“Daldalli seeraan alaa yeroo ammaa hidda gad fageefatee biyya jigsaa jira” Dhaabbata Gabaa Omisha Qonnaa Oromiyaa

Dhaabbatni Gabaa Omisha Qonnaa Oromiyaa bara 2003 hundaa’e. Dhaabbatichi dhaabbilee misoomaa saglan Oromiyaa keessa jiran keessaa isa tokko yoo ta’u, itti waamamnisaa Abbaa Taayitaa To’annoo Dhaabbilee Misoomaa Oromiyaati. Kaayyoon dhaabbatichaa omishaalee qonnaa yuuniyeenotaafi qonnaan bultootarraa bituudhaan gatii madaalawaan fayyadamtootaaf dhiyeessuu ture. Dhaabbatichi rakkoolee gara garaa isa mudaterraa ka’uun hojiisaatti utuu hinmilkaa’in hafuun abdii bor guddachuufi milkaa’uu qabatee socho’aa jira.

Hojii geggeessaan dhaabbatichaa Obbo Hayiluu Dajanee ibsa dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, gabaa omishaalee qonnaa ammayyeessuun isa gurguruufis ta’e isa bitatuuf haala mijeessuun, walitti hidhamiinsa gabaa uumuufi odeeffannoo gabaa omishaalee qonnaa kennuun hojiilee guguddoo dhaabbatichi kennuudha. Odeeffannoon gabaa omishaalee qonnaas karaa miidiyaalee adda addaatiin ummata bira akka ga’u taasisaa jiraachuu himu.

Dhaabbatichi gama bakka gurgurtaafi mankuusaa omishaalee qonnaa ijaaruufi odeeffannoo gatii gabaa omishaalee qonnaa kennuutiin milkaa’eera kan jedhan  Obbo Hayiluun, walitti hidhamiinsa gabaa uumuurratti hanqinni jiraachuun, seeraan alummaan babal’achuun hojiisaaniirratti gufuu ta’uu eeran.

Qorannoo dhaabbatichi gabaa midhaanii Massaalamiyaa (Finfinnee) irratti adeemsiseen daldaltootni eeyyama daldalaa qaban 116 yoo ta’an, kanneen eeyyama daldalaa hinqabne ammoo kuma shan ta’u. Daldaltoota seeraan alaa kunneen to’achuufi hordofuun hojii xiyyeeffannaa olaanaadhaan itti fufiinsaan hojjetamuu qabuudha. Rakkoo kana furuuf hojiin kanaan dura raawwatame gahaa waan hintaaneef rakkoon kun ammayyuu ittifufee kan jiru ta’uu himu.

Daldalli seeraan alaa yeroo ammaa hidda gad fageefatee biyya jigsaa jira kan jedhan Obbo Hayiluun, kontirobaandiifi daldalli seeraan alaa rakkoo sirna kanaa akka ta’e mootummaanis ni beeka. Daldalli seeraan alaa kun faayidaawwan adda addaa waliin waan walqabatuufi humna cimaa waan qabuuf mootummaan daldala seeraan alaa to’achuuf humnasaa cimsatee ittifufiinsaan hojjechuu akka qabu yaadachiisu.

Daldalli seeraan alaa babal’achuun namni omishu gatii dadhabbiisaa akka hinarganne, inni bitatus qaala’iina gatiitiin akka miidhamu taasisaa jira jedhanii, rakkoon gama kanaan jiru dafee furamuu baannaan ummataafi mootummaa walitti buusuu akka malu dubbatu. Xinxaala geggeeffameen akkaataa gatiin midhaanii barana ittiin dabalaa jiru daran sodaachisaafi bara darbe giddugaleessaan xaafiin kuntaalli tokko qarshii kuma lamaafi 700 ture barana qarshii kuma sadiifi 500 ta’uu himu.

Gatii gabaa midhaanii tasgabbeessuuf mootummaan midhaan biyya alaatii bitee galchuu qofa utuu hintaane gatii midhaan biyya keessaa tasgabbeessuurrattis xiyyeeffatee hojjechuu qaba kan jedhan Obbo Hayiluun, akkasumas sirna gabaa haqa qabeessa diriirsuufi qaamolee shira xaxuudhaan gabaan akka hintasgabboofne taasisan irrattis tarkaanfii barbaachisu fudhatamuu akka qabu dubbatu.

Daldalli seeraan alaa dhaabbaticha qofa osoo hintaane dinagdee biyyattiis kuffisaa waan jiruuf gara fuulduraatti rakkoon kun furamee bor aduun nuuf ba’a jennee yaadna kan jedhan hojgeggeessichi, qaala’ina jireenyaa mudate kana furuufis omishaafi omishtummaan akka dabalu taasisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabus himaniiru.

Kanneen shira adda addaa xaxanii gatiin gabaa akka dabalu taasisaa jiran irratti tarkaanfiin barbaachisu fudhatamuu akka qabu dubbatu.

Dhaabbatichatti ogeessi odeeffannoo gabaa Moosisaa Eebbisaa akka jedhetti, haalli gabaa baroota darbaniifi kan yeroo ammaa walhinargu. Barana gatiin midhaanii baay’ee dabaluusaatiin qaala’ini jireenyaa akka mudatu taasiseera.

Bara 2011 xaafiin kuntaalli tokko qarshii kuma tokkoofi 800 ture. Yeroo ammaa garuu xaafii kuntaalli tokko hanga qarshii kuma sadiifi 700tti gurguramaa jira. Gatiin xaafii garmalee dabaluun hanqina omishaatiin utuu hintaane daldalli seeraan alaa babal’achuufi abbaan qabeenyaa omishaalee qonnaa hanga eeyyamameef %25 ol bitee kuusuu isaatiin rakkoo uumameedha jedha.

Omishaalee qonnaa bitanii kuusuun gatiin midhaan gabaarra jiruu akka dabalu taasisuudhaan qaala’inni jireenyaa akka mudatu taasisaa jira kan jedhu Moosisaan, mootummaan daldaltoota seeraan alaa komiishinii argachuuf jecha gatii midhaanii irratti dabalanii gurguraniifi abbootii qabeenyaa omishaalee qonnaa hanga eeyyamameefiin ol bitanii kuusan irratti tarkaanfii barbaachisu fudhachuu akka qabu dubbata.

Mootummaan daldaltoota Omishaalee qonnaa eyyama daldalaa qabaniifi hinqabne adda baasuuf yeroo mara sakatta’iinsa geggeessuu qaba. Sakkata’iinsa bulchiinsi Magaalaa Adaamaa tibbana taasiseen omishaalee qonnaa kuufaman hedduu qabee akka ture hima.

Mootummaan gabaa seeraan ala dhaabbatan kan taaksiifi taariifarraa hinarganne kanneen akka gabaa Massaalamiyaa Finfinneetti argamuu dhabamsiisuu qaba kan jedhe ogeessi kun, gabaan Massaalamiyaa mootummaadhaaf gibiraafi taaksii kaffalu tokkoyyuu kan hinqabne ta’uu eera.

Kun guddina biyyaarrattis ta’e hojiilee misomaa gara garaa irrattillee dhiibbaa waan qabuuf mootummaan gabaa seeraan alaa kana dhabamsiisuufi kan akka Dhaabbata Gabaa Omisha Qonnaa Oromiyaa ija siyaasaatiin ilaalamuun humna dadhabee kufee jiru ammoo jajjabeessuu akka qabu yaadachiisa.

Omishaaleen qonnaa %75 ta’u naannoo Oromiyaarraa argama. Naannichi gabaa ofii isaa yoo dhaabbate  gabaan seeraan alaa Massaalamiyaa waan kufuuf daboonni gara garaa  Dhaabbata Gabaa Omisha Qonnaa Oromiyaa irratti hojjetamaa turaniiru. Rakkoo kana furuuf mootummaan naannichaa hojjechaa kan jiru ta’us dhimmichi ammayyuu xiyyeeffannoo olaanaa kan barbaadu ta’uu hima.

Mootummaan gabaa seeraan alaa dhabamsiisuufi gabaa ittiin bulmaata mataa isaa qabuufi seera mootummaa hordofu jajjabeessuufi  dhaabuudhaan qaala’ina jireenyaa hir’isuu qaba kan jedhe ogeessi odeeffannoo gabaa kun, daldaltoota seeraan alaa irrattis tarkaanfii barbaachisu fudhachuu akka qabus yaadachiiseera.

Kaayyoon hundeeffama Dhaabbata Gabaa Omisha Qonnaa Oromiyaa qonnaan bultoota naannichaa fayyadamoo taasisuu, daldaltoota seera qabeessa jajjabeessuun gatiin midhaanii seeraan ala akka hindaballe taasisuudhaan qaala’inni jireenyaa akka hinmudanne taasisuu ture kan jedham  Moosisaan, mootummaa federaalaas ta’e mootummaa naannichaarraa xiyyeeffannoo gahaa argachaa waan hinturreef kaayyoo qabatee ka’e milkeessuu hindandeenye. Dhiibbaa daldaltoonni seeraan alaa bakka adda addaa jiran dhaabbaticharraan gahanis akka salphaatti kan ilaalamu akka hintaane eera.

Dhaabbatichi kaayyoo qabatee ka’e milkeessuuf mootumma federaalaa, mootummaa naannoo Oromiyaa, bulchiinsa magaalaa Finfinneefi daldaltota waliin haasa’uu qaba kan jedhe ogeessichi, daldaaltota seera qabeessa humna guddaa qaban of harka galchuunis dhimma ijoo dhaabbatichi irratti hojjechuu qabu ta’uu hima.

Daldaltoonni dhaabatichaa yeroo ammaa omishaalee qonnaa daldaltoota gabaa Masaalamiyaarraa gatii olka’aadhaan bitanii gatii ittiin bitan irratti dabalanii gurguraa jiru kan jedhu Moosisaan, daldaltonni gabaa Masaalamiyaa garuu qonnaan bultootarraa xaafii kuntaala tokko qarshii kuma lamaafi 500n bitanii qarshii kuma sadiifi 700tti gurguraa jiraachuu dubbata. Daldaltoonni dhaabbatichaas ta’e kanneen biroon gad bu’anii yuuniyeenotaafi qonnaan bultootarraa bitanii kan gurguran utuu ta’e gatiin  midhaanii akkas dabalee qaala’inni jireenyaa hinmudatu ture jedha.

Gatiin midhaanii garmalee dabaluudhaan qaala’ina jireenyaa mudatee furuuf mootummaan gabaa midhaanii Masaalamiyaa akka gabaatti hundeessu ykn gabaa omishaalee qonnaa gatii madaalawaadhaan dhiyeessu hundeessuu qaba kan jedhu Moosisaan, maddi omisha midhaanii hanga hinsirrannetti gatiin gabaas sirrachuu hindanda’u jedha.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012

Recommended For You

5 Comments to ““Daldalli seeraan alaa yeroo ammaa hidda gad fageefatee biyya jigsaa jira” Dhaabbata Gabaa Omisha Qonnaa Oromiyaa”

  1. Pingback: slot gacor
  2. Pingback: pk789

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *