya hindhaga’u. Nageenya buusuun, jaalala, obbolummaa, walkabajuufi  waldanda’uun duudhaa ayyaana Irreechaati jedhu.

Duudhaalee ayyaana Irreechaa kabajuun rakkoolee walitti bu’iinsaa, seeraan alummaafi jibbiinsaa biyyattiitti mul’achaa jiran furuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf sadarkaa biyyaaalessaatti ayyaana saboonni, sablammootniifi ummattoonni Itoophiyaa waliin kabajan utuu taasifamee bu’aa guddaa  kan qabuufi hariiroo sabootaafi sablammoota gidduu jiru daran cimsuuf kan gargaaru ta’uu himu.

Ummatni Itoophiyaa dudhaalee aadaa babbareedoofi ajaa’ibsiisoo addunyaaf fakkeenya ta’an hedduu kan qabaatus duudhaalee kunneen guddisuu, babal’isuu, kabajuu, itti fayyadamuufi beeksisuurratti muuxannoo gahaan hinjiru. Duudhaa biyyoota alaatii qooddannurra kan nuti walii keenyarraa qooddannutu miidhagina qaba waan ta’eef duudhaalee aadaa keenya beeksisuufi ittifayyadamuurratti xiyyeeffannee hojjechuutu nurraa eegama.

Duudhaa aadaa keenyaatti fayyadamuun tokkummaa biyyaalessummaa uumuu keessattis gahee olaanaa waan qabu kana  hubannee haa hubachiisnu.

Irreechi Hora Finfinnee waggaa 133 har’aa ykn  bara  1879 kana fakkaata ture

Irreechi Hora Harsadii Bishooftuu, waggaa 116 har’aa ykn bara 1896 akkasitti kabajame

Suurri: Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012

Recommended For You

7 Comments to “Ayyaanna Irreechaa: Waltajjii jaalala, nagaafi tokkummaa”

  1. Pingback: poker
  2. Pingback: bdsm models
  3. Pingback: best cams
  4. Pingback: Engineering1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *