Qunnii buqqifannaa

Bari’uun birraa sabootaafi Sablammoota Itoophiyaa biratti haalota adda addaatiin yaadatama ykn kabajama.Oromoo biratti irra caalaa Irreechi akka bara haaraatti fudhatama ykn kabajama. Fooliin birraa kan urgaa’u Irreecharraa kaaseeti. Kan ijoolleen gammadan, kan qeerroofi qarreen sirban, kan abbaan fardaa dirreetti ba’ee  gugsii ykn garmaama taphatu, kan namni nyaatee dhugee waliin gammadu yeroo kana.

Qe’ee sabaafi sablammiitti gorree yoo ilaalle, ayyaana bara haaraa kan mataasaanii kan qaban jiru. Fakkeenyaaf saba Sidaamaa yoo fudhanne Fiichee Cambalaalaa jedhee ayyaanasaa sirna ajaa’ibaan jaarsaa-jaartiin, shamarranii-dargaggeessaatti kabajatu. Guyyaan ayyaanaa kunis kan murtaa’u ayyaantuudhaani.

Gama Oromootti yoo deebine ammoo birraan haalota adda addaatiin kabajama. Haalota kanneen keessaa shamarraniin kan geggeeffamu taphni qunnii buqqifannaa ykn shinooyyeen isa tokko.

Shamarran Oromoo shinoyyee ykn qunnii qabatanii gammachuusaanii haala uumamaa wajjin walsimsiisaa guyyaa itti dabarsan ta’uu  hogganaan  ittaanaa  Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa ibsa dhimmicharratti  Gaazexaa  Addis Zamaniif kennaniin kan eeran.

Taateen kun guyyaa itti shamarran waa’ee bari’uu birraa ibsan qofa otoo hintaane bilisummaasaaniis dirreetti bahanii ibsatan ta’uus ni eeru. Adeemsa kana keessa waltajjiin kun kaadhimamummaafis kan itti filataman  waan ta’eef carraa kanatti fayyadamuuf ni tattaafatu. Ta’us akka aadaa Oromootti yeroo tapha akkanaatti ayyaanichi kan shamarranii qofa waan ta’eef  dhiirriifi durbi walfaana taphachuun  hineeyyamamu.

Ayyaanni kun ayyaana shamarran hinheerumin hiriyyootashee waliin  marga lalisaa, qunnii jedhamu buqqifachuun mana ollaafi firaarra naanna’uun sirbituudha. ”Buqqisa buqqifannaa, gurguddaan nurraa haa deemu, xixinnaa guddifanna” jechuun sirbu.

Shamarran mana namaarra deemanii ”Hiyyoo yaa daraareehoo” jedhanii yoo sirban, mataasaaniitti dhadhaa dibatanii, itittuu dhuganii, nyaataniifi eebba argatanii galu.

Bakkawwan tokko tokkotti aadaan kun walmakaa dhufee maallaqa fudhatu malee dhadhaa muuduufi itittuu dhuguun hafaa jira.

Ayyaanni kun naannawawwan tokko tokkotti akka lakkoofsa biyyaatti jala bultii ayyaana bara haaraa jedhamee kabajama.

Oromoon bara haaraa jedhee yeroo itti kabaju wayita roobni guddaan darbee, ililliin birraa daraaruufi malkaan taliila akka ta’eedha hayyoonni seenaa kan dubbatan.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012

Recommended For You

3 Comments to “Qunnii buqqifannaa”

  1. Pingback: important source

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *